Guyyaa Hojjettootaa Idil-addunyaa: Godaantota miidhaa biyyoota Arabaatti hojjettoota manaarra gahu faccisaa jiran

Harka dubartii haada diimaan hidhame

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hojjettoonni kunneen eegumsa ykn wabii hojii hin qaban

Guutuu addunyaarratti 'Guyyaan Hojjettootaa Idil-addunyaa' jijjiirama gama kafaltii fooyyee qabuu fi haala hojii mijataa gochuutiin jaarraa lamaan darban keessa argame yaadachaa hojjettoota miliyoonaan lakkaa'amaniin kabajama.

Haata'u malee ammallee hojjettoonni miliyoonaan lakkaa'aman mirgi isaanii hin kabajamneef jiru.

Kutaan addunyaa gama kanaan yeroo mara qeeqamu ammoo Jiddugaleessa Bahaa ykn biyyoota Arabaati. Lammileen biyyoota biroo (irra hedduun Afrikaa fi Eeshiyaa irraa ta'an) miliyoona 23 ta'an biyyoota Arabaa keessa hojjetu jedha ragaan Dhaabbanni Hojjettootaa Idil-addunyaa (ILO) bara 2017 baase.

Hojiin hojjettoonni kun hojjetan diingadee biyyoota dhaloota isaaniif daran murteessaadha. Akka Baankiin Addunyaa jedhutti bara 2020 keessa qofa lammileen kunneen doolaara biliyoona 540 gara biyyoota isaaniitti erganiiru. Kun ammoo ida'ama deeggarsa misoomaa fi invastimantii kallattiin alaa dhufu (FDI) biyyoonni kun argataniin olidha.

Bu'aa kana duuba garuu dararama hedduutu jira. Hojjettoonni kunneen kafaltii gadi aanaa murtaa'e (minimum wage), wabii hojii, inshuraansii fayyaa kkf hin qaban. Waldaa mirga isaaniif falmuu danda'u keessatti miseensa ta'uus ni dhorkamu.

BBCn hojjettoota sadi dhaabbata ofii isaanii hundeessuun miidhaa hojjettootarra gahu kana dhaabsisuuf falmaa jiran dubbiseera.

'Yakka tokko malee akka mana hidhaa seenuuti' - Baanchii Yimar, lammii Itoophiyaa Lebaanon keessa hojjette

"Sirna 'kafaalaa' jalatti hojjettuu ta'uun yakka tokko malee akka mana hidhaa seenuuti" jetti waggoota torbaaf Lebaanon keessa kan hojjette Baanchii Yimar.

Baanchii Yimar sagalee guddistuu qabattee mirga hojjettootaaf wayita falmitu

Madda suuraa, Banchi Yimer

Ibsa waa'ee suuraa, Baanchii Yimar sagalee guddistuu qabattee mirga hojjettootaaf wayita falmitu

"Mana tokko keessatti akkan hojjedhu ergan qacaramee booda, dabalataan mana firoota isaanii fi mana yeroo boqonnaa isaanii keessattis akkan nyaata qopheessuu fi akkan qulqulleessu na gaafatan," jetti Baanchiin.

Guyyaattii sa'aatii 18 hojjechaa akka turte, qoccollaa saal-qunnamtii dandamachaa akkasumas wantoota bu'uuraa ishee barbaachisan malee akka jiraattes himti.

"Yeroo gannaa kan mana ho'isu, yeroo bonaa ammoo kan qabbaneessuu fayyadamuu hin danda'un ture. Bishaan qulqulluu gahaa ta'ellee argadhee qulqullina koo eeggachuuf nan rakkadhan ture," jetti.

Booda ragaalee ishee achumatti gattee akka baqatte dubbatti.

Baanchiin miidhaa irra gahu jalaa bahuuf ogummaa fi beekujmsa ishee fooyyeffachuu akka qabdu amanuun Afaan Ingiliizii barachuu eegalte.

Banchi Yimer

Madda suuraa, Banchi Yimer

Ibsa waa'ee suuraa, "Nama hojjettoota gudeede dabalatee, hojjeechiisaa seeraan gaafatame tokko kan ani beeku hin jiru," jetti Baanchii Yimar

Bakka Afaan Ingilizii barachuu dhaqxetti hojjettoota akkashee hedduun wal barte. Isaan ijaaruunis dhaabbata 'Inyaa Lanyaa Basiddet' ykn 'Nuyi waliif jiruu baqaa keessatti jedhu bara 2017 hundeessite.

