Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Liyoonel Mesii: Dorgommiin Waancaa Mesii maali? Eenyufaatu hirmaata?
Waancaan Mesii (Messi Cup) dorgommii tapha kubbaa miillaa sadarkaa idiladdunyaatti dargaggootaaf dhihaate yoo ta'u kan hundeesse gameessa kubbaa miillaa addunyaa Liyoonel Mesiidha.
Dorgommiin kun yeroo jalqabaaf Muddee dhufu Filooriidaa keessatti gaggeeffama.
Dorgommiin taphattoota pirofeeshinaalaa umrii waggaa 16 gadi jiran hirmaachise kun Muddee 9-14 kan gaggeeffamu yoo ta'u, gareen saddeet hirmaachuun tapha 18 taphatu.
Kilaboota Ingilaand keessaa Chelsii fi Maanchistar Siitiin dorgommii kanarratti ni hirmaatu.
Kilabni ammaa fi duraa Liyoonel Mesii Intar Miyaamii fi Baarseloonaanis kanneen dorgommii kanarratti hirmaatan keessaati.
Kilaboonni afran hafan - River Plate, Inter Miilaan, Newell's Old Boys fi Atileetikoo Maadiriid qaama dorgommii kanaati.
Dorgommiin kubbaa miillaa istaadiyeemii Intar Miyaamii [Chase Stadium] Fort Lauderdale keessatti argamutti gaggeeffamu kun sagantaa wagga waggaan qophaa'u ta'a.
Gameessi kubbaa miillaa addunyaarratti akkaan beekamu Liyoonel Mesiin dorgommii kubbaa miillaa kana akkas jechuun Instagram isaarratti beeksise.
''Dhumurratti oduu aagaa kana wayitan ibsu gammachuu guddaatu natti dhagahama. Muddee kana Miyaamii keessatti dorgommii taphattoota oladeemootu eegalama. Kilaboota ciccimoo addunyaatu irratti hirmaatu.''
Barreeffami Mesii itti fufuun akkas jedha: ''Egereen dorgommii kanaa guutummaatti ibsameera. Dorgommiin kun tapha kubbaa miillaan oli. Guyyaa muraasa fudhannee sochiiwwan hawwatoo ta'anis ni agarsiifna. Sagantaan kun waa'ee dhaloota egereeti.''
Sagantaa dorgommii kana kubbaaniyyaa Liyoonel Mesii 525 Rosario jedhamutu jalqabsiise.
Hoogganaan kubbaaniyyaa kanaa Tim Pastore dorgommiin kun ''kan dandeettiin, aadaa fi duudhaan hawaasa adda addaa irratti mul'atudha. Duudhaa dirree kubbaa miillaan ala ba'ee hiika guddaa qabu kan uumuudha,'' jedhan.
''Waancaan Mesii bakka walgeettii kubbaa miillaa har'aa fi taphattoota boriiti.''
Taphni kun gareen saddeet bakka lamatti qoodamuun taphatama. Afur afuritti qoodamuun tapha gulantaa taphatu.
Guyyoota jalqabaa sadan keessatti kilaboonni taphoota taphatan keessaa sadi taphatu.
Garee keessaa kilaboonni qabxii olaanaa qaban tapha kuffisanii darbuutti seenu. Kana gulantaa kana bira darbe tapha xumuraaf darbuun waancaaf falmata.
Umrii isaa ganna 17'n bara 2004-05, Laaligaa Ispeen keessatti taphataa umrii xiqqaan goolii lakkoofsise erga ta'ee booda milkaa'innisaa adda citee kan hin beekne Liyoonel Mesiin, yeroo ammaa taphataa dorgommii waancaa qopheesse kan jalqabaa ta'eera.
Barseloonaa waliin waancaa 35 erga injifatee booda bara 2021 PSG gale. Mesiin biyya isaa waliin 'Coppa America' fi Kaataaritti waancaa Adunyaa mo'achuun jireenya kubba miilaa isaa milkeesseera.
Badhaasa Ballon d'Or yeroo saddeet kan injifate Liyoonel Mesii yeroo ammaa kilaba Intar Miyaamiif taphata.