Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Hojiinkoo reeffa suuraadhaan bareechuudha'- Ogeessa suuraa
Akeekkachiisa: Gabaasa kana keessa suuraan reeffa namootaa jira.
“Hojiinkoo reeffa namoota barcumarra ol jedhanii akka taa’an gochuu ture,” jedha Ravindiraan yeroo waa'ee guyyaa jalqabaa hojii itti eegale dubbatu.
“Sana booda ogeessa suuraaf baallee ijaa isaanii ol kaasuun akka inni suuraa kaasuufan gargaara.”
Bara 1972’tti yemmuu abbaan isaa Sirinivasan, kan mana suuraa qabu, hojiif isa ergu mucaa umurii ganna 14 ture.
Richaard Kenaadiin yeroo mucaa ganna sagalii ture mudannoon miira jeequ isa mudatee ture.
Barcuma reeffi namaa irra ka’amee ture duuba huccuu adii akka ol qabuuf gaafatame.
“Sodaadhee hoollachaan ture. Galgala sana tasuma rafuu hin dandeenye,” jechuun BBC’tti himeera.
“Halkan hedduuf abjuukootti reeffa namaa irra deddeebiin argee weeraraan ture. Baayyee hamaa ture.”
Namoonni kun lamaan ogummaa suuraa kaasuutti kan seenan sababa abbootiin isaanii mana suura qabaniif ture.
Lamaan isaanii suuraa reeffa namoota 1,000 ol kaasaaniru.
Bulchiinsa Indiyaa Tamiil Naaduutti, namootni lamaan kun ogeessota reeffa namootaa suuraa kaasan, amma lakkoofsi isaanii hir’isaa dhufe keessaadha.
Bara 1970 fi 1980 keessa hojiin kun galii gaarii argamsiisaa ture.
Turtii BBC waliin taasisaniin, waa’ee hojiisaanii adda ta’eefi miira namaa jeequu kana dubbataniiru.
Sodaa ofirraa loluu
Hanga waggootii kurnan muraasaa duraatti, hawaasni Tamiil Naaduu hedduu amantaa suuraa ka’uun jireenya namaa gabaabsa jedhu qabu ture.
Kana jechuun namootni hedduu yeroo jalqabaaf suuraa kan ka’an erga du’anii booda jechuudha.
Dargaggeessaaf hojiin kun gammachiisaa ta’uu baatus, magaalaa Karayikuditti kan dhalate Ravindiraan, barumsa addaan kutuu waan barbaadeef, hojii kana akka sababaatti fayyadameera.
“Ji’oota muraasaaf leenjii ergan fudhadhee booda, reeffa namootaa suuraa kaasuuf qofaakoon deeme,” jedha.
Mormi reeffa nama tokkoo akka gadi hin jigneef boraatii jala kaa’uun, uffata isaanii sirreessuu fi duuba isaanii waan taa’u jijjiiruun Ravindiraan suuta suuta ogummaa isaa guddifachaa deeme.
“Sodaakoo ofirraa lolaa, hojiikoo jaallachuun eegale. Suuraa irratti reeffi namootaa akka bareeduu fi lubbuun kan jiran akka fakkaatan gochaan ture.”
Namoota onnee nama cabsan
Richaard ijoollee ta’ee abbaa isaa waliin hojii kanaaf ni imala ture.
Mudannoon isaa inni cimaa yemmuu suura reeffa daa’ima reef dhalatee kaasan ture.
“Maatiin baayyee gaddanii ture. Harmeen isaa garmalee boo’aa turte.“
Yeroo oggeessi suuraa kaasu achi ga’u, harmeen kun reeffa daa’ima ishee dhiqxee, uffata haaraa itti uffistee, meekappii itti dibde.
“Daa’imni kun ashaangulliiti fakkaata ture,” jedha Richaard yemmuu yaadatu.
''Haarmeen kun reeffa daa’ima ishee baattee teessee suuraa kaasani. Daa’imni kun kan rafee jiru fakkaata ture.”
“Waan miira namaa baayyee jeequ ture.”
Yeroo reeffi dhiqamuu fi abaaboon miidhagfamus suuraa kaasu turani.
Maatiin tokko tokko suuraa tokko ykn lama qofa ka’uu barbaadan, kaan ammo suuraan hedduu akka kaafamuuf gaafatu ture.
“Lafa awwaalchaallee deemee yemmuu reeffi dachee keessa galchamu suuraa kaaseera,” jedha Ravindiraan.
Ogeessotni suuraa kun suuraa ka’e sana halkan tokko keessatti miiccisiisuu qabu ture.
Sababiin isaa maatiin gaddarra jiran tokko tokko suuraa sana guyyaa itti aanu sirna gaggeessaa ykn gaddaa irratti fayyadamuu waan barbaadaniifidha.
Maamiltoonni Ravindiraan fi Richaard hordoftoota amatii Hinduu fi Kiristaanaa yemmuu ta’an, maatiin tokko tokko suuraa reeffaa kunneen kutaa kadhataa keessa ol ka’atu.
Ravindiran reeffa namoota Muslimaa lama qofa suuraa kaasuu kan yaadatu yoo ta’u, Richaard garuu muuxannoo kana hin qabu.
Abjuu Hamaa
Richaard waajjira poolisii waliinis hojjechaa ture.
Suuraa du’a umaamaa hin taane, kan akka namoota yakkaan ajjeefamanii, of ajjeesanii fi balaa konkolaataan du’anii kaasaa ture.
Takka takka reeffa namoota qaamni isaanii kukkutamee kaasa ture.
