Intifada: Diddaa Filisxeemonni Israa'el irratti gaggeessaa turan kana beektuu?

Yunivarsiitiiwwan US bebbeekamoo keessatti mormii waraana Gaazaa keessa jiru ilaalchisuun gaggeeffamu hordofee jumlaan nama hidhuun raawwatamaa jira.

Mormii kana ilaalchisuun ergaan miidiyaalee hawaasaarrati maxxanfaman baayyinaan Intifada-diddaa biyyoota Arabaa waliin walqabsiisu. Intifada kun yeroo mormii cimaa warri Filisxeem Israa’el irratti gaggeessan waliin walqabsiisuuf gargaara.

Ergaawwan miidiyaaleerratti maxxanfamaniifi mormitoonni baayyee deebii waraana Gaazaa keessatti gaggeeffamaa jiruuf “Intifada sadarkaa idil-addunyaatti” akka guddachuu qabuuf waamicha taasisu.

Namoonni tokko tokko ammoo “Intifada Hayyootaa” jechuun gara sadarkaa “Intifada sadarkaa idil-addunyaatti” guddachuu qaba jechaa jiru.

Barattonni daree barnootaa keessaa ba’anii dunkaana buufachun duula waraanaa Israa’el Gazaa keessatti gaggeessaa jirtu mormaa jiru.

Yeroo ammaa kana mooraa yunivarsiitii guutummaa US keessatti argaman keessatti barattoonni dhibbaan lakkaa’aman to’atamaniiru.

Dhaabbileen barnootaa mormiin kun keessatti dhalatan Niwu Yoork keessatti kan argaman Yunivarsiitii Kolombiyaafi Yunivarsiitii Niwu Yoork, Berkeliitti kan argamu Yuunivarsiitii Kaaliforniyaa, akkasumas Yunivarsiitii Michigaan keessatti argamu.

Bostan keessa kan jiran Kollejjii Emersan fi Yunivarsiitii Tuuftis keessatti, akkasumas Kaambiriijitti dhiyoo kan jiru Inistitiyuutii Tekinooloojiii Masaachuseetis (MIT) keessatti mormiin gaggeeffamaa jira.

Barattoonni hiddi dhaloota isaanii Yihudii ta’an baayyeen haalli mooraa keessa jiru yaaddessaadha jechuun yaaddoo qaban ibsachaa jiru.

Haa ta’u malee, mormitoonni kaan barattoota Yihudoota ta’anirra miidhaan gahaa jira ykn yaaddoo keessa jiru kan jedhu dhugaa miti jechuun warri akkas jedhan gaaffii sirrii mormii kanaan ka’an gara dabarsuuf warra dubbii afarsanitu kan jechaa jiru jedhu.

Aktivistoonni yunivarsiitiiwwan “duguuggaa sanyii tumsuu akka dhaabaniif”, akkasumas maNneen barnootaa gurguddoo kan kampaaniiwwan meeshaa waraanaa omishuu kessatti hirmaataniifi waraana Israa’el Gaazaa keessatti gaggeessitu deeggaran irratti invastii akka hin gooneef waamicha taasisaa jiru.

Intifada jechuun maal jechuudha?

Jecha Arabaa intifada jedhu hiikni isaa “diddaa/momii” jechuudha. Jechi kun yeroo mormii cimaa warri Filisxeem Israa’el irratti gaggeessan ibsuuf gargaara.

Intifada inni jalqabaa bara 1987 hanga 1993tti ture. Intifada inni lamaffaa ammoo 2000 hanga 2005tti ture.

Erga Onkoloolessa 7, 2023 Gaazaa keessatti waraanni banamee jechi “Intifadaa sadarkaa idil-addunyaatti guddisaa jedhu miidiyaalee hawaasaarratti bahaa jiru. Kun ammoo guutummaa addunyaarraa namoonni akka Israa’el irratti ka’anii mormaniif wamaicha taasisuudha.

Jechoonni biroo faayidaarra oolaa jiranis jiru. Isaanis “Elektironik Intifada”, “Itifada hayyootaa” jechuun omishaalee Israa’el akka lagataniif waamicha taasisaa jiru.

Intifadaa kanaan duraa Filisxeemonni taasisan irratti maal beekna?

Intifada Jalqabaa: Mudde 1987-fulbaana 1993

Intifada Filisxeem inni jalqabaa Mudde 8, 1987 konkolaataan Israa’el guddaa taankii waraanaa fe’atee deemu tokko Gaazaa keessatti konkolaataa Filisxeemonni keessa jiranitti bu’ee caccabsuu isaa hordofee ka’e.

Balaa ture sanaan Filisxeemota afuritu ajjeefame.

Hanga guyyaa sana kun dho’uti Filisxeemonni bakka Israa’el humnaan qabatte keessa jiraatan gara waggoota 20 aariin isaanii dabalaa deemaa ture.

Weest Baank fi Gaazaa Istriip bakka humnaan qabatame keessatti qubsumni Israa’el seeraan alaa babal’achaa tureera. Yeroo kun ta’utti Filisxeemonni garuu rakkoo dinagdee miidhamaa, irra deddeebiin humna waraanaa Israa’el waliin walitti bu’uun dabarsu.

Deebii miidhaa konkolaataan fe’isaa sun qaqqabsiiseef mormiin kaampii baqattootaa Jubaaliyaa Gaazaa keessatti argamutti dhohee, boda gara Weest Baank fi Gaazaa Istiriippitti babal’ate.

Dargaggoonni Filisxeem dhakaafi boombii gaaza irraa hojjetamuun loltoota Israa’el dura dhaabbachuun falmii gaggeessan.

