Balaliisaa Afgaanistaan helikooptara isaa Taalibaaniif dabarsee kenne

Balaliisaa helikooftaraa Afgaanistaan kan ture Mohammad Idiriis Momaand meeshaa waraanaa Taalibaan itti loluuf leenji'e Taalibaaniif dabarsee kenne

Madda suuraa, Mohammad Edris Momand

Ibsa waa'ee suuraa, Balaliisaa helikooftaraa Afgaanistaan kan ture Mohaammad Idiriis Momaand meeshaa waraanaa Taalibaan itti loluuf leenji'e Taalibaaniif dabarsee kenne

''Namoonni muraasni natti hin gammadan. Yaadni namootaa gargari garuu biyyi ofii akka haadhaati, namni kamiyyuu haadha ofii ganuu hin qabu,’’ jedhe Mohaammad Idiriis Momaand.

Momaand balaliisaa xiyyaara waraanaa Afganistaan beekamoo keessaa tokko yoo ta’u, Ameerikaatti leenjii bal'aa argate.

Leenjii balaliisummaa heelikoptaraa leenji’uun dolaara Ameerikaa miiliyoona ja’a akka gaafatu wayita Ameerikaa ture itti himameera.

Taatullee Taalibaan wayita magaalaa guddoo Taalibaan Kaabul fudhachuuf fiixeerra gahetti warreen michuu isaatti dugda galuun, heelikooftara balaliisaa ture fudhatee iddoo dhalootaasaatti galee Taalibanitti kenne.

''Kaayyoon koo qabeenyi Afgaanistaan akka hin banne eeguudha,'' jechuun BBCtti hime.

Waggaa tokko booda murtoo fudhate kana ifatti ibseera.

Leenjii Ameerikaatti fudhate

Momaad ajaja hordofuu dhabuu isaaf hin gaabbu jedha

Madda suuraa, Mohammad Edris Momand

Ibsa waa'ee suuraa, Momaad ajaja hordofuu dhabuu isaaf hin gaabbu jedha

Momaand waraana Afgaanistaan kan seene bara 2009tti dha. Gara giddugala leenjii waraanaa Ameerikaatti imaluunis waggaa afuriif leenji'e.

Momaand jalqabarratti Dhiha Afgaanistaan Heerat bakka jedhamutti kan bobbaafame yoo ta’u, helikoptara waraanaa Raashiyaan hojjattu Mi-17 balaliisaa ture.

''Xumura bara 2018'tti gartuun balalistoota dargaggeeyyii lakkoofsaan muraasa ta’aniifi teeknoloojii balalii ammayyaa baratan helikooptara Black Hawk jedhaman [sirbubbuteetti gurraattii] balaliisisuuf filatamanitu ture.

''Yeroo sanarraa kaasee heelikoptara kana balaliisisa ture,'' jedhe.

Xiyyaaronni kunneen meeshaalee ittiin dhiyeessuufi geejjibuuf oolu.

Baayidan loltoota baasuu labsan

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bara 2021 wayita Pirezidantiin Ameerikaa Baayidan yaadannoo haleellaa 9/11 ganna 20ffaa dursuun loltoota Ameerikaa hunda Afgaanistaan keessaa baasuuf akka jiran wayita labsan Momaand bakka Mazar -e Shariif ture.

Ameerikaa fi biyyoonni michuuwwan ishee dolaara biiliyoonaan lakkaa’amu baasuun waraana Afgaanistan hidhachiisaa turani.

Kunneen yeroo biyyattii gadhiisanii bahanitti Taalibaan ofirraa ittisu jedhanii abdatanii turan.

Abdiin isaanii garuu abjuu qofa ta‘ee hafe. Waraanni Afgaanistaan akkaataa baay'ee ajaa’ibsiisaa ta’een biyyatti Taalibaanirraa ittisuu dadhaban.

Qondaalonni Taalibaan Adooleessa bara 2021 baadiyyaa Afgaanistan qabatan. Hagayya 6 teessoo muummee kutaa bulchiinsa biyyattii tokko qabatan.

Magaalota bulchiinsota biyyatti harka caalu erga qabatanii booda Hagayya 15, 2021 magaalaa guddoo biyyatti Kaabul qabatan.