"Iddoo itti dubartoonni dhimmoota isaan mudatan hundarratti haasa'uu danda'an mijataa ta'e uumuu barbaadne," jetti.

Jalqaba dubartoonni 70 ta'an dhaabbata kanatti kan makaman yoo ta'u, ji'atti doolaara 5 hanga 10 buusii buusuu eegalan. Dubartoonni hedduun miindaa isaanii irra hedduu kafalaa turan. Miseensonni buna, nyaataa mi'eessituuwwan akkasumas sagantaa aadaa gara garaa qopheessuun maallaqa walitti qabuu eegalan.

"Maallaqa kanaan dubartoota miidhaan saal-qunnamtii irra gahe gara Itoophiyaa deebisaa turre. Dubartii tokko deebisuuf doolaara 300 hanga 400 barbaachisa."

Baanchii Yimar dubartoota wayita dubbistu

Madda suuraa, Egna Legna Besidet

Ibsa waa'ee suuraa, "Iddoo itti dubartoonni dhimmoota isaan mudatan hundarratti haasa'uu danda'an mijataa ta'e uumuu barbaadne," - Baanchii Yimar

Bara 2018 dhaabbatni Baanchiin hundeessite dubartoota 25 gara biyyaa deebise keessaa tokko abiddaan miidhaan cimaan kan irra gahe turte.

Baanchiin bara 2019 gara Kaanadaa erga deemtee booda hojii dhaabbata ishee caalaatti cimsuu dandeessee jirti.

"Kaanadaatti doolaaraa 350,000 walitti qabuu danda'een ture" jetti. Kanaanis hojjettoota lammilee Itoophiyaa fi Itoophiyaa hin ta'iin 700 gara biyya isaanii akka deebi'an gargaaruu himti.

Namoota hojjetoota isaaniirraan miidhaa gahan itti gaafatamoo gochuuf seerri hojiirra oolu dhibuun hedduu ishee mufachiisa.

"Imbasiiwwan biyyoota Afrikaa hedduu waa'ee hojjettoota lammilee isaanii ta'anii dhimma hin qaban. Ennaa itti iyyannullee nu hin gargaaran. Poolisiitti yoo iyyannu, yeroo tokko tokko inuma hojjettuu miidhamte deebisanii gara warra ishee miidheetti ergu," jetti.

Poolisoonni warreen hojjettoota miidhaniif akeekkachiisa kennuun akka miidhaan irra deebiin hin uumamne godhan muraasa ta'uu himti.

"Nama hojjettoota gudeede dabalatee, hojjeechiisaa seeraan gaafatame tokko kan ani beeku hin jiru," jetti Baanchii Yimar.

'Qoccollaa saal-qunnamtii ofirraa faccisuu kootiin hidhame': Aan Abuundaa, Kuweetitti hojjettuu manaa kan turte

Akkuma lammiilee Filippiinoo hedduu, Aan bara 2000 erga eebbifamtee booda hojii barbaacha gara eejantii hojii qacarsiisu tokkoo deemte.

Torbee sadi booda Kuweet keessatti hojii mana keessaa hunda hojjeechaa of agarte. Nyaata qopheessuu, wayyaa miiccuu, mana qulqulleessuu, wantoota caban suphuu fi kkf ture hojiin ishii.

Aan Abuundaa NGO hundeessuun hojjettoota godaantota gargaaraa jirti

Madda suuraa, Sandigan Kuwait

Ibsa waa'ee suuraa, Aan Abuundaa NGO hundeessuun hojjettoota godaantota gargaaraa jirti

Ji'atti doolaara 450 akka argattu itti himamee turullee, 200 qofaatu kafalamaafii ture.

"Nyaata isaanirraa hafe naaf kennu turan. Gahaa hin turre. Nyaata hatuun jalqabe. Booda gaaf na qaban, nyaata gahaa naaf kennuu isaaniitti qaana'uu akka qaban itti hime," jechuun dubbatti.

Bilbila fayyadamuu isheetiif akka reebamte yaadatti.

Gargaarsa eejantii isheetiin bakka biraatti jijjiirrattullee, achittis miidhaan biraa hin hafne.

"Asitti ammoo hojjechiisaan koo qoccollaa saal-qunnamtii narraan gahuuf yaale. Qaruuraa lallaafaatiin dhaheen dhiigni irra lola'e," jetti.

Sababa kanaaf baatilee lamaaf erga hidhamtee baateen booda hojii manaatti hin deebine.

Bara 2008 hojjettoota manaa lammiilee Filippiins ta'an kaan waliin wal agartee seenaawwan suukanneessoo dirqiin gudeeduu dabalatu dhageesse.

