Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Iloon Maask dabalatee ogeeyyiin ijoo leenjiin hubannoo nam -tolcheef (AI) kennamu akka dhaabbatu gaafatan
Namoonni damee hubannoo nam-tolchee (AI) keessatti iddoo qaban, leenjiin sirna humna guddaa qabu kanaaf kennamu, dhala namaaf sodaa uumuun wal-qabatee akka dhaabbatu barbaadu.
Hubannooon nam-tolchee kuni balaa qabaachuusaa xalayaa ifa tahe barreessuun irratti mallatteessaniiru.
Dorgommiin hubannoo nam-tolchee guddisuuf taasifamu to’annoo ala taheera jedhan.
Hogganaan olaanaa Tiwiitar Iloon Maask kanneen leenjiin sirna kanaaf kennamu yoo xiqqaate ji’a jahaaf akka dhaabbatu barbaadan keessaati.
Apple kan hundeessan keessaa tokko kan tahe Istiiv Wozniyaak akkasumas qoratoonni DeepMind muraasni xalayaa kanarratti mallatteessaniiru.
Dhaabbanni OpenAI kan ChatGPT fi GPT-4- teeknolojii waa’ee miya tokkoo gaafatamu fakkiidhaan deebisuu danda’uun namoota hawwateera.
Xalayaan Future of Life Institute irraa barreefame namoota beekamoo kunneenin mallatteefameera.
Isaaniis sirni kuni leenjiin kennamuufi akka dhaabbatuufi gara fuulduraatti ilmaan namaa irratti rakkoo fiduu akka malu eeraniiru.
''Sirni AI hubannoo ilmaan namaa wajjin dorgomaa jiru gatii taheef hawaasaa fi namoomaaf rakkoo tahuu mala,'' jedha.
Dhaabbanni Future of Life Institute dhaabbata tola oolaa yoo tahu ''teeknolojiiwwan tarkaanfatoo tahan akka fiixeetti hin baane, balaan bal’aa akka hin dhufneefi akka faayidaa namaaf oolu gochuuf carraaqa.''
Abbaan qabeenyaa oomish konkolaataa Teeslaa Iloon Maask gorsaa alaa dhaabbata kanaati.
Hubannoon nam-tolchee yeroo akkaan ammayaa’aa adeemu of eeggannoon qabamuu qaba, jedha xalayichi.
Garuu, ''ji’a muraasaan as hubannoon nam-tolchee to’annoon ala tahee sammuu dijitaalaa fayyadamuun, namoonni sirna kana kalaqan hubachuu,tilmaamuu danda’aniin ol taheera.''
Xalayichi hubannoon nam-tolchee kuni wal-tajjiiwwan odeeffannoo sobaan guutuu danda’a akkasumas hojii namootaa otomaatikiidhaan bakka buusuu mala jedha.
Xalayaan kuni gabaasa qorannoo baankii Goldmaan Saashs baase kan AI hojii miiliyoona 300 bakka bu’uu mala jedhu hordofee bahe.
Haa tahu malee ogeessonni kaan gabaan hojjetaa irratti dhiibbaa AI qabu tilmaamuun rakkisaa dha jedhu.