Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hoogganaa olaanaan Iraan wayita waraanaa eessa turan?
Hogganaa olaanaan Iraan Ayaatollaah Alii Kameenii erga biyyisaanii Israa'el waliin wal haleeluu eegaltee torban lamaaf dahannoo keessa turan. Torban lama booda tarii waliigaltee dhukaasa dhaabuu kana fayyadamuun as bahaniiru.
Israa'el maanguddoo umrii waggaa 86 kana ajjeesuuf dhaadataa turte. Isaanis sodaa kanaaf jecha quunnamtii nama kamuu waliin dhaabuun adda ba'uun dhokatanii turan jedhamee amanama.
Inumaa aanga'oota mootummaa olaanoo ta'an waliinillee akka walquunnamaa hin turredha.
Akka of eeggannoo cimaa taasisan sirriitti gorfamaniiru. Wayita Qataar fi US waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka jiraatu gaafataa turanillee amananii as hin ba'iin turan.
Pirezidant Tiraamp Israa'el hoogganaa olaanaa Iraan akka hin ajjeesne itti himuutu gabaafamaa ture, Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu yaada Tiraamp fudhachuurraa duubatti hin jenne. Garuu Ayaatollaaf ilanii ykn yaadanii miti.
Ayaatollaan wayita bakka dhokatanii jiranii as ba'an dacheen Iraan miidhagduu fi hawwattuun sun geeddaramtee isaan eegde.
Dachee du'aa fi mancaatiin dhuunfatetti deebi'an.
Deebinaan TV irra ba'anii injifanneerra jedhan; injifatamneerra kan jedhu silas hin jiru.
Maqaa fi kabajasaanii duraa, kan biyyasaaniis, deebisuuf xiyyeeffannaan hojjetu. Garuu dhugaan tokko jira- Iraan amma akka duraa miti, boqonnaa haaraa.
Waraanni kun biyyattii baayyee dadhabsiiseera, hoogganicha ammoo humna buuseera.
Gumgummii fi yaada mormii qondaalota olii biraa dhagahamu
Yeroo waraanaa Israa'el saffisaan qilleensa Iraan to'achuu ibsite. Buufataalee humna waraanaa biyyattiis haleeluun mancaasuu himte.
Israa'el haleellaa eegaltee ajajoota olaanoo eegdota warraaqsaa (Revolutionary Guard) fi loltoota Iraan hedduu ajjeesuuf yeroo itti hin fudhanne.
Miidhaan humna waraanaa irra ga'e hanga yoonaa sirriitti hin ibsamne, ragaan ba'aa jirus wal dhaha.
Garuu haleellaan misaa'elaa heddumminaan buufataalee humna waraanaa fi eegdota warraaqsaa irratti raawwatamaa ture humni waraanaa Iraan akka miidhame inuma mul'isa.
Humna waraanaa ijaaruun salphaa miti, maallaqi biyyattii garri caalu humna kana ijaaruutti ba'a.
Humni waraanaa biyya tokko haleelamuun biyya sanaaf kisaaraa guddaadha.
Buufataleen nukilaraa Iraan, kan sababa kanatti waggoota kurna lama darbaniif US fi hawaasi idiladdunyaa biyyattii qoqqobaa turan, qilleensarraan haleelameera.
Haleellaa US fi Israa'el wal tumsuun raawwataniin pirojektiin doolaara biiliyoona dhibbaan lakkaa'amuun ijaarame amma duubatti deebi'eera.
Lammiileen Iraan hedduun biyyattiin US fi Israa'el waliin walitti buuusheef Ayaatollaah Kameenii himachuuf deemu.
Bulchaa olaanaan Iraan kun bara 1989 aangoo qabatan. Ergasii warra lixaa, keessattuu US waliin akkasumas Israa'el waliin nagaa hin qaban.
Bu'aansaa kunoo gaaga'ama lubbuu fi mancaatii qabeenyaa, barbadaa'uu biyyaa lammiilee biyyattii fi qabeenya biyyattiin qabdurratti fide.
Yaada Israa'eliin dachee Baha Giddugaleessaa keessaa balleessuu jedhutti cichuun hoogganaa kanaa lammiilee biyyattii mufachiiseera.
Lammiileen Iraan hedduun yaada kana hin deeggaran.
Meeshaalee waraanaa nukilaraa qabaachuun akka aangoosaaniif golgaa cimaa fi gaachan ta'ee isaan eegutti amanu hoogganaan Iraan kun.
Lammiileen Iraan hedduun yaada kanaan mufataniiru.
Sababa kanatti qoqqobbii hawaasi addunyaa biyyattiirra kaa'uun diinagdeenshee baayyee gadi bu'e.
