Israa'el konkolaataa keenya adamsuun hojjettoota keenya haleelte - Dhaabbata Gargaarsa Gaazaaf dhiheessu

Hundeessaan Jaarmiyaa gargaarsa namoomaa World Central Kitchen (WCK) Jose Andres, humnoonni Israa'el hojjettoota Gaazaa keessatti gargaarsa qaqqabsiisan konkolaataa keessatti adamsuun ''karaa qindaawaa ta'een'' haleelan jechuun himatan.

Wiixata darbe hojjettoonni dhaabbata gargaarsa namoomaa kanaa torba haleellaa qilleensaa Israa'el Gaazaa keessatti raawwatteen ajjeefamaniiru.

Taateen sun itti yaadameeti malee dogoggoraan kan mudate miti kan jedhan Aab Jose Andres, humnoonni Israa'el sochii jaarmiyaa kanaa ilaalchisee doorsisa gaggeessaa turan jedhan.

Hojjettoonni dhaabbata WCK haleellaa Israa'eliin ajjeefaman Awustiraaliyaa, Kanaadaa, Poolaand, UK fi US akkasumas lammiilee Filisxeem irraati.

Israa'el haleellaan raawwatte kun ''dogoggora hamaa'' ta'uu ibsuun dhiifama gaafatteetti. Qorannoon walabaa akka gaggeeffamus waadaa seenteetti.

Jaarmiyaan gargaarsa namoomaa kun akka jedhutti konkolaattonni gargaarsa fe'anii turan akkuma man-kuusaa Deeyir al-Balaah keessaa ba'aniin haleelaman.

Bakka kanatti midhaan nyaataa toonii 100 caalu kan galaanarraan uummata Gaazaaf dhufe hojjettoonni dooniirraa buusanii konkolaataadhaan fe'atanii turan.

Konkolaattonni bakka kanaa ka'an sadi: tokko kan gargaarsa fe'e, lameen ammoo dhukaasas tahe boombii qolachuuf sibiilaan kan haguugamanidha.

Hundarrayyuu asxaan jaarmiyaa gargaarsaa kanaa (WCK) ni jira, sadeenuu haleelaman.

Aab Andres miidiyaa Israa'el Channel 12 news jedhamutti akkas jechuun dubbatan: ''Haleellaa kallattiidhaan konkolaattota keenyarratti raawwatedha. Kanneen Humna Ittisaa Israa'el keessa jiran hunduu konkolaattota keenya sirriitti beeku.''

Taatee kana booda jaarmiyaan WCK gargaarsa dhiheessuu adda kutuu hordofee Gaazaa keessatti dhiheessiin gargaarsa namoomaa yaaddessaa ta'eera.

UN hanga haala nageenyaa jiru qoratee adda baasutti yoo xiqqaate sa'atii 48f Gaazaa keessa socho'uu dhaabeera.

Ministirri Muummee Israa'el Beenjamiin Neetaniyaahuu haleellaan kun itti yaadamee kan raawwatame miti jedhan.

''Waraana keessatti raawwate, hanga dhumaatti sakattaanee adda baasneerra, mootummoota waliinis waliin dubbataa jirra. Dogoggorri kun akka irra hin deebi'amneef waan dandeenyu hunda ni raawwanna,'' jedhan dureen Israa'el kun.

Pirezidantiin US Joo Baayidan haleellaan raawwate kun Israa'el hojjettoota gargaarsa namoomaa dhiheessaniif eegumsa gochuu dhabuushee agarsiisa jechuun balaaleffatan.

Hojjettoota gargaarsa namoomaa ajjeefaman torba keessaa sadi lammiilee UK yoo ta'an, afran isaanii lammiilee Poolaand, Awustiraaliyaa, Filisxeem fi tokko lammummaa Kanaadaa fi Ameerikaa kan qabudha.

Ministirri Muumee UK Rishi Sunaak dhimmi kanarratti Kibxata darbe (Ebla 2, 2024) Aab Neetaniyaahuu waliin dubbataniiru.

Wayita bilbilaan waliin dubbatanitti, taateen Gaazaa keessatti mudate ''kan callifamee bira darbamu'' akka hin taanee fi qorannoon walabaa gadi fageenyaan, karaa iftoomina qabuun gaggeeffamuu akka qabu gaafatan.

Israa'el ammallee gargaarsa namoomaa Gaazaa irraa ittisuu akka dhaabduu fi lammiilee nagaaf eegumsa akka taasistu gaafataniiru Aab Sunaak.

Dureewwan Awustiraaliyaa, Poolaand, Kanaadaas gocha kana balaaleffachuun qorannoon walabaa gaggeeffamuu akka qabu gaafataniiru.

Taatee mudaterratti Ministira Muummee Israa'el irraa ibsa ga'aa akka barbaadan sagalee tokkoon ibsaniiru.