Dhohiinsa boombii masjiida magaalaa Kaabulitti mudateen namoonni heddu du'an

Madda suuraa, Reuters
Dhohiinsa boombii magaala guddoo Afgaanistaan, Kaabul keessatti qaqqabeen namoonni 21 du'an jedhe poolisiin.
Dhohiinsi kun kan uumame masjiida keessatti bakka namoonni heddummatanii itti walitti qabamanitti.
Dubbi-himaan poolisii Kaabul Kaalid Zaadiran akka ibsetti, namoota du'aniin alatti namoonni 33 madaa'aniiru.
Haleellan dhohiinsa boombii kun Roobii Hagayya 17 kadhannaa halkanii irratti irratti yoo ta'u, imaamni masjiidichaa warra du'an keessaa tokko akka ta'etu himame.
Haleellaa kana booda eenyu akka jiru waanti barame hin jiru.
Torbee tokko dura haleellaa garee Islaamik Isteetin (IS) dhaqqabeen magaaluma Kaabul keessatti Imaamni beekamaan tokko du'ee ture.
Imaamni kun kan ajjeefame garee Taalibaan deggara jedhameeti jedhame.
Gareen IS fi Taalibaan gidduu diinummaan akkaan hammaataa dhufeera. Ameerikaan waraana ishee Afgaanistaan keessaa erga baastee gareen Taalibaan Afgaanistaan dhuunfate.
Gareen lamaan- Taalibaani fi IS gidduu lola hamaa fi fokkisaatti jiru.
Haleellaa Hagayya 17, 2022 halkan masjiida keessatti mudate namoonni ijaan argan, dhohiinsi guddaan uumamee foddaa manneen naannoo sana jiranii akka daake himu.
Dhaabbata miti mootummaa hospitaala magaala Kaabul keessatti argamutti deeggarsa kennitti gaggeessaa waldhaansa hatattamaa kan ta'e Istefaanoo Soozaa BBCtti akka himetti, daa'imman dabalatee gareen isaanii namoota 35 waldhaanera. Gareen tikaa ammoo sababa haleellaa kanaa qorataa akka jiru beeksise.
Ji’a darbe keessa magaala Kaabul keessatti abbootin amantii bebbeekamoon said haleellaa boombii irra qaqqabeera, magaalota biroo keessattis ajjeechaan gaggeeffameera.
Torbee darbe Sheek Rahimullah Haqqaanii irra haleellan qaqqabe. Raahimullah Aqqaanin Taalibaanitti baay’ee dhiyaata kan jedhuun haleellan irratti gaggeefame jedhame.
Haleellaa boombii kanaan ammoo Amiir Muhaammad Kabui irratti xiyyeeffatame. Amiir garee Suufii ilaalcha ammayyaa fudhatu keessayi jedhama.
Barataa amantii kan ta’ee masjiidan ala ture, ijoollee dabalatee reeffa namoota du’anii fi namoota masjiidicha keessatti miidhaman akka arge BBC tti hime.
Gareen IS hawaasa Shi’aa Hazaaraa jedhaman irratti haleellaa suukaneessaa gaggeessun beekama. Amma immoo Taalibaan erga Afgaanistaan dhuunfatee waggaa tokkoffaa isaa yeroo kabajataa jirutti isaan irratti waan fuulleffate fakkaata.












