Lammiin Ertiraa mana hidhaa Finfinnee miliqee ture Sudaan keessatti to'atame

Madda suuraa, INTERPOL
Lammiin Ertiraa, Kiidaanee Zakaariyaas Haabtamaariyaam kan seeraan ala namoota daddabarsuun baay'ee barbaadamaa ture Sudaan keessatti dhaabbata poolisii Idil-addunyaa- Intarpooliin to’atame.
Poolisiin nama kana to’achu kan danda’e ragaa argate irratti bu’ureeffachuun tarkaanfii biyyoonni akka Gamtaa Emireetota Arabaa (UAE) fi kaan fudhataniin ta’u beeksise.
Namni seeraan barbaadamu kunis Itoophiyaa keessa kan miliqe yoo ta’u, yeroo lama ajajni hidhaa poolisii idil-addunyaatiin kan itti baheefi, namoota biyya Neezarlaandiin yakkaan cimsamanii barbaadaman keessaa tokkodha.
Itoophiyaatti ammo ajjeechaa baqattootaafi seeraan ala namoota daddabarsuun bakka hin jirreetti himannaan irratti dhiyaachuun hidhaan umrii guutuu irratti murtaa’eera.
Waggoota muraasaan duras Kiidaaneen to’annoo jala oolfamuu dhimmasaa Finfinneetti hordofaa osoo jiru, guyyaa beellama mana murtii miliquun gabaafameera.
Intarpool lammii Ertiraa kan seeraan ala namoota daddabarsuu, maallaqa karaa seeraan alaatiin argame seera qabeessa fakkeessee fayyadamuun, namoota ukkaamsee maallaqa gaafachuu fi yakkawwan walfakkaataniin bara 2019 irraa kaasee barbaachaa turu beeksiseera.
Intarpool baatiiwwaniin dura ragaan waa’een nama barbaadamu kanaa erga qaqqabeen booda, dhaabbilee poolisii Itoophiyaa, Sudaan, Neezarlaandiis, Gamtaa Emireetota Arabaa , Awurooppaa fi gareen qorattoota Awuroppaa fi Gamtaa Afrikaatii babbahan keessatti hirmaachuu ibseera.
Namni seeraan namoota daddabarsu kun to’annaa jala olfamunsaa, kanneen gochaa seeraan alaa walfakkaatu irratti hirmaataniif kisaaraa olaanaa ta’usaatiin alatti, namoota kumaatamaan lakkaa’aman oolchuun akka dandeessisu poolisiin idil-addunyaa ibseera.
Lammiin Ertiraa Kiidaanee Zakaariyaas erga to’annoo jala oolfameen booda, aanga’oonni Gamtaa Emireetota Arabaas, Neezarlaandiifi Itoophiyaa duula nama barbaadamu kana to’annoo jala oolchuuf taasifame leelliisaniiru.
Komishinarri Janaraalaa Poolisii Federaala Itoophiyaa, Dammalaash Gabramikaa’eel, qaamooleen nageenyaa shakkamaa to’annoo jala oolchuuf halkaniifi guyyaa hojjataniiru erga jedhaniin booda, shakkamaan kunis Itoophiyaatti hidhaan umurii guutuu itti murtaa’ee akka ture yaadatan.

Madda suuraa, AFP
Daareektarri pooliisii Intarpool, Istiifan Kaavaangaahii gamasaanitiin, lammiin Ertiraa barbaadamaa ture kana to’annoo jala oolfamuun, biyyoonni waloon yoo hojjatan bu’aa argamu danda’u kan agarsiisuu jedhan.
Kiidaaneen poolisiin to’atamu hordofee, namoonni karaa seeraan alaatiin namoota daddabarsuu keessatti hirmaatan to’atamu akka danda’an ibsameera.
Kidaanee Zakaariyaas eenyu?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kidaanee Zakaariyaas qaamooleen mirga namomaaf falman nama ‘‘balaafamaa fi baay'ee gara jabeessa addunyaa kanaa jechuun’’ irra deddeebiin himataa turan.
Biiya Liibiyaa kan waggootaaf waraanaan dadhabdeefi kan keessattu baqattoonni Itoophiyaa, Ertiraa fi Somaaliyaa irra ka’an gara biyyoota Awurooppaatti ceessisuuf karaa sana yaalamu keessatti, kaampii baqattoonni kumaatamaan lakka’aman itti uguramanii keessa tursiifaman akka qabu dubbatama.
Kidaaneen hogganaa garee yakkaa balaafamaa baqattootaa fi maatiiwwan isaanii biyya biraa jiraatan irraa dirqisiisuun maallaqa fudhachuun beekamuu ta’un himatama.
Gareen kunis baqattoota dirqiin gudeeduun, ukkaamsuu, reebuu fi walumaagalattis himannaawwan sarbama mirga namoomaa olaanaatu irratti dhiyaata.
Namoonni dararaan kun irratti raawwatame akka jedhaniitti, maallaqni isaan gaafatanis doolaara kuma shanii hanga 10,000 kan gahudha.
Mirga namoomaa baqattootaa irratti duula gaggeessuun kan beekaman falmitoonni mirga namoomaa, Kiidaaneen ‘‘badii baqattoota hedduurratti raawwateef seeraan akka gaafatamu hawaasni addunyaa wal ta’u qaba’’ jechuun sagaleesaanii dhageessisaa turaniiru.












