Milkaa'inoota torbee kanaa Tiraamp ittiin dhaadatan afran

Torbeen darbe Pirezidant Doonaald Tiraampiif qormaataan eegale. Keessattuu wayita waliigalteen dhukaasa dhaabuu Israa'el fi Iraan gidduutti daddaaqamefaa miira mufannaan TV irratti dubbataa turan, waan pirezidantii irraa hin eegamnefaa bal'inaan dubbatan.

Qondaalli US kun gama hedduun sodaa, yaddoo, doorsisa fi muddama keessa turan.

Garuu Tiraamp dhuma torbeerratti waan milkaa'an fakkaatu. Gara dhumaa kana inuma Waayit Haawus irraa ibsa kennuu heddummeessan.

Ibsa isaanii kan qoosaa, dheekkamsa fi arrabsoo of keessaa qabu- kaan kofalchiisee kaan ammoo mufachiisu.

Maalumaafuu Tiraamp biyya keessaa fi alatti milkaa'ina siyaasaa argachuu himachuun gammachuu ibsachuun torbee darbe xumuran.

Milkaa'ina kunneen keessaa ijoo kan ta'an afur kanneen armaan gadiiti.

Akkasumas waan pirezidantii tokkorraa hin eegamne kan Tiraamp irraa calaqqisaa tures as keessatti ibsineerra.

Haleellaa hin eegamnee fi dhukaasa dhaabuu

Erga US Waxabajjii 21 buufataalee nukilaraa Iraan haleeltee guyyaa sadi booda Tiraamp dhukaasi guyyoota 12f Israa'el fi Iraan gidduu ture dhaabbatuu labsan.

Labsiin isaanii kun jalqaba hojiirra hin oolin wayita hafu Tiraamp baayyee mufatan.

Tiraamp dhukaasa dhaabuu labsan osoo baayyee hin turin Iraan misaa'elaan buufata waraanaa US kan Qataar jiru haleelte.

Kun Baha Giddugaleessatti waraana hammeessa jedhamee baayyee sodaatamee ture.

Israa'el fi Iraan waliigaltee dhukaasa dhaabuu cabsuu irratti quba walitti qabuu eegalan.

Tiraamp dhimma kanarratti wayita Waayit Haawusitti ibsan kennan gaaffii gaazexeessitootarraa dhihaate bifa aariin deebisaa turan.

Ammoo biyyoota lameen dhukaasa dhaabuu didanillee jechaan tuqaniiru.

Booda Tiraamp tasgabbaa'uun biyyoonni lameen akka haleellaa walirraa dhaaban gaafachuurratti xiyyeeffatan.

Hiriyaasaan kan ta'an Ministira Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu akka Iraan irratti hin dhukaasne akeekkachiisan.

Dhumarrattis haleellaa balaafamaan biyyoonni lameen walirratti raawwachaa turan sun dhaabbate.

Kun ammoo akka Tiraamp haleellaa 'hin eegamne' kan US buufataalee nukilaraa Iraan irratti raawwattetu kana fide jedhanii dhaadatan taasise.

Kana qofaa osoo hin taane Tiraamp akka nama ''nagaa buuseetti'' fudhachuun dhukaasa dhaabuu kanaan akka of saadan taasise.

Kun Tiraampiif jalqabbii guddaadha. Sababni isaa Gaazaa fi Yukireen keessattis kanuma gochuuf akka deeman ibsaa turan.

Nato biratti 'abbaa (Daddy)' jedhamuu

Tiraamp wayita kora Nato irratti hirmaachuuf gara Neezarlaandis imalaa turanidha kan ergaan galateeffannaa fi gootummaasaanii leellisu Hoogganaa Nato Mark Rutte irraa isaan ga'e.

Qondaalli Nato kun haleellaa Iraan irratti raawwatameef Tiraampiin jajan. Ergaa barreeffamaa isaan ga'een daran kan gammadan Tiraamp, dabarsanii uummatatti himuuf yeroo itti hin fudhanne.

Mark Rutte wayita Tiraamp faana ibsa kennaa turanitti Israa'el fi Iraan akka dhukaasa dhaaban kan godhan Tiraamp jechuun jajaniiru.

Inumaa araara buusan jechuun ''abbaa (Daddy)'' jedhaniin.

Tiraamp jecha kana jaalalaa fi kabajaaf akka ta'etti fudhachuun itti gammaduusaanii fuulasaaniirraa mul'ata.

