Raashiyaan misaayilaan dhiyeessii ibsaa fi bishaanii Yuukireen mancaaste

Raashiyaan misaayiloota 50 oliin buu’uraalee misoomaa ijoo Yuukireen haleeltee tajaajila ibsaa fi bishaanii biyyattii balleessite.

Magaalaa guddoo biyyattii Kiyeevitti jiraattoonni harki 80 tajaajila bishaan dhugaatii hin qaban, namoonnii 350,000 tajaajila ibsaa hin qaban jedhan Kantiibaan magaalaa Kiyeev Vitaali Kilitichiko.

Kaaba-Baha magaalaa Karkiivitti humni ibsaa haleelamee ture. Haleellaa misaayila Raashiyaatiin namoonni 13 madaa’aniiru.

Raashiyaan iddoowwan ajaja waraanaa fi sirna annisaa Yuukireen irratti qiyyafachuu ibsite.

Ministeerri Ittisa Raashiyaa ‘’waantoota itti qiyyafannee misaayilota iddoo akeekamerraa hin gorreen rukunnee jedhan.

Waraanni Yuukireen akka himetti, misaayiloota kiruus Raashiyaan naannoo Rostoov fi Galaana Kaaspiyaan irraa gara keenyatti dhukaaste 44 rukunnee kuffisneerra jedhan.

 Raashiyaan haleellaa kan raawwatte Yuukireen dirooniidhaan doonii Raashiyaa galaana Gurraacharratti irra jiru haleelte jechuunidha.

Kantiibaan magaalaa Kiyeev Vitaali Kilitichiko akka himanitti, hanqinni bishaan dhugaatii magaalichatti kan uumame Raashiyaan bu’uuraalee annisaa dhiyeenya magaalichatti argamu tokko mancaasu hordofeeti.

Dhiyeessiin tajaajila bishaan dhugaatii magaalichaa turtii sa’aatii 3-4 booda gartokkeen deebi’era.

Jiraattoonni magaalichaa bishaanii naannoo ujummoo bishaanirra argachuuf hiriirutti jiru.

Kantiibaan magaalaa Kiyeev injinaroonni dhiyeessi elektirikii biyyattii deebisuuf saffisaan bobbafamuu eeran.