Waraana Gaazaa: Israa'el meeshaalee waraanaa eessaa argatti?

Israa'el garee Hamaas adamsuuf jecha Gaazaa keessatti oppireeshinii waraanaa hammeessuun, hawaasa nagaa akka malee miidhuun biyyoota lixaallee mufachiiseera.

Amma kana mootummoonni lixaa Israa'elitti meeshaan waraanaa akka hin gurguramne dhiibbaa uumuu eegalaniiru.

Israa'el mataanshee meeshaalee waraanaa gara alaatti erguun akkaan beekamti, garuu humni waraanaashee hidhannoo xiiyyaarota waraanaa, boombii akkaan ammayyaawaa ta'an fi misaa'eloota akkaan jajjaboo ta'an irratti kan hundaa'edha.

Israa'el meeshaalee akkanaatiin Gaazaa barbadeessaa jirti. Biyyi yookiin naannoon tokko meeshaalee akkanaan, humna jabaadhaan, haala kanaan wayita barbadaa'u seenaa yeroo dhiyoo as keessatti kan Israa'el kun tarkaanfii hammaataadha jedhan ogeeyyiin.

Gareen quuqamtootaa fi namoonni siyaasaa biyyoota lixaa michuuwwan Israa'el ta'an hedduun, meeshaalee waraanaa Israa'elitti gurguruun akka dhaabbatu duula gaggeessaa jiru.

Sababni isaa Israa'el lammiilee nagaaf eegumsa taasisaa hin jirtu, akkasumas gargaarsi namoomaa ga'aa ta'e kanneen rakkoo keessa jiran bira akka ga'u eeyyamaa hin jirtu jedhan.

Jimaata darbe Manni Maree Mirga Namoomaa UN meeshaa waraanaa gara Israa'el erguun dhaabbachuu qaba kan jedhu deeggareera.

Biyyoonni 28 Israa'eliif meeshaan waraanaa ergamuu hin qabu kan jedhu deeggaran, ja'a ni morman, 13 sagalee hin kennine.

Israa'eliif baayyinaan meeshaa waraanaa dhiheessuun kan beekaman US fi Jarmaniin mormaniiru.

Jarmaniin seerri kun ifatti garee Hamaas kan balaaleffate waan hin taaneef yaada UN kana mormuu ibsite.

Biyyoonni Israa'eliif meeshaalee waraanaa ammayyaa ta'an dhiheessan kunooti.

US

Meeshaalee waraanaa Israa'eliif dhiyeessuu irratti kan US ga'u hin jiru. Inumaa humni waraanaa Israa'el teeknooloojii ammayyaan gabbate, kan addunyaarratti sadarkaa qabu, akka ijaaramu kan taasiste Ameerikaadha.

Akka jaarmiyaa qorannoo nageenyaa idiladdunyaa- Stockholm International Peace Research Institute (SIPRI) jedhamuutti bara 2019 fi 2023 gidduutti meeshaalee waraanaa gara Israa'el ergaman keessaa US dhibbeentaa 69 qooddatti.

US humna waraanaa Israa'eliif kan waggaa waggaan kennamu doolaara biiliyonaa 3.8 ramaddeetti, kun waliigaltee waggaa kudhanii biyyoonni lameen qabaniidha.

Kaayyoon isaas michuun ishee [Israa'el] humna waraanaa ''ammayyummaan biyyoota ollaa caalu,'' akka qabaattu gochuudha.

Israa'el humna maallaqaa US irraa argatte kana fayyadamuun jeettii waraanaa yeroo ammaa addunyaarratti akkaan ammaayaawaa ta'e F-35 of harka galfatteetti.

Hanga ammaa 75 ajajje keessaa 30 kan caalan harka ishee galeera.

Ameerikaan alatti addunyaarratti biyyi yeroo jalqabaaf xiyyaara waraanaa kana harka galfattee fi oppireeshinii waraanaa keessatti itti fayyadamte Israa'el qofa.

Qaama maallaqa Ameerikaan humna waraanaa Israa'el ammayyeessuuf ramaddee kan ta'e, waggaatti doolaarri miiliyoonni 500 ammoo sagantaa humna ittisa misaa'elaaf kan ramadamuudha.

Hedduun kan waraanni Israa'el michuuwwan isaanii kan Ameerikaa waliin ta'uun ijaaraniidha. Isaanis Iron Dome, Arrow fi David's Sling jedhamu.

Yeroo hunda Israa'el haleellaawwan rookeetii, misaa'elaa fi diroonii Hamaas irraa itti dhufu sirna kanaan ofirraa qolatti.

Garee Iraaniin deeggaraman kaan, kanneen Lebaanan, Siiriyaa fi Iraaq keessa socho'an irraa haleellaa walfakkaataan wayita ishee mudatus sirna waraanaa ammayyaawaa kanaan ofirraa qolatti.

