Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dubartii gurri hin dhageenye Hindiitti seenaa dalagde
Dubartii gurri duudaa Hindiitti seenaa dalagde kun Saaraa Sunnii jedhamti.
Saaraan ogeettii seeraa gurrii duudaa biyya Hindii yeroo jalqabaatiif Mana Murtii Olaanaa Hindiitti falmii seera gaggeessite ta'uun torban darbe seenaa hojjate.
Dubartiin ganna 27 kan taate Saaraan Hoggaanaa Biiroo Haqaa biyyattii DY Chandrachud duratti Fulbaana darbe keessa dhiyaatte yeroo jalqabaaf falmii seeraa gaggeessite.
Saaraan wayita falmii seeraa gaggeessitutti nama mallattoon(sign language) hiikuuf akka qabaattu eeyyamameef.
Onkoloolessa 6, 2023 manni murtii Saaraa Sunniif nama mallattoon hiiku ramadeef. Kun ammoo seenaa mana murtii keessatti kan jalqabaati.
Namni mallattoon Saaraaf hiiku haasaa mana murtichaa akka hubattu gargaara jechuudha.
Namoonni taatee kana argan Saaraan mana murtii olaanaa biyyattiirratti dhiyaachuun sirni seera Hindii kan duraanii caala namoota kan hammatuu fi namoota gurraan hin dhageenyeef akka mijatu taasisa jedhan.
Qondaalli seeraa Hindii gameessi Menaakaa Guruswaamii jedhamu taaten kun ''seena qabeessa fi baayyee barbaachisaadha'' jedhan.
Saanchitaa Ayin ogeettii seeraa Saaraa waliin hojjattudha.
Saanchitaan BBCtti akka himtetti, Hojii Saaraan dalgadu gara fuulduraatiif fayidaa guddoo qaba.
''Saaraan waanta namoonni biroo hin dandeessuu jedhan danuu cabsite, kunis barattoonni gurraan hin dhageenye biroon akka seeera baratan jajjabeessa, akkasuma sirni seeraa namoota gurraan hin dhageenye akka hammatu taasisa,'' jette.
Magaalaa Kibba Baangiluruutti argamtu kan jiraattu Saaraan waggoota lamaaf seera baratte.
Mana murtii Hindii sadarkaa gadiitti garuu nama mallattoon isheef hiiku akka qabaattu hin eeyyamamneef ture.
Falmii ishee barreeffaman dhiyeessuuf dirqamti ture.
Namni amma Saaraaf afaan gara mallattootti hiiku Sahuray Rochoowdurii kan jedhamu yoo ta'u, ogummaa seeraa hin baranne.
Haata'u malee, ogeeyyii seeraa fi barattoota ogummaa seeraa barataniif afaan hiikaa ture.
Namni kun Mana Murtii Olaanaa Deelitti dhiyaatee ogeeyyii seeraatiif galmee himannaa lama hiikee ture.
Haata'u malee, namoonni afaan gara mallattootti hiikan jechoota ogummaa seeraa hin leenji'an.
Saaraan karaa fagoo deemte kanatti akka boontu BBCtti himte.
''Namoota gurraan hin dhageenyetti akkan kana hojjachuu danda'u agarsiisuun barbaade,'' jette.
Obboleettiin ishee lakkuun waliin dhalattes gurraan hin dhageessu.
Ishee qofa miti, obboleessi ishee Piratik Kuruvilla jedhamus gurraan hin dhagahu.
Kuruvillaan Ameerikaatti injinara mosaaji (software engineer) yoo ta'u, barattoota gurraan hin dhageenye Teksaasitti barsiisa.
Obboleettiin saaraa Mariyaan ammoo ogeettii herreegaati.
Maatiin isaanii ijoollee isaanii kana mana barnoota barattoota gurraan hin dhageenyetti addatti hin barsiisne. Mana barnootaa obbolaa sadan gurraan hin dhageenye kana simatu argachuun rakkisaa ture.
Adeemsa keessa garuu mana barnootaa isaan simatu argatan.
Saaraan dareetti sochii barsiisaa ilaaluu fi deeggarsa hiriyoota isheen barataa turte.
''Namoonni kaan natti qoosu, garuu ani yeroo hunda isaaniin nan falma,'' jette.
Saaraan Kolleejjii Seent Yooseef Bengalurutti argamutti seera baratte. Haati ishee yeroo mana barumsaatti akka barattu gargaarte akka isheetti seeraa hin baranne turte. Hiriyyoonni fi obbolaa ishee deeggaraa akka turan dubbatte Saaraan.
Bara 2021 qormaata fudhattee akka abukaatootti galmaa'uun hojii seeraa hojjechuu eegalte.
Warri ishee ijoollee sadan walqixa ilaaluu isaanii fi ''walqixxummaatti waan amananiif mana barumsaa idilee keessatti barnoota keessa nu galchuu isaaniif galata guddaan qaba jette.
"Isa kanatu abjuukoo akkan hordofuuf ofitti amanamummaa naaf kenne"jette.
Namoonni gurri isaanii hin dhageenye biyyattii keessatti yeroo baay’ee sababa cunqurfamanii fi mana murtiitti turjumaana sababa hin arganneef seera barachuu akka hin dandeenye ogeeyyiin ni dubbatu.