Biyyi duraan boba'aa alatti erguun beekamtu booddana kana gaaddidduushee duraaniillee arguu dadhabdeetti.
Yunivarsitii Harvaardi irraa Liinaa Kaxiib ''Iraan golgaa kana jalatti hangam akka turtu tilmaamuun nama dhiba. Garuu haalli kun waan xumuramuuf deemu fakkaata,'' jette.
''Akka hubannoo addunyaa yeroo ammaatti Ayaatollaah Alii Kameenii 'hoogganaa olaanaa' Rippaablika Islaamaa Iraan kan xumuraa ta'uu mala.''
Aanga'oonni olaanoon biyyattiis gammachuu akka hin qabne gumgumamaa jira.
Wayita waraanni kun baayyee hammaatee turetti miidiyaan Iraan tokko qondaalonni olaanoon biyyattii, kanneen sirna duraanii keessatti beekaman, akeekkachiisa kennaa turan jechuun gabaasee ture.
Aanga'oonni kunneen beektonni amantii bebbeekamoon biyyattii kanneen magaalaa qulqulluu Qom keessa buufatan fi gara ayaatollaah jiran gidduu seenuun jijiirama sirnaa akka fidan gaafataa turan.
Yunivarsitii Seent Aniriwus jedhamutti daarektara qorannoo dhimma Iraan kan ta'e Pirofeesar Alii Ansaarii ''gaabbii fi adabbiin waan oolu miti,'' jedhe.
''Bulchitoota gidduu garaagarummaa guddaan akka jiru beekamaadha. Lammiileenis gammachuu akka hin qabne waan ifa jirudha.''
'Mufii fi doorsisi hundee jabeeffachuuf deema'
Tarban lamaan darban lammiileen Iraan biyyasaaniif qabsaa'uu fi jibbiinsa bulchiinsa ammaa gidduutti yaadaan wal'aansoo qabaa turan.
Weerara biyyasaaniitti dhufe dura dhaabbachuuf hiriira ba'aniiru, garuu hiriiri ba'ame bulchiinsa amma jiru eeguuf osoo hin taane waliisaanii eeguuf akka ta'e mul'isaniiru.
Lammiileen Iraan yeroo haleellaan Israa'el isaaniirratti hammaatetti yeroo kamuu caalaa walitti dhihaataniiru, waliif dhimmaniiru.
Jiraattonni magaalaa fi baadiyyaa kanneen haleellaa jalaa dheessaniif balbala isaanii bananii dawoo ta'aniiruuf.
Namoonni suuqii qaban haala kana keessatti gatiisaanii ol hin kaasne, inumaa akka namni hin qoramneef gatiirratti xiyyeeffataa hin turre.
Ollaan waliif birmateera, wal eeyyyafachuun sadarkaa olaanaarra ga'e.
Garuu lammiileen Iraan hedduun Israa'el akka jijiirraa sirnaa ykn bulchiinsaa barbaaddu ni beeku.
Jijjiirraan sirnaa waan lammiileen Iraan hedduun hawwanidha. Garuu jijjiirraa sirnaan qaamni alaa akka seenu ammoo hin fedhan. Sararri darbamuu hin qabne akka jirutti amanu.
Humnoonni alaa akka seenuun biyyattiirratti olaantummaa qabaatan hin eeyyaman.
Waggaa 40tti siquuf Iraan bulchaa kan jiran Ayaatollaa Alii Kameenii mormitoota biyyattii keessaa balleessaniiru.
Aanga'oonni siyaasaa mormitoota mootummaa nama tokkoo ta'an kaan mana hidhaa jiru, kaan ammoo biyyaa baqataniiru.
Mormitoonni ammoo ala taa'anii uummata qindeeffachuun siyaasa isaanii gaggeessuu hin dandeenye.
Yoomallee carraan argame biyyattii keessatti hundee gadi jabeeffatanii aangootti ba'uuf haala mijataa keessa hin jiran.
Wayita waraanni daran hammaatetti mootummaan Iraan ni kufa jedhamee sodaatamee ture.
Osoo kun ta'ee jiraateellee paartiin mormituu aangoo qabachuun biyya tasgabbeessu hin turre. Haala qabatamaan biyyattii keessa tureen aanga'oota olaanootu aangoorratti lola biraa keessa seenu turan.
Seera maleessummaanis biyyattii keessatti dagaaga.
''Bulchiinsi Iraan amma jiru mormii biyya keessaatiin kufa jechuun waan yaadamu miti. Bulchiinsi kun biyya keessatti hundee cimaa qaba. Kanneen mormii qaban ammoo mataa gadi qaba, ni doorsisa,'' jette Pirofeesar Liinaan.
Lammiileen Iraan bulchiinsi Iraan amma jiruun dhiittaa mirgaa hamaan akka irratti hin raawwatamne sodaa qabu.