Deebii kennuuf Israa’el rasaasa mormitootatti dhukaaste. Kun ammoo Biyyoota Gamtoomaniirraa dabalatee dhaabbileen idil-addunyaarraa dheekkamsa kaase.

Walitti bu’insi qaamoleen kanneen lamaan gidduutti sadarkaa gara garaatiin hanga bara 1993tti itti fufe.

Diddaan sun Israa’eliifi Dhaabbata Bilisummaa Filisxeem (LO) Yaasir Arafaat kan yeroo sana baqatee Tuniiziyaa jiru dabalatee qaamolee hedduutiif waan hin eegamneefi ajaa’iba kan itti ta’e ture.

Bu’aan guddaan Intifada jalqabaa argamsiise tokko gidiraa Filisxeemonni bakka Israa’el humnaan qabatte, keessumaa tarkaanfii hamaa Israa’el diddaa/mormii irratti ka’e ukkaamsuuf gootu jala jiran addunyaatti beeksise.

Jechi beekamaa ture kan ministirri ittisaa Israa’el Yitzhaak Raabiin itti gargaaramu tokko ture. Lafee mormitootaa cabsuu” kan jedhu waamicha taasisaa ture.

Filisxemotatti rasaasa dhukaasuun ija hawaasa idil-addunyaa duratti Israa’el maqaa balleessa, sababiin isaas Filisxeemota qawwee hin qabnetti rasaasa dhukaasuun akka addunyaan garaa laafuuf ykn gadduuf taasisa.

Intifada akkuma cimaa deemeen, filisxeemonni dhakaafi boombii gaazii qaruuraatti naquun tolfaman darbachuurraa gara humnoota Israa’el dura qawwee, boombiifi ‘fanjii’ [meshaa waraanaa dho’uun’ dura dhaabbachuutti guddate.

Maddeeniifi xiinxaltoonni akka jedhanitti yeroo Intifada Jalqabaa sana Filisxeemonni Israa’eloota 100 yoo ajjeesan, humnoonni Israa’el ammoo Filisxeemota 1,000 ajjeesaniiru.

Intifada jalqabaa kun Fulbaana 13, 1993 yeroo Israa’eliifi PLOn Oslootti waliigaltee nagaa buusuu wal mallatteessanitti goolabame.

Israa’el PLO akka bakka bu’aa Filisxeemotaatti yoo fudhattu, PLOn ammoo mormii hidhannootiin gaggeessuu dhaabe.

Intifada Lammaffaa: Fulbaana 2000 -Guraandhala 2005

Intifada inni lammaffaa al-Aqsa Itifada jedhama.

Masjiidi al-Aqsaa Islaama biratti bakka qulqulluu sadarkaa sadaffaarra jirudha waan ta’eef walitti bu’insa waggoota shaniif tureef ka’umsa ta’eera.

Hoggantoonni Filisxeem maqaa bakka qulqulluu kanaa fayyadamuun diddaa beekamaadha malee akka Israa’el jettu walitti bu’insa hoggantoota Filisxeemiin qindaa’e miti.

Fulbaana 28, 2000 yeroo Zanatti dursaa garee mormituu kan ture A'iyaal Shaaron loltootaafi poolisoota hedduun eegamee masjiida al-Aqsaa daawwate.

Mormii guyyaa jalqabaatiin namoonni torba ajjeefamanii, 100 ol kan ta’na ammoo madaa’aniiru.

Mormii Filisxeemonni muraasni dhibbaan lakkaa’aman kopheefi dhakaa eegdota Shaaronitti darbachuudhaan eegale, gara mormii jabaa guutummaa daangaa Filisxeem qaqqabutti guddate.

Mucaan dhiiraa umuriin isaa waggaa 12 ta’e Mohaammad al-Duraa Gaazaa keessatti akkuma abbaa isaatti maramee jiruun itti dhukaafamee ajjeefame taatee qalbii namaa keessaa hin banne diddaa lamaffaa (Intifada lamaffaa) Filisxeem keessatti mul’atedha.

Qorannoon Israa’el tokko akka jedhetti, TVn Faransaay tokko oduu bara 2000 gabaaseen loltoonni Israa’el daa’imatti dhukaasee ajjeese jechuun isaa dhugaarraa kan fagaatedha.

Garaagarummaan diddaa/mormii bara 1980oota keessa tureefi kan 2000 keessa ture sadarkaa wal dura dhaabbachuufi walitti bu’insa turedha.

Intifada inni lamaffaa isa jalqabaa caalaa hamaa ture.

UN akka jedhetti, Intifada Lamaffaa Fulbaana 2000 jalqabee hanga 2007 kessa xumuramutti namoonni 5,800 ol ajjeefamaniiru.

Lakkoofsa namoota yeroo Intifada kana keessa ajjeefamanii isa sirrii ta’e beekuun rakkisaa ta’us, akka xiinxalli gara garaa agarsiisanitti Israa’el caalaa Filisxeemotatu ajjeefameera.

Tooftaawwan Filisxeemonni haleellaa raawachuuf itti gargraaraman rookkeetii dhukaasuu akkasumas gamoowwaniifi konkolaataawwan keessa seenaniin badanii balleessuu kan dabalatu ture.

Yeroo sanati akkataa Israa’el deebii itti laattu addunyaarraa qeequmsa jabaa irratti kaasisee ture. Israa’el garuu haleellaa qindaa’aa hidhannootiin irratti gaggeeffamuufan deebii kenna jechuun qeeqa addunyaarraa irrati dhiyaatu wakkaatti.