'Amerikaan marii haaraa jalqabuun dura yaada ammas Iraan haleeluu dhiisuu qabdi'- Ministira Iraan

Ameerikaan marii dippilomaasii dhimma nuukileeraa irratti jalqabee adda cite akka itti fufu barbaannaan haleellaa dabalataa Iraan irratti yaadde dhaabuu qabdi jedhan itti aanaan ministeera dhimma alaa Iraan.

Majiid Taakit Ravaanchii, bulchiinsi Tiraampi karaa qaamota jaarsummaan gidduu keenya jiranii marii dippilomaasii dhimma nuukileeraatti deebuu akka barbaadu himaniiru jedhan.

Garuu ''dhimma baay'ee murteessaa tahe yeroo marii gaggeessiinutti haleellaa dabalataa Iraan irratti banuu fi dhiisuu ilaalchisee ejjennoo isaanii ifa hin goone'' jedhan.

Haleellaa israa'el Waxabajji 13 bante marii al-kallattii yoo xiqqaate marsaa jahaffaaf guyyaa lamaan booda Muskaatitti gaggeeffamuuf ture danqeera.

Ameerikaan haleellaa qilleensarraa buufataalee nuukileeraa Iraan sadan Fordoo, Nataanzii fi Isfahaanan irratti raawwachuun kallattiin waraanicha keessatti hirmaateetti.

Taakit-Ravaanchii Iraan nuukileera ishee dhimma nageenyaaf fayyadamuuf gabbisuu ''itti fuftee hojjetti'' jechuun dubbatan.

Himata Iraan dhoksaadhaan gabbisa nuukileeraa ishee irraa boombii hojjechuuf deemti jedhu haalaniiru.

Iraan meeshaalee nuukileeraa ishee ''akka ilaalamuuf gaaffii dhiyaate hin fudhanne ture,'' kunis sagantaa qorannoo gaggeessuuf ''mataa keenya irratti hirkachuu waan qabnuuf'' jedhan ministirichi.

''Hammi nuukileeraa fayyadamtanii mari'atamuu qaba, Hammam gabbisuu akka qabdu mari'atamuu qaba jechuun gaariidha, garuu tasumaa nuukileera gabbisuu hin qabdu, Gabbsni nuukileeraakee zeeroo tahuu qaba, yoo yaada kanatti walii hin galle ammoo boombiidhaan si haleellaa waan jedhu kun seera dantaa ofiif jecha humnaan bocatanidha'' jedhan.

Israa'el giddugala gabbisa nuukileeraa, buufataalee waraanaa irrayyi qiyyeeffachuun haleellaa bante.

Saayintistoota nuukileeraa fi ajajoota waraanaa olaanoos ajjeeste. Israa'el yeroo haleellaa kana bantu Teeraan boombii nuukileeraa hidhachuuf aduu ji'ootaa qofatu hafeera jechuudhani.

Iraan misaa'elota ishee fayyadamuun Israa'el haleelte. Guyyoota 12 tahanisi biyyoonni lameen walitti dhukaasaa turan.

Ameerikaan buufataalee nuukileeraa akka Fordoo, Nataanzii fi Isfahaan haleeluun waraanichi gara xumuraatti dhufe.

Haleellaan Ameerikaa kun miidhaa hagamii buufataalee nuukileeraa kanneen irratti akka fides ifa miti. Taakit Ravaanchii miidhaa hagamii akka gahe odeeffannoo hin kennu jedhan.

Dursaan Ejensii Aannisa Atoomii Idil-addunyaa Raafa'el Giroosii, haleellaan US, ''miidhaa guddaa geessiseera.'' Tiraampi ammoo haleellaan xiyyaaronni isaanii dhaqabsiisan ''guutummaatti nuukileera Iraan barbadeesseera'' jedhan.

Giroosiin Iraan ammallee deebistee yeroo gabaabaa keessatti nuukileera gabbisuu dandeessi jedhan.

Hariiroo Iraan Eejenstii Aannisa Atoomawaa Idil-addunyaa waliin qabdi badaa dhufeera. Roobii darbe Paarlaamaan biyyattii qorannoof Iraan akka deeggarsa hin gooneef murteesse.

Tiraampi ammoo Iraan wlaiigalticha hin fudhattu taanaan ammas irra deebiin haleeluu akka danda'an dubbatan.

Taakit Ravaanchii mariitti deebi'uuf guyyaan qabame akka hin baramnee fi ajandaa Tiraampi qabatanii dhiyaatan akka hin barre himan.

Iraan nuukileera ishee 60% kan gabbiste dhimma nageenyaaf itti fayyadamuuf qofa jedhan.

Akka waliigaltee UNtti yuuraaniyeemii 3.67% gaditu gabbisuun danda'ama.