Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Du'a namaa miidiyaa hawaasummaa irratti ibsuufi dhiibbaa inni duudhaa hawaasaarratti qabu
Jaarraa 21ffaa- jaarraa dijitaalaa (Era of digitalization) jedhamuun beekamu kana keessatti hariiroon hawaasummaa dhala namaa qaamaan wal arguu caalaa karaa interneetiin cimeera.
Keessattuu erga tajaajila irra oolee waggoota 15 ol kan ta’e Feesbuukii irratti, akkaataa fayyadamtoonni qabiyyeewwan garaagaraa maxxansan duudhaa (norm) baramaan ala ba’aa akka deeman kan taasise fakkaata.
Qabiyyeewwan miidiyaa hawaasummaarratti baay'inaan maxxanfaman keessaa waa'een du’a namaa adda durummaan eerama.
Dhimmoota waraanaa, ajjeechaafi yakkoota suukanneessoo ta’an miidiyaa hawaasaarratti maxxansuun Itoophiyaattis akkaan baratameera.
Gadda karaa miidiyaalee hawaasummaa ibsachuun wayita heddummaataa jiru kanatti, duudhaa fi adeemsi baramaan hawaasi ittiin gadda ibsatu sun dagatamaa akka deemaa jiru qorannoo hedduun ni himu.
'Akkaataan du'a namaas, akkaataan itti himanis gara bade'
Qorataa fi barreessaan Seenaa Oromoo Obbo Dirribii Damisee, Itoophiyaa keessatti akkaataa itti du’a himan qofa osoo hin taane akkaataan du’a namaatuu gara bade jedhu.
''Du’a namaatu du’a saree ta’e. Namni yoo du’e eenyutu ajjeese hin jedhamu. Maaliif du’e hin jedhamu. Poolisiin hin galmeessu. Kan itti gaafatamu hin jiru. Kana keessa dubbiin bade,’’ jechuun ibsan.
Waraana, haleellaa, walitti bu'iinsi siyaasaa, sabaafi amantii waggoota muraasa darban lubbuu hedduu dabarseera.
Kana keessatti humnooti mootummaa, hidhattooti garagaraafi kaanis ni himatamu.
Yakka suukanneessaa fi ajjeechaa dhala namaarratti raawwatu miidiyaa hawaasummaarratti maxxansuun gama tokkoon daba dhala namaarratti raawwatamu saaxiluudha.
Gama kaaniin ammoo ammuma baratamaa deemu gochaan kun xiinsammuu namaa hadoocha jedhan Obbo Dirribiin.
''Mana hidhaa illee baasanii ajjeesanii gatuutu jira. Nama akkanatti ajjeefamee gatame hedduun beeka. Haala kanatu kana fide.’’
Biyyattii keessatti yeroo dhihoo as reeffi dhala namaa akkuma kan bineensaa kufee argama kan jedhan Obbo Dirribiin, ''mootummaanis namoota harkasaan ajjeesu eenyummaasaanii dhoksuun yoo heddummaatu namuu carraa argateen beeksisuu eegale'' jedhan.
''Bara dargii, mootummaan yoo nama ajjeese ykn daboodhaanillee yoo ta’e, ni awwaalchisa ykn ammoo firaan fuudhii awwaalladhu jedha malee reeffi namaa lafarratti gatamuu kan jalqabe bara ammaati,'' jedhu.
''Kanaafuu inni miidiyaa hawwasummaarratti maxxansu lafaa argeeti kaase. Kanaaf, inni ajjeesee gateyyuu safuu osoo hin eegin, inni suuraa kaasee ykn viidiyoon waraabee karaa Feesbuukii dabarse safuu cabse jechuun ni ulfaata,’’ jedhan.
Gama lamaanuu safuun badeera kan jedhan Obbo Dirribiin, namni reeffa firasaa Feesbuukii irratti argee amanuun hanga isa rakkisutti ga’aa jira jedhan.
''Duuti namaa duratti akkatti himamu qaba. Safuu qaba. Abbaatti hin himan. Ganamaan mana dhaqanii 'mee taa’i' jedhanii marsanii tasgabbaa’anii itti himu, akka garaa kutatu. Malee du’a namaa gabaa keessatti namatti hin himan.’’
''Amma namni utuu uffata baafatee qaama dhiqatuu ykn osoo midhaan nyaatuu ykn osoo gabaa keessa dhaabbatuu miidiyaa hawaasummaarratti reeffa firasaa arga,’’ jedhan Obbo Dirribiin.
Dabaluunis, ''Kun haala baayyee gaddisiisaa yeroo ammaa uumameedha, garuu akkuma jirutti walqabatee sirnaa fi duudhaan waan badeef rakkoon kun dhufe,’’ jechuun namni hamma isaa danda’amutti reeffa nama du’ee maxxansuu irraa akka of qusatu gaafatan.
Iccitii dhuunfaa, odeeffannoo dogoggoraa...
Gadda miidiyaa hawaasummaarratti ibsuun akkuma duudhaa fi adeemsa gaddaa barame miidhu, iccitii dhuunfaa nama sanaarrattis miidhaa qabaata.
Namni tokko yoo suuraa nama du’ee Feesbuukii irratti maxxansee fi waa’ee nama sanaa waan dogoggoraa barreesse, namni du’e sun ka’ee falmatee sirreessuu hin danda’u jedhu.