Guyyaa Hamaas haleellaa eegale (Onkoloolessa 7) booda Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan Israa'eliif ''deeggarsa meeshaalee waraanaa dabalataa'' akka taasisan ibsaniiru.

Ega waraanni kun eegalee Ameerikaan deeggarsa meeshaalee waraanaa Israa'eliif taasiste lama qofa ibsite.

Akka gabaasa miidiyaalee Ameerikaatti ammoo erga waraana kanaa as bulchiinsi Joo Baayidan meeshaalee waraanaa 100 ol Israa'elitti gurgureera, kanas dhoksaadhaan taasise.

Waliigalteen kan biraan irratti dubbatamaa jiru, kan Kongireesii beeksisuu gaafatu, tokko ammoo jeettiiwwan waraanaa F-15 kan baayyinaan 50 ta'an doolaara biiliyoona 18n Israa'elitti gurguruudha.

Kongiresiin ammallee dhimma kanarratti dubbatee hin mirkaneessine.

Jarmanii

Meeshaalee waraanaa Israa'eliif dhiheessuun Ameerikaatti aantee kan jirtu Jarmaniidha. Bara 2019 fi 2023 gidduu meeshaalee waraanaa akka waliigalaatti Israa'el bitatte keessaa dhibbeentaa 30 Jarmaniitu dhiheessite.

Biyyi miseensa Gamtaa Awurooppaa taate kun hanga Sadaasa bara darbeetti meeshaalee waraanaa doolaara miiliyoona 326 ta'an Israa'eliif dhiheessiteetti, kun bara 2022 dachaa 10 ol ta'a.

Baayyeensaanii meeshaalee waraanaa haleellaa qilleensarraa qolatan fi mala qunnamtii waraanaa ammayyaa ta'aniidha.

Chaansilarri Jarman Olaaf Shoolz, Israa'el haleellaa ofirraa qolachuuf mirga guutuu qabdi jechuun, waraana kana keessatti akkuma Ameerikaa cimsanii Israa'el deeggaraa ba'an.

Amma sagaleen deeggarsaa sun akka duraa miti, meeshaalee waraanaa Israa'eliif dhiheessuu ilaalchisees Jarmanii keessatti falmiin dhalateera.

Xaaliyaan

Itaaliin meeshaalee waraanaa Israa'eliif dhiheessuun Ameerikaa fi Jarmaniitti aantee sadaffaarra jirti.

Garuu bara 2019 fi 2023 gidduu meeshaalee waraanaa Israa'el bitatte keessaa harka 0.9 qofa qooddatti. Isaanis helikooftarootaa fi humna galaanarraati.

Gurgurtaan meeshaa waraanaa kun doolaara Ameerikaa miiliyoona 14.8 jedha ragaan biiroo istaatistiksii biyyaalessaa ISTAT.

Onkoloolessaa fi Muddee darbe gidduu biyyattiin meeshaalee waraanaa yuuroo miiliyoona 2.1n Israa'elitti gurguruuf mirkaneessiteetti.

Mootummaan biyyattii garuu biyya waraana bante yookiin mirga dhala namaa sarbaa jirtuuf meeshaa waraanaa dhiheessuu akka dhaabu ibseera.

Biyyoota kaan

Meeshaan waraanaa UK Israa'elitti gurgurtu ''birqabaan xiqqoodha'', akka mootummaan UK jedhautti, bara 2022 doolaara miiliyoona 53 qofaan gurgurte.

Duulli Faallaa Gurgurtaa meeshaalee waraanaa- Campaign Against Arms Trade (CAAT) ammoo UKn bara 2008 irraa eegaltee Israa'el meeshaalee waraanaa doolaara miiliyoona 727 ta'u akka bitattuuf waraqaa eeyyamaa mallatteesiteetti.

Amma garuu mootummaan Biriteen alergii meeshaa waraanaa kanaan walqabatee dhiibbaa jala galeera.

Ministirri Muummee UK Rishi Sunaak biyyisaanii ''eeyyama alergii meeshaa waraanaa of eeggannoon guutame '' akka qabduu fi Israa'el ''akkaataa seera namoomaa idiladdunyaan deemuu'' akka qabdu akeekkachiisan.

Aanga'oonni gameeyyiin mootummaa UK akka BBCtti himanitti, garuu qoqqobbii meeshaa waraanaa Israa'el irra kaa'uun ''waan raawwatu miti.''

Gurgurtaan meeshaa waraanaa Kanaadaan Israa'elitti taasiste ammoo doolaara Ameerikaa miiliyoona 15.7, kunis kan bara 2022ti.

Mootummaan Kanaadaa Amajjii bara kanaa akka ibsetti meeshaaleen waraanaa hanga akkaataa seera Kanaadaan faayidaarra ooluunsaanii mirkanaa'utti biyyaa akka hin baane ibseera.