Indiyaa fi Paakistaan "dhukaasa dhaabuu cabsuurratti" quba walitti qabaa jiru

Aanga'oota Indiyaafi Paakistaan

Madda suuraa, Getty Images

Indiyaa fi paakistaan waliigaltee dhukaasa dhaabuurra gahuu ibsatanii sa'aatiiwwan muraasaan booda "waliigaltee cabsuudhaan" quba walitti qabaa jiru.

Erga dho'insi Kaashmiir kan to'annoo Indiyaa jalatti argamtu keessatti dhalateen booda Ministirri dhimma alaa Indiyaa Vikiraam Miisirii, "erga waliigalteerra gahameen booda irra deddeebiin gochi waliigaltee cabsuu raawwatame" jedhe.

Ministirri dhimma alaa Paakistaan gamasaatiin, "bakkawwan murtaa'anitti gochi waliigaltee cabsuu Indiyaan raawwataman osoo jiraniis ta'u… hojiirra oolmaa waliigaltee dhukaasa dhaabuuf murannoo qabna," jedhe.

Guyyoota arfan dabrna keessa walitti bu'inis biyyoota lamaan gidduutti dhalate muddama waraanaa waggoota kurnan darban gidduusaaniitti mul'ate caalaa hamaa ture jedhame.

Indiyaan deebii haleellaa ji'a dare Polgaam keessatti raawwatameeti jechuun Paakistaaniifi kutaa Kaashmiir Paakistaan jalatti bulturratti diroonii, misaa'elootaafi meeshaalee dhukaafaman biroon deeggaramuun haleellaa raawwatteetti.

Paakistaan lubbuu lammilee 26 galaafate keessaa harka hin qabu jechuun waakkattullee, Indiyaan garuu finciltoota mootummaatiin deeggaramaniin raawwatame jechuun falmiti.

Haleellaa daangaa daruun guyyoota afuriif gaggeeffameen booda Paakistaaniifi Indiyaan dhukaasa dhaabuu guutummaattiifi battalumatti hojiirra oolu taasisuuf waliigalaniiru.

Biyyoonni lamaan dhukaasa dhaabuuf waliigaluusaanii pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp fuula miidiyaa hawaasaa isaa Tiruuz jedhamurratti ibseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Jaarsummaa Ameerikaatiin biyyoonni niwukilara hidhatan lamaan gidduutti waliigaltee dhukaasa dhaabuurra ga'ameera jedhe.

Ministirri dhimma alaa Paakistaan Ishaaq Daar biyyisaa dhukaasa dhaabuuf waliigaluushee mirkaneesseera.

Carraaqqii dippilomaasichaa keessatti Tarkii, Sawud Arabiyaa fi itti gaafatamaa ministira dhimma alaa Ameerikaa dabalatee "biyyoonni baayyeen" hirmaachuusaanii miidiyaa biyya keessaatti dubbateera ministirichi.

Ministirri dhimma alaa Indiyaa Vikiraam Miisiriis gamasaatiin biyyisaa tarkaanfii "lafarraan, qilleensaafi galaanarraan" fudhattu dhaabuudhaaf waliigaluu mirkaneesseera. Itti-dabaluun, waliigalteen dhukaasa dhaabuu sa'aatiiwwan keessatti hojiirra oola jedhee ture.

Waliigalteen kun ibsamee sa'aatii muraasaan booda kutaa bulchiinsa Kaashmiir Indiyaa jalatti bultu keessa namoonni jiraataniifi gabaasaan BBC sagalee dhukaasaa dhaga'uufi samiirratti abidda arguu dubbataniiru.

Ministirri dhimma alaa Indiyaa Vikiraam Miisirii "faallaa sa'aatiin muraasa keessatti irra geenyee irra deddeebiin gochi waliigaltich acabsuu raawwatameera. Kun kun duraan irratti waliigalle cabseera," jedhe.

Vikiraan Miisirii humni ittisaa Indiyaa "deebii malu akka kennu" ajajni darbuu dubbateera. Itti dabaluunis, "Paakistaan waliigaltee cabe ilaalchisee ibsa akka kennitu nan gaafadha," jedhe.

Dubbi-himaan ministeera dhimma alaa Paakistaan gamasaatiin "Paakistaan waliigaltee dhukaasa dhaabuu Indiyaafi Paakistaan gidduutti ta'eef murannoo akka qabdu ibsuun barbaada. Bakka tokko tokkotti gama Indiyaatiin waliigalteen dhukaasa dhaabuu cabulleen humni waraanaa keenya itti-gaafatamummaafi of qusachuun to'ateera.

"Waliigaltee dhukaasa dhaabuu haala saffisaa ta'een raawwachiisuuf dhimmoota jiran kamiyyu sadarkaa maluun waliigalamee hiikamuu qaba jennee amanna. Humnoonni waraanaa bobba'anis taanaan waan kamirraayyu of qusachuu qabu," jedhe.

Kaashmiir kutaa Indiyaafi Paakistaan naaf malti jedhanii gaaffii irratti kaasan yoo ta'u, biyyoonni lamaan bara 1947 erga sirna bittaa Biriteen jalaa walaba bahanii kaasee gariin bulchaa jiru.

Gaaffiin anaaf maltii biyyoota niwukilara hidhatan kanneen lamaaniif sababa wal gaarerfannaa yoo taatu, kanaan dura si'a lamaaf wal waraanuutti seenaniiru.

Barreessaan Olaanaa dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Guteereez, "walitti bu'insa dhalate kana tasgabbeessuudhaaf carraaqqiin taasifamu hunda" gammachuun akka simatan dubbataniiru.

Ministirri muummee Yunaayitid Kingidam Siir Keer Istaarmer, Biriteen karaa ministira dhimma alaa Deeviid Laamiitiin qaamoleen lamaan waliin "guyyoota murtaa'aniif" mariirratti hirmaachuu ibsaniiru.

Kiir Istaarmer "har'a waliigaltee dhukaasa dhaabuurra ga'amee arguukootti gammadeera," erga jedhanii booda tarkaanfii amma jiru waara'aa akka ta'u gochuudha," jedhan.