Afgaanitti sheekiin beekamaa boombii miila nam-tolchee keessatti dhoksameen ajjeefaman

Dureen amantaa Islaamaa Afgaan beekamoon, kan motummaa Taaliban fi barnoota shamarranii deeggaran boombiidhaan magaalaa guddoo biyyattii keessatti ajjeeffaman.
Sheek Raahimullah Haaqaan boombii bade balleessaa Kaabuul keessatti raawwatameen ajjeefamutuu dhagahame.
Maddeen Taalibaan akka Rooyitarsiitti himaniitti, dureen amantaa kunis nama miila nam-tolcheen okkoolaa adeemuun boombii of keessa dhoksuun dhooseen irratti xiyyeeffateme jedhan.
Gareen Bulchiinsa Islaamaa (IS) kan kana dura duree amantaa kanarratti kiyyeeffate ture, dhoohinisichi waajira isaa keessatti dhoofamu himuun ajjeechaa isaatiif itti gaafatamummaa fudhateera.
Akka midiyaaleen biyya keessaa gabaasaniitti, haleellaa kunis magaalaa guddoo Afgaan keessatti bakka Amantaan Isilaamaa itti barsiifamu keessatti raawwatame.
Sheek Haaqaan deeggaraa motummaa Taalibaan biyyattii fi ifatti kan garee milishaa Jihaadistii bulchiinsa Kohraasaan keessaa (IS-K) qeeqaan turan. Gareen IS-K kunis bulchiinsa Taalibaan kann morman yoo ta’u Afgaan keessa socha’u.
Dureen amataa kunis erga Taalibaan bara darbe aangootti deebii’ee as namoota maqaa gudda qaba ajjeeffaman keessaa tokkodha.
‘‘Kunis Afgaanoota Islaamaatiif badii olaanaadha,’’ jedhan qondaalli Taalibaan olaanaan tokko wayita madda oduu Rooyitarsiitti dubbataniitti. Itti dabalunis haleellaa kana duba eenyu akka jiru qorachaa jiraachu himan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Maqaan wal haafakkaatu malee hayyuun amantaa amma ajjeeffaman kunis Haqqaan garee milishoota Afgaan waliin hidhata hin qaban.
Dureen amantaa kunis kana dura barnoota shamarranii kan Afgaanistaan keessatti madda falmii ta’e, deegaruun labsii amantaa ykn fatwa labsanii turan.
Jalqaba wagga kanaatti gaaffii fi deebii BBC waliin taasisaniin, dubartoonnii fi shamarran Afgaan barnoota akka argataniif waamicha taasisanii ture.
‘‘Shariyaa (seera) keessatti barnoonni shamarranii hinayyamamu kan jedhuuf ragaan hin jiru. Gonkumaa kana kan mirkanneessuu hin jiru,’’ jedhanii ture.
Itti dabalunis, ‘‘Kitaaboonni amantaa hundinu barnoonni dubartootaa akka hayyamamuu fi dirgama akka ta’e himu. Fakkeenyaaf, dubartiin yoo dhukkubsattee wallaansi yoo barbaachise, biyya Islaamaa akka Afgaanistaan ykn Paakistaan keessatti, yoo doktara dubartiin wallaanamta caalaa wayya,’’ jedhan.
Afgaaniitti hundatti ta’u baatulleen bulchiinsoota irra caalaa keessatti maneen barnootaa sadarkaa lammaffaa shamarranii akka cufamanii turan Taalibaaniin ajajaman.
Sheek Haaqaan Kanaan duras yaaliiwwan ajjeechaa lama jalaa miliqanii ture. Kan dhiheenya kanaa bara 2020 keessa mana barnootaa amantaa magaalaa Paakistaan Peshaawaar keessatti yoo xinnaate namoota torba ittiin ajjeeffamanis IS ittigaafatamummaa fudhateera.