Dhaabbanni Aan Sandigan jedhamu hojjettoonni manaa ogummaa biraa akka horatan barsiisa

Madda suuraa, Sandigan Kuwait

Ibsa waa'ee suuraa, Dhaabbanni Aan Sandigan jedhamu hojjettoonni manaa ogummaa biraa akka horatan barsiisa

Seenaa hojjetootaa dhageesse walitti qabdee imbasii Filippiinsiif dhiyeessitullee homaa wanti godhame hin turre.

Bara 2010 wayita kufaatiin diinagdee guddaan uumamee ture hojjettoonni manaa hedduun miidhamanii turan. Dubartoonni gudeedaman hedduu turan jetti Aan.

Yeroo waa gochuuf murteessuun dhaabbata Sandigan hundeessite.

NGOn Aan dubartoota rakkoo keessa jiran gargaaruu eegale

Madda suuraa, Ann Abunda

Ibsa waa'ee suuraa, NGOn Aan dubartoota rakkoo keessa jiran gargaaruu eegale

Dhaabbanni Aan tola ooltota waliin ta'uun hojjettoota manaa rakkoo keessa jiran hojjechiistota isaanii jalaa miliqsuu, ragaa ittiin imalan imbaasii irraa akka argatan gochuufi gara biyyaa akka deebi'an gochuun gargaaruu eegale.

"Waggoota sadan jalqaba guyyaatti dubartoota sadi baraarra turre," jetti.

Sandigan hojjettoota lammii Filippiins ta'anirra darbe lammilee biyyoota biroos gargaaruu itti fufe.

NGO idil-addunyaa fi Kuweet waliin ta'uun dhiibbaa uumaniin Kuweet bara 2015 seera hojjettoota mana keessaa akka baastu gochuutti milkaa'anii jiru.

Seera kana fayyadamuun hojjechiftota miidhaa hojjetaarraan gahan himachuus itti fufe. Aan jijjiirama argametti gammachuu qabdi garuu ammallee haqa argachuun ulfaataa ta'uu himti.

"Kanneen hojjettoota miidhan himannee mana murtiitti dhiyeessineerra garuu nuyiif kan murtaa'u kudhan keessaa tokko" jechuun dubbatti.

'Warri dhabaman muraasnii mana hidhaa turan, gariin ni du'an': Maheendiraa Pandeey, lammii Neppaal Sa'udii Arabiyaa keessa hojjetaa ture

Maheendiraa Pandeey Neeppaal irraa gara Sa'udii kan imale abdiin guutamee ture. Doolaara 500 liqeeffatee eejantii hojii isa qacarsiisuuf erga kafalee booda, ogeessa gurgurtaa ta'ee akka hojjetuu fi mindaa gaarii akka argatu waadaan galameef.

Sa'udii erga gahee booda garuu hojii sa'aatii dheeraatu isa eeggate, sanuu doolaara 200 qofatu kafalamaafi. Liqaa isaa kaffalachuu dadhabuu sodaatee hojii dabalataa hojii humnaa halkan hojjetamu eegale.

Maheendiraa Pandeey Sa'udiitti

Madda suuraa, Mahendra Pandey

Ibsa waa'ee suuraa, Maheendiraa Pandeey hojjettoota qarshiin xiqqaan kafalamuuf gargaara

Waggoota sadiif guyyaatti sa'aati sadi qofaaf hirriba rafaa erga hojjetee booda, bara 2009 gara Neeppaal deebi'e.

Erga gara biyya isaa deebi'een booda namoonni gara Sa'udii akka hin deemne hubachiisuu eegale.

San boodas itti fufee namoota biyyoota Arabaa keessatti achi buuteen isaanii dhabame hordofuu eegale.

Namootni achi buuteen isaanii dhabame gariin mana hidhaa gariin ammoo du'uu hubate.

Warra du'an imbaasiiwwan akkasumas dhaabbilee gara garaa waliin ta'uun maatiin reeffa isaanii akka argatan gochuu eegale.

Hojjettoota murtiin du'aa itti murtaa'ee ture sadi baraaruud hima.

Bara 2014 gara US erga imalee booda NGO 'Humanity United' jedhutti dabalamuun hojjettoota biyyoota Arabaa keessatti kafaltii xiqqoon hojjetan gargaaruu eegale.

"Waraqaarraa mirga qabu garuu qabatamaan sirni hojjettoonni ittiin gargaaraman tokko hin jiru" jedha.