Luba amantii Ortodoksii Tewaahidoo Itoophiyaa kan ta’an Luba Balaay Makonnin, fayyadamtoonni Feesbuukii hedduun ‘like’ fi ‘share’ guddaa argachuun beekamuuf jecha waan safuu fi duudhaa cabsu maxxansaa oolu jechuun gocha kana balaaleffatan.
''Wanti hundinuu siyaasa ta’e. Namni hunduu bakka jirutti siyaasa gaggeessa. Siyaasa ammoo kan dhageenyu miidiyaa hawaasummaati,’’ jechuun miidiyaan hawaasummaa duudhaa hawaasaa balleessaa akka jiru akeekan.
Akkasaan jedhanitti, reeffi nama kammu kabaja qaba. ''Kanaafuu haaluma aadaa hawaasichaatiin bakkaa fi haala reeffii itti qabamu qaba malee guuranii Feesbuukiitti baasuun barmaata kan biraa faallaa duudhaa hawaasaa ta’e fida,’’ jedhan.
Obbo Dirribiin ammoo fayyadamtoonni miidiyaa hawaasummaa du’a qofa osoo hin taane waan safuu cabsu hedduu maxxansaa oolu jedhan.
''Nama dhuunfaa arrabsuu, waan maatii fi firooma diigu maxxansuu, sababa nama tokkorraa jibba qabaniif jecha gosa waliin walitti qabanii arrabsuun heddummaataara,’’ jedhan.
Walumaagalattis, barri kominikeeshinii miidiyaa hawaasummaa kun akkuma bu’aa gaarii fidee dhufe dhibeellee qabatee akka dhufe ibsan.
''Nama naamusa miidiyaa fayyadamuu hin qabne hundatti miidiyaarratti qabiyyee maxxansuuf mirga argate. Kun safuu cabseera.’’
''Karaa tokkoon uummanni Oromoo safuu eeggachuuf jedhee miidhaaf saaxilame. Safuu gatuurra rakkoo keessa teenyee safuu keenyatti cichuun filadha. Garuu gidiraan raawwatamaa jiru ammoo safuu gatuuf nama dirqamsiisa,'' jedhan Obbo Dirribiin.
Haala mudataa jiruun daran yaadda'uu kan himan hayyuun seenaa fi jaarsi biyyaa kun, yeroo ammaa namni du’a dhaqna godhateera jedhan.
''Du’i namaa oggaa baayyatu, reeffi namaa miidiyaa hawaasummaa hundarratti wayita heddummaatu, duuti namaa aadaa ta’aa deema. Duuti homaa akka hin taanetti baratama. Namatu du’ee osoo hin taane meeqatu du’e kan jedhuuf bakki kennama,'' jedhan.
Baayyina nama du’ee malee lubbuun nama tokkoo homaatti hin ilaalamu jedhu.
Gadda ibsachuu ykn beekamtii argachuuf
Namoonni miidiyaa hawaasummaarratti oduu gaddaa fi suuraa nama du'ee kan maxxansan miiraafi kaayyoo adda addaatiif.
Kaan gadda onneesaanii madeesse baafachuuf, kaan ammoo ragaa olkaa'uuf, akkasumas kan beekamtii argachuuf maxxansanis jiru.
Wayita kophaa ofii ta'anii gaddi sammuu nama seenu miidiyaan hawaasummaa karaa ittiin dubbatan filatamaa ta'a.
Namoota addunyaa garaagaraarra jiran, dhihoofi fagoo akkasumas kan beeknuu fi hin beekne iddoo tokkotti argachuun itti dubbanna.
Keessattuu nama neetworkii gaarii qabuuf miidiyaan hawaasummaa iddoo gadda ibsatanii qalbii ofii boqochiifataniidha.
Suuraa nama du'ee jechoota jaalalaan dabaalanii yoo barreessan namoota hedduutu gadda waliin qooddachuun deeggarsa barbaachisu taasisu, kun immoo nama gaddi seeneef boqonnaa sammuuti.
Faayidaan miidiyaa hawaasummaa kan biraan ammoo seenaa jireenyaa keenya jecha mataa keenyaan bareechinee barreessuun olkaa'uuf carraa jiruudha.
Namoonni seenaa sagalee fi viidiyoo akkasumas barreeffamaan olkeenye keessa deemanii daawwachaa nu yaadatu.
Haata'u malee namoonni beekamtii horachuuf qofa reeffa namaa maxxansanis jiru.
Ta'us, kun rakkoo teeknooloojii [miidiyaa hawaasummaa] osoo hin taane, akkaataa namoonni itti fayyadamaniidha jedhu Luba Balaay fi Obbo Dirribiin.
Namoonni gariin beekamtii argachuuf suuraa nama du'ee, odeeffannoo ofii fedhan waliin gadhiisu, kun sababa siyaasaafis ta'uu mala.
Gochaan kun immoo fira dhihoofi maatii nama du'eef gaddarratti gadda dabala.
Namni tokko namoota garaagaraa biratti akkaataan garaagaraan ilaalama, kanaafuu akkaataan namoonni suuraa nama du'ee maxxanfame haala garaagaraan ibsanis dhiibbaa mataasaa qabaata.
Kanaafuu wayita miidiyaan hawaasummaa daranuu babal'ataa jiru kanatti namuu waan maxxansu miira itti gaafatamummaan hordofuu akka qabu namoonni dubbisne kunneen dhaamaniiru.