Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Eritraan firoota namoota waamicha loltummaatti makamuuf dhiyaate didan adabaa jirti'- HRW
Ertiraatti qondaaltoonni mootummaa maatiiwwan namoota waamicha loltummaa dirqii jala miliqanii adabaa jiraachuu Dhaabbanni mirga namoomaaf falmu, Humaan Raayitis Woch beeksise.
Dhaabbatichi ibsa isaa har’a baaseen, firoottan namoota waamicha loltummaa dirqii didanii kumaatamaan lakkaa’aman baatiiwwan dhihoo as mootummaadhaan adabamaniiru.
Waraana mootummaa federaalaafi humnoota Tigraay jidduutti gaggeeffame keessatti humnootii waraanaa Ertiraa mootummaa Itoophiyaa waliin hiriiruun lolaa akka turan himama.
Looltoonni Ertiraa wayitaTigraay keessatti lola irratti hirmaatanittis sarbama mirga namoomaa sukkanneessaa raawwachuun himatamu.
Fulbaana keessatti wayita irra deebiin waraanni Tigraayiitti eegaleen walqabatees, mootummaan Eritraa miseensoota humna waraana eeggataa kanneen hojii dhuunfaa irratti bobba’an akka waraanatti makamaniif waamicha taasisunsaa ni yaadatama.
Haaluma kanaanis Ertiraan waraana idilee isheetiin alatti miseensoota waraana humna eeggataa kanneen umuriin isaanii waggaa 55 gadi ta’e fi iddoo tokko tokkootti ammo kan umuriinsaanii kana caaluf waamicha taasisuun ishee ni yaadatama.
Dhaabbanni mirgaaf falmu kunis maatiiwwan mana isaanitii hari’atamaniif maanguddoo waggaa 80 sababii ilamaansaanii dabarsanii kennuu didaniin hidhaman dubbiseera jedhe.
‘‘Mootummaan Ertiraa jaaroollee fi dubartoota daa’imman xixiqqoo qaban miseensoota maatii isaanii waamicha taasifame jalaa dhokatan jedhaman akka fidaniif hidhaafi manaa hari’aataa turan’’ jedhan dhaabbatichatti Ittaantuun daareektara Afrikaa Laatishaa Baadar.
Sababii kanaan walqabatees kanneen daandiirra buluuf dirqaman jiraachuu himeera ibsi dhaabbata kanaan bahe kun.
Eritraan dirqama loltummaa dabalatee, imaammanta tajaajila biyyaaleessaa daangaa maleessa ta’e qabdi.
Dargaggoonni biyyattii heddunis sababii kanaatiif gara biyyoota Awurooppaa akka baqatan himama.
Kanaafu seerri tajaajila biyyaaleessa biyyattii lammiilee biyyattii, dhiiraafi dubartoonni umuriin waggaa 40 gadii tajaajila baatii 18 keessa darban kamu ajaja mootummaa dhiyaatuf akka abomaman gaafata.
Qabatamaadhaan ammoo gaheessonni waggaa 40 olittis akka tajaajila kennaniif wayita dirqisiifaman jiraachuu kaasa ibsi kun.