Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Abbootiin seeraa olaanoon UKn Israa'eliitti meeshaa waraanaa gurguruu akka dhaabdu gaafatan
Abbootiin seeraa Mana Murtii Olaanaa UK duraanii sadi ogeessoota seeraa 600 ol ta'an waliin ta'un, mootummaan biyyattii meeshaa waraanaa Israa'eliitti gurguruu akka dhaabuuf waamicha taasisan.
Xalayaa Ministira Muummee biyyattiif barreessaniin, sababii UK seera idil-addunyaa cabsuudhaan Gaazaa keessatti balaa amansiisaa ''duguuggaan sanyii'' keessatti akka hin hirmaanneef gaafatan.
Rishii Sunaak erga hojjattoonni gargaarsaa torba haleellaa qilleensaa Israa'eliin ajjeeffamanii as, dhiibbaan paartiilee hedduun irra gahaa jira. Guyyaa Kibxataa ammoo UKn sirna hayyama meeshaa waraanaa ''of eeggannoo cimaan'' guutamte akka qabdu dubbatanii ture.
Biriteen meeshaa waraanaa biyyoota akka Jarman, Xaaliyaanii fi kaanii gadi kan gurgurtu yoo ta'u, US ammoo meeshaa waraanaa biiliyoonaan lakkaa'amu dhiyeessuun dursaa jirti.
Haata'u malee, UKn gurgurtaa meeshaa waraanaa dhaabuun, Israa'el kan lolli isheen Gaazaa keessatti gaggeessaa jirtu qeequmsa idil-addunyaa irratti ka'aa jiruurratti dhiibbaa dippilomaasiifi siyaasaa qabaata.
Pirezidantiin Mana Murtii Olaanaa duraanii Laadii Haalee ogeessoota seeraa, ogeeyyii akkaadaamiifi daanyoota soorama bahan 600 xalayaa abbaa fuula 17 mallatteessan keessaa tokkodha.
Xalayichis UKn waliigaltee idil-addunyaa ''Waliigaltee Duguuggaa Sanyii'' cabsuu danda'an dabalatee, walta'insa oolchuudhaaf tarkaanfii cimaa fudhachuu qabdi jedha.
Namoota xalayicha mallatteessan keessaa kan biraa Abbaa seeraa Mana murtii Olaanaa duraanii Loord Sumpishiin fi Loord Wiilsan, abbootii seeraa gara biraa sagaliifi abookaatoowwan olaanoo 69 kan biraa keessatti argamu.
Waamichi UKn akka meeshaa waraanaa Israa'eliitti gurgurtu dhaabdu jedhu kunis, erga lammilee Biritish sadii dabalatee, hojjattoonni gargaarsaa torba haleellaa qilleensaa Israa'eliin Wiixata Gaazaa keessatti ajjeeffamaniin booda.
Hojjattoota ajjeeffaman keessaayis lammiileen Awustiraaliyaa, Filisxeem, Ameerikaa-Kaanaadaa fi Poolaandi keessatti argamu. Garichis reefu deeggarsa nyaataa toonii 100 tokko buusaa turan.
Suunaak taatee sanaan booda gaazexaa The Sun'tti akka dubbataniitti, qorannoon walabaa akka gaggeeffamu waamicha taasisuun, garuu meeshaa waraanaa gurguruu akka dhaaban irratti omaa hin jedhiin darban.
Itti dabaludhaanis UKn Israa'el waliin seera namoomaa addunyaa hordofuu akka qabdu ''walitti fufiinsaan ifaadha'' jedhan.
MM Israa'el Beenjaamiin Neetaanyaahuun haleellicha kan itti hin yaadamaneefi ''gaddisiisaa'' jechuun ibsuun, qorannoo walabaa gaggeessuuf waadaa seenan. Haata'u malee himannaa duguggaa sanyii jedhu kuffisan.
Akka dhiibbaa garee Duula Farra Daldala Meeshaalee Waraanaa (CAAT)tti, UKn erga bara 2008 yeroo odeeffannoon biyyaaleessaa ifa itti taasifamee kaasee, Israa'eliitti hayyama meeshaa waraanaa paawundii miiliyoona 574 ol kennitee jirti.
Ministirri Daladalaa, Gireeg Haandsi duraan daataa bara 2022 miseensoota mana mareetti wayita himaniitti, waraanni israa'el bara sana paawundii miiliyoona 42 kan %0.02 qofaa ta'u galfatan.
Yoo meeshaaleen waraanaa akka gochaawwan seera namooma idil-addunyaa cimaa cabsaniif oolfamuun ifatti baramee, hayyamni alergii meeshaalee waraanaa kan qajeelcha daldalaatiin kennamu.
Paartiin Leebar gurgurtaan meeshaa waraanaa akka dhaabbatuuf waamicha hin taasifne, garuu ammoo Israa'el seera idil-addunyaa cabsuu isheerratti mootummaan gorsa seera keessoo akka baasuuf gaafateera.