Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Linkolnii Hanga Joon F Keneediitti: Seenaa ajjeechaawwan siyaasaa US
Ajjeechaa michuu siyaasaa dhihoo Doonaald Tiraamp, Chaarlii Kirk hordofee barbaacha cimaa sa'aatii 33 kan ta'uuf gaggeeffameen nama isa ajjeese to'atameera.
Aktivistiin seenaa guddaa qabuu fi deeggaraa garee siyaasaa Tiraamp ta'e, Charlii Kiirk Roobii darbe yunvarsiitii Yuutaah keessatti haasaa osoo taasisaa jiruu ture rasaasni itti dhukaafameen morma keessa rukutamee ajjeefame.
Eenyummaan nama ajjeechaa kana raawwatee dargaggoo umuriin waggaa 22 fi maqaansaa Taayolar Roobinsan kan jedhamu ta'u adda baafameera.
Garuu Tiraampis ta'e bulchaan kutaa Yuutaah ajjeechaan kun siyaasaan akka walqabatu himan.
Ajjeechaan Kiirk kunis agarsiistuu haleellaawwan sukaneessoo Ameerikaa keessatti meeshaalee waraanaatiin raawwatamanii fi siyaasa bu'uureffatan hedduu keessaa isa dhihooti.
Seenaa Amerikaa keessatti ajjeechaawwan namoota senaa qabanii muraasa haa ilaallu.
Pirezedaantota
Pirezedantii Ameerikaa 16ffaa, Abrahaam Linkon
Abrahaam Linkon Pirezedantii Ameerikaa harka namaatiin ajjeefaman jalqabaati. Eebla 14, bara 1865 osoo Washington DC keessatti haadha warraa isaanii waliin Tiyaatira daawwachaa jiranii dhukaasa Joon Wiikis Boozin itti dhukaafameen ajjeefaman.
Borumtaa rasaasaan rukutamanitti lubbuun isaanii kan darbe. Mirga Gurraachotaaf dhaabbachuun, ajjeefamuu isaaniitiif ka'umsa akka ta'etti himama.
Namni isaanitti dhukaase Booz guyyoota muraasa booda Virjiiniyaa keessatti ajjeefame.
Pirezedantii Ameerikaa 20ffaa, Jeemis Garlifild
Jeemis Garlifild seenaa Ameerikaa keessatti Pirezedantii harka namaatiin ajjeefaman 2ffaadha. Adoolessa 2, bara 1881 Waashington DC keessatti osoo buufata baaburaa keessa miilaan deemaa jiranuu nama Chaarlis Gutey jedhamuun ajjeefaman.
Erga rasaasaan rukutamaniin booda ji'oota muraasa qofaaf waajjira seenan. Hakiimonni rasaasa qaama isaanii keessa jiru argachuu dhabanii Ji'a Fulbaanaa keessa lubbuunsaanii darbe.
Namni rasaasaan isaan rukute Guteey, dhukkuba sammuu akka qabu kan himame yoo ta'u, yakka raawwateen balleessaadha jedhamee Waxabajjii bara 1882 du'aan adabame.
Pirezedantii Ameerikaa 25ffaa, Wiiliyaam Mikinliy
Wiiliyaam Mikinliy, Niwyoork, Fulbaana 6, bara 1901 Bufaaloo keessatti haasaa taasisaa osoo jiran rasaasan rukutaman.
Pirezedantichi rakkoo hamaa rasaasa Liyoon Kilgozi itti dhukaase kanarraa kan ka'een guyyoota muraasa booda lubbuun darban.
Kilgozin ajjeechaa kanaan balleessaadha jedhamuun Onkololeessa 1901 du'aan adabame.
Pirezedantii Ameerikaa 35ffaa Joon F Keneedii
Keneediin Sadaasa 22, bara 1963 osoo Daalaasiitti daawwannaarra jiranii rasaasaan haleelaman. Eegasii Hospitaala geeffamanis yeroo xiqqoon booda lubbuun darbe.
Isaan rasaasaan rukutamanii sa'aatiiwwan keessatti namni rasaasaan isaan haleelee fi miiltoon hojii galaanarraa duraanii Lii Harvey Oswald poolisiin too'atame.
Guyyoota lamaan boodas Oswald wiirtuu poolisii irraa gara mana hidhaatti erga dabarfameen booda abbaan qabeenyaa mana dhiichisaa, Jaak Rabii rasaasaan rukutee ajjeese.
Kaadhimamtoota Pirezedaantii
Seenaatara Dimokiraatotaa: Roobert F Keneedii
Roobert F Keneediin obboleessa Pirezedantii Joon F Keeneedii yoo ta'an, US'tti seenaatara Niiw Yoork turan. Joon F keeneediin ajjeefamee waggaa shan booda innis kan ajjeefame.