“Baayyee nama jeeqa ture. Takka takka nyaata nyaachuu ykn rafuu hin danda’un ture.“
Suuraaleen isaa mana murtiitti akka ragaatti fayyaduun, maatiin akka beenyaa argataniif gargaara ture.
Kaffaltiin hojii akkanaa ogeessotaaf gaarii ture, suuraa reeffaa kaasuuf kaffaltiin isaan gaafatan kaffaltii suuraa kaasuu isaanii kaanirra dachaa kan ta’u ture.
Maatii irraas tiippii [kennaa maallaqaa] gaarii ni argatu, ta’us hojii kanaan wal qabatee loogii guddaatu jira.
“Maamiltoonni hedduun hojii biraa kamiifuu na qunnamuu ni sodaatu ture,” jedha Riichard.
Maatiin Raavindiraan amantaa Hinduu hordofan bakka du’aa waliin wal qabate kamuu akka lafa qulqulluu hin taaneetti fudhatu.
Kanaaf manasaa ykn bakka hojii isaa ol seenuu dura sirna of qulqulleessuu raawwachuun dirqama ture.
Suuraa reeffaa kaasee yemmuu deebi’u “yeroo hunda qaama dhiqachuun narra ture. Abbaankoo istudiyoo seenuukoon dura bishaan xiqqoo kaameeraakootti facaasa ture.”
Shakala beekamaa
Kana dura shaakalli du’a booda suuraa kaasuu biyyootii hedduu keessatti waan baramaa ture.
Jaarraa 19ffaa keesssa, maatiin gadda keesa turan reeffa ijoollee fi firoota isaanii waliin suuraa ni ka’u ture.
Bara suuraa ka’uun qaalii ta’ee fi namootni hedduun utuu lubbuun jiranii suuraa hin kaanetti suuraa reeffaa kaasuun maatii biratti akka mala ittiin nama du’ee yaadataniitti ilaalama ture.
Ameerikaa keessatti, yeroo hedduu suuraan kan kaafamu reeffa cabbii irra kaa’uun mana jireenyaa isaanii keessattidha.
Miseensota maatii sirna awwalchaaf imaluu hin dandeenye ykn yeroon qaqqabuu hin dandeenyeef suuraan du’a booda kaafamu bayyee barbaachisaadha.
Bara Viktooriyaan Biriteen keessatti shaakalli nama du’e suuraa kaasuu beekamaa ture.
Magaalota dhibeewwan akka gifiraa, rubellaa fi biroon faalaman keessatti du’i yeroo kamittu dhufuu danda’a, namootni hedduun ammo jireenya isaanii gabaabaa keessatti yeroo lubbuun jiranitti suuraa hin ka’ani ture.
Yeroo hedduu suuraan du’a booda kaafamu, suuraa tokkicha maatiin ijooollee isaanii yaadachuuf qabatanidha.
Ta’us shaakkalli kun jaarraa 20ffaa keessa kutaalee addunyaa hedduu keessaabadaa dhufe.
Bulchiinsa Taamil Naaduu fi bulchiinsota biroo akka Beengaal Lixaa, Odishaa fi magaalaa Varanasii keessa garuu shaakalli kun yeroo dheeraaf tureera.
Suuraalee kunneen Richaard akka itti fufiinsa fakkilee namootaa duriitti ilaala.
“Utuu suuraa kaasun hin dhufin dura, abbootiin lafaa gurguddoo fakkii isaanii akka kaasaniif artistoota ni qacaru ture.”
“Ogummaan suuraa kaasuu, shaakala yaadannoo tursuu waan sanarraa dhufeedha. Fakkii isaanii kaafachuu kan danda’an dureeyyii qofa turan, suuraa ka’uu garuu hiyyeeyyiinis waan danda’an ta’e,” jedha.
Dhumatti dhiyaachuu
Bara 1980 keessa garuu, kameeraan gatii isaanii qaalii hin taane gabaaatti dhiyaachuu heddumminaan eegale, sodaan suuraa ka’uus badaa dhufe.
“Namootni hedduu kaameeraa bitatanii suuraa ka’uu eegalani,” jedha Riichard.
Taajaajila isaaf fedhiin yemmuu hir’isaa dhufe, galii argachuuf qophilee mana amantaa fi festivaalota irratti hojjechuu eegale.
Ravindiraan ammo qophilee mana barnootaa fi uummata irratti xiyyeefate.
Boodarra ogeessa suuraa qophii cidhaa ta’e.
Amma umuriinsaa waggaa jaatama keessa kan ta’e Ravindran, namoota du’anii akka inni hojii kana baruuf isa gargaaranii fi akka inni sodaa du’aa isaa irra aanuuf isa gargaaran galateeffata.
Ofii yemmuu yeroon isaa ga’ee lubbuun isaa darbu garuu shaakalli kun akka itti fufu hin barbaadu.
“Ergan du’ee booda eenyuyyu u akka suuraakoo kaasu hin barbaadu,” jedha.
Richaard akaakayyuun isaa erga du’ee booda suuraa isaa kaaseera, suuraa akaakilee isaa dhaloota sadii qaba.
Umurii ganna 54tti, kuusaa suuraa namoota du’anii hedduu of biraa qaba.
“Maatiin keenya yeroo hunda suuraa abaabiloota keenya ol kaawwataniiru. Ergan du’ee booda ilmikoo inni quxisuu suuraakoo akka kaasuuf gaafadheera. Suuraan sunis hambaa maatii keenya keessaa tokko ta’uu qaba.”