''Waan na jaallatuuf natti fakkaata. Yoo nan jaallatu ta'e deebi'ee dhufeen isa reeba,'' jechuun qoosan Tiraamp.

Yeroo kana cinaasaanii kan turan Ministirri Dhimma Alaa US Maarkoo Ruubiyoo kolfaa turan.

Yeroo xiqqoo booda Waayit Haawus viidiyoowwan fuula ifaa fi miira injifannoo Tiraamp mul'isan hedduu faana barreeffama ''mana abbaa (daddy's home) '' jedhu maxxanse.

Tiraamp gama Nato'n milkaa'uu ibsan, garuu ammallee wantoonni gaaffii hedduutu jiru.

Mana Murtii Waliigalaatti 'injifannoo guddaa'

Manni Murtii Waliigalaa US abbootiin murtii ajaja pirezidantichi akka guutuu biyyaatti labsan dura dhaabbachuu akka hin qabne jala murtii kenneerra.

Kun xumura torbee darbeerratti ta'e. Tiraamp torbecha milkaa'inaan xumuruu agarsiisa.

Murtiin kun ka'umsa isaa Tiraamp mirga lammummaa dhalootaan kennamu kan maatii baqattootaa garii dhorkuuf aangoo qabanirraa eegale.

Manni murtii gara Tiraamp gorus, dhimmi kun ammalee gaaffii ijoo kaasisa. Dhiibbaan inni uumus salphaa miti.

Murtiin Mana Murtii Waliigalaa kun manneen murtii daka jiran akka Tiraamp dura hin dhaabbanne humna buusa.

Abbaan Alangaa Waliigalaa Pam Bondi tarkaanfiin kun ajaja gubbaa dhufu hunda dura akka hin dhaabbanne kan godhuudha jedhan.

Tiraamp dhimma kanarratti tasuma, osoo itti hin qophaa'in, wayita ibsa kennan ''murtiin kun milkaa'ina heera mootummaa isa ijoodha, qoqqoodiinsi aangoo fi olaantummaan seeraa sirriitti lafa qabachuu mul'isa,'' jedhan.

''Kun injifannoo guddaadha, hunda keenyayyuu injifanneerra,'' jedhan Tiraamp.

Murtiin mana murtii kun aangoo Tiraamp daranuu bal'isa, Tiraamp ammoo kanatti fayyadamuuf qophiidha.

Afrikaa keessatti nagaa buusuu

Tiraamp Jimaata waaree booda ministiroota dhimma alaa Ruwaandaa fi Rippaabilika Dimokiraatawaa Koongoo waliin walarganii turan.

Qondaalonni lameen guyyaa tokko dura waraana waggoota kudhan caalaaf biyyoota lameen gidduu ture obbaasuuf waliigaltee nagaa mallatteessanii turan.

Waliigaltee kanarratti ibsa bal'aan hin jiru, kanaan duras waliigalteen akkanaa irra ga'amee ture garuu hojiirra hin oolle malee.

Kun akkana ta'ee osoo jiruu garuu US fi Pirezidantii Koongoo waliigalteen kun injifannoo dhalootatti darbee jiraatuudha jechuun gammachuu ibsatan.

''Jeequmsi fi mancaatiin har'a xumurame. Naannawa san guutuutti boqonnaan abdii fi carraa banameera,'' jedhan Tiraamp.

Waliigalteen kun mootummaan US fi kubbaaniyyaawwan Ameerikaa naannawa kana keessaa albuuda baasuu akka danda'aniif daandii saaqa.

''Walitti isaan qabee, gabaatti dhiheessuu danda'een ture,'' jedhan Tiraamp.

''Sana qofa miti, US mirga Koongoo keessaa albuuda baasuu ni argatti,'' jedhan.

Dhimma kanarratti wayita ibsa gaazexeessitootaaf kennan Tiraamp waa'ee waraana sanaa odeeffannoo ga'aa akka hin qabne dhugaa bahaniiru, sammuu Ameerikaanota hedduu keessas hin jiru.

''Toora kiyya keessaa waanan ba'e natti fakkaata. Waa'ee dhimma kanaa hedduu hin beeku,'' jedhan Tiraamp.

''Waan tokko ammoo beeka. Waggoota dheeraaf akka wal lolaa turan. Guraadheedhaan.''