Keeneediin bara 1968 mana marii sadarkaa duraa Kalifoorniyaa erga injifachuusaa labseen booda pirezedantummaaf kaadhimamuuf yeroo adeemsarra turetti Loosaanjalasitti Hoteela keessatti kan ajjeefame.
Namni isatti dhukaasee ajjeese Sirhaan Sirhaan jedhamun, lubbuu balleessuudhaan himatamee murtiin du'aa irratti darbe.
Sunis gara mana hidhaa umurii guutuutti kan jijjiirame yoo ta'u, Sirhaan iyyanni isaa inni dhumaa bara 2023tti akka gadhiifamuuf dhiheesse erga haalamee booda ammas jira.
Hoggantoota mirga siivilii
Maartiin Luutar Kiing
Falmaan mirga gurraachotaa Maartin Luutar Kiing bara 1968 Tenesi, Memfis keessatti rasaasaan rukutamee ajjeefame. Guyyaa sana mormii hojejttoonni qulqullinaa kaffaltii gadi aanaa fi qabiinsa bakka hojii gaarii hin taane mormuuf bahan dursuuf ture.
Nama olaantummaa warra adii Leellisu, Jeemsi Irli Reey jedhamutu bakka barandaa Hoteelaa irra dhaabbatee jirutti isnaayipariidhaan haleele. Eegasii Hospitaala gahee umriisaa waggaa 39tti lubbuun darbe.
Dr Kiing saniin duras haleellaa boombii mana isaarratti bara 1956 raawwatame dabalatee yaaliiwwan ajjeechaa hedduu jalaa oolee ture.
Malkolm X
Malkolm X leellisaa mirga Gurraachotaa yoo ta'an bara 1965 magaala Niiwuyoork keessatti maatiisaa duratti rasaasaan ajjeefame. Yeroo sana umriinsaa waggaa 39 ture.
Malkolm nama mirga Musliimotaaf dubbachuun beekamu yoo ta'u, yeroo sanatti akka fincila Gurraachotaa leellisutti ilaalamus booda yaanni isaa yaada ammayyaawaa ta'uun beekamtii argate.
Muhammad Aziz, Khalil Islam fi Thomas Hagan warra ajjeechaa isaan himataman yoo ta'u ajjeechaa Kanaan hidhaan umrii guutuun itti murame.
Ajjeechaawwanii fi yaaliiwwan ajjeechaa dhiheenyaa
Dhiheenyuma Waxabajjii 14, bara 2025 seera baastonni warra Dimokiraatotaa lama Minisotaa keessatti rasaasaan haleelaman. Haleellaan isaanii kunis 'yaalii ajjeechaa siyaasaa bu'uureffate' jedhamuun ibsame.
Bakka buutonni dimokiraatotaa Melisa Hortimaanii fi abbaan wararashee Maark, mana isaanii keessatti rasaasaan ajjeefaman.
Senetera kutaa biyyattii Joon Hoofmaan fi haati warraa isaanii Yvette, kanneen taatee kanaan walqabatee mana isaaniitti yeroo hedduu rasaasaan rukutaman haleellaa kanarraa lubbuun hafaniiru.
Bara darbe Doonaald Tiraamp yeroo lama qiyyaafannaa yaalii ajjeechaa keessa turan.
Ji'a Fulbaanaa bara 2024 yaaliin ajjeechaa Filooriidaa dirree tapha Golfii isaan irraiti yaalame tumsa tajaajila 'Sekireet Servisiitiin' baraaraman.
Adooleessa bara 2024tti ammoo duula na filadhaa Buutlar, Peensiilvaaniyaatti gaggeeffame irratti rasaasaan taatee isaa dhukaasa Roobii darbe Yuutaah keessatti raawwatameen walfakkeenya guddaa qaba ture.
Lamaan isaanii iyyuu bakka alaatti namoota hedduu duratti kan raawwatamedha jedhu rippoortarri BBC Kaaba Ameerikaa, Antoonii Zuurichar.
Ji'a AFulbaana bara sanaa keessa yaaliin lubbuu isaarratti godhame kan biraa mul'ate, dirree goolfii Tiraamp Filooriidaatti adda baafamerratti Tajaajila Iccitiitiin fashalaa'eera jedhameera.
Sana dura waggaa lama dura namni haleellaa haamtuu qabate mana Af-yaa'ii mana maree yeroo sanaa Naansii Peelosii, Dimookiraat beekamtuu cabsee seene.