Erga waraanni eegalee torbee lama darbe kana keessatti lammiileen Iraan ja'a Israa'eliif basaasan jedhamuun ajjeefamaniiru.
Shakkiima kanaan namoonni 700 hidhamuu aanga'oonni Iraan himaniiru.
''Bulchiinsi Iraan meeshaalee fi tajaajila barbaachisan lammiileef yoo dhiheessuu dadhabe mufannaa, sodaa fi doorsisatu hammaataa deema,'' jedha Pirofeesar Ansaariin.
Lammiileen Iraan dhukaasa dhaabuuf jaarsummaan Wiixata darbe eegalame itti fufa jedhanii kan amanan murasa.
Israa'el ammallee qilleensa Iraan irratti olaantummaa qabdi jechuun dubbiin kun ammas akka jirutti hubatu.
Kuusaa misaa'ela baalistikii Iraan
Haleellaa Israa'eliin miidhamuu kan jalaa kan baraarame tokkichi buufata misaa'ela baalistikii Iraan.
Gaarreen biyyattii keessa jiran jalatti caasaa hojjetame keessa waan jiraniif Israa'el argattee rukutuu hin dandeenye.
Ajajaa Olaanaan Humna Ittisaa Israa'el Eyal Zamir biyyisaanii jalqaba wayita Iraan irratti haleellaa eegaltu ''Iraan misaa'eloota lafarraa dhukaafamuun kallattiin haleellaa qabsiisuu danda'an 2,500 akka qabdu ni beekti,'' jedhan.
Misaa'eloonni Iraan gara Israa'el dhukaaste lubbuu hedduu gaaga'e, qabeenya hedduus barbadeesseera.
Israa'el ammallee dhimmi misaa'eloota 1,500 harka Iraan jiranii baayyee ishee yaaddessa.
Ammoo Iraan ammallee boombii nukilaraa oomishuutti seenti jedhanii kan yaadda'an hedduudha.
Tel Aviiv, Waashingitan fi magaalonni naannawa Iraan jiran yaaddoo kana qabu.
Iraan kanaan dura sagantaa nukilaraa ishee nageenyaaf akka ta'e ibsaa turte.
Haleellaa Israa'elii fi Ameerikaatiin buufataaleen nukilaraa Iraan baayyee miidhamuu fi kunis sagantaa gabbisa nukilaraa biyyattii duubatti deebisuu danda'a jedhamee sodaatama.
Iraan garuu haleellaa sana dursuun yuraaniyemii gabbiste gara iddoo dhoksaa fi nagaa qabuutti dabarsuu ibsite.
Yuraaniyemiin Iraan dhibbeentaa 60 irra ga'e osoo gara 90tti guddatee biyyattiin boombii nukilaraa 10 qabaachuu dandeessi jedhu ogeeyyiin damee kanaa.
Iraaniif kana bira ga'uun salphaa ture.
Waraanni kun eegalamuu yeroo muraasa dura Iraan wiirtuu gabbisa yuraaniyemii haaraa ijaaruu fi dhiheenyatti akka hawaasatti ibsitu beeksistee turte.
Paarlaamaan Iraan hariiroo jaarmiyaa UN dhimma nukilaraa hordofu International Atomic Energy Agency (IAEA) jedhamu faana qabu akka hir'isu yaada dhiheessee ture.
Yaadi kun ganaa raggaasifamuu qaba, garuu yoo mirkanaa'e biyyattiin waliigaltee meeshaalee waraanaa nukilaraa irraa bilisa ta'uu- nuclear non-Proliferation Treaty jedhamu keessaa ba'uuf kun gulantaa jalqabaa ta'a.
Kanaan itti fufnaan qondaalonni olaanoon Iraan hoogganaa isaanii Ayaatollaah Alii Kaameeniitti marsanii jiranii fi humna ta'aafii jiran akka isaan boombii atoomawaa hojjechuutti seenan dhiibbaa uumuu danda'u.
Amma Ayaatollaa Kameenii bulchiinsi isaanii akka baraarame baraniiru, kana ofitti amanamummaan dubbatu, amma.
Garuu umriinsaanii waggaa 86 guuteera, dadhabaa deemu- yeroon qubaan lakkaa'amtu akka hafteef inuma beeku.
Aangoon dabarsuun akkuma duudhaa duraaniin akka itti fufuu fi namni isaan fedhan akka aangoo qabatuuf haala mijeessuuf yaada qabu.
Dureewwan amantii ykn ammoo miseensota hooggantoota olaanoo keessaa nama qopheessaa jiru.
Hanga ammaatti dureewwan amantii gameeyyii ta'an sadi kan isaan bakka bu'uun toora isaaniitiin biyyattii bulchuu danda'an adda baasaniiru.