Hidhattoonni Islaamistootaa suluula Paanshiir, iddoo duraan to’atanii hin beekne Fulbaana keessa qabatan.

Akka baqatu ajaja kenname dide

Momaad abbaa isaa waliin erga mari’atee booda helikooftara gara qe’ee isaanii geesse

Madda suuraa, Mohammad Edris Momand

Ibsa waa'ee suuraa, Momaad abbaa isaa waliin erga mari’atee booda helikooftara gara qe’ee isaanii geesse

Afgaanistaan suduudaan muddama wayita seentu Momaand turtiin inni Mazar- e Shariifitti qabu goolamame.

Sana booda turtiin isaa goolabamuu buufata xiyyaaraa Kaabulitti gabaasee ture.

Haalli biyyatti keessa ture hedduu hamaa ture, namoonni kaan isaanii qondaaltonni siyaasaa fi waraanaa olaanoon biyyaa baqataniiru hamii jedhutu dhaga’ama ture.

Taalibaan magaalaa Kaabulitti dhiyaataniiru.

Buufanni xiyyaaraa Kaaabul garuu yeroo sana to’annoo waraana Ameerikaa harka ture. Yeroo dheeraaf nageenyaan turuun isaa garuu yaaddeessaa ture.

''Hoogganaan Humna Qilleensaa keenya akka xiyyaara hunda fudhannee gara Uzbeekistaanitti qajeelluu nu ajajee ture,'' jedha Momaand.

Momaand ajaja sanatti hin gammadne. Ajaja kana fudhachuu diduuf murteesse.

‘’Hoggaanaan koo akkan biyya ganu na gaafataa jira, maalifan ajaja kana fudhadha? Biyya ganuun yakka hunda caala hamaadha. Kanaaf jechan ajaja sana fudhachuu dide,’’ jedhe Momaand.

Sana booda Momaand maatii isaa waliin mariyate. Abbaan koo akkan biyyaa hin baane na dirqisiise jedhe.

‘’Abbaan koo akkan biyyaa hin baane na akeekkachiisuun, yoo biyyaa baate tasumaa siif hin dhiisu naan jedhe.''

Abbaan isaa akkas jedheen; ''helikoptarri kan Afgaanistaani. Kanaafuu fuutee biyyaa bahu hin qabdu,'' jedhe.

Bakki dhalootaa Momaand duraanuu to’annoo Taalibaan jala seente.

Abbaan Momaand bulchaa naannichaatti dubbisuun yoo xiyyaara gara sana geesse miidhaan akka irra hin geenye waadaa seeneef. Momaand karoora ittiin miliqu baafatee ture.

‘’Heelikoptaroonni Black Hawk jedhamu hojjattoota afur qaba. Karoora kootiif garuu isaan hin amanu,’’ jedhe.

‘’Akka isaan karoora kootti hin amanne nan beeka. Tarii lubbuu koo balaaf saaxiluun helikoptarallee balleessuu malu,’’ jedhe.

Sana booda tooftaa isaan ittiin gowwoomsu qopheesse.

‘’Ajajaa humna qilleensaatiin xiyyaarichi rakkoo teekinikaa qaba kanaafuu balali’uu hin danda’un jedheen. Wayita kana dhaga’an hojjattootni balalii sadan hundi xiyyaara irraa gadi harca’anii xiyyaara Uzbeekistaan dhaquuf qophii xumure yaabbatan,’’ jedhe.

Momaand gara Kunaaritti qajeele

Heelikoptaroonni biroo hundisaanii balalii wayita eegalan Momaand qophaasaa motora heelikoptaraa kaafatee balalii daqiiqaa 30 gaafatuuf Kunaaritti qajeele.

‘’Ameerikaanonni tiraafika xiyyaarota ni to’atu. Kanaaf gara Uzbeekistaanitti balali’uufin jira jedheen dhaamsa karaa raadiyoon isaanitti hime.

Ergan buufata xiyyaaraatii bahee booda akeektuu raadarii kootii cufadheen, kallattiidhaan gara Kunaaritti qajeele,’’ jedhe.

‘’Bakka dhaloota kootti dhiyaatu ergan qaqqabee booda xiyyaarichan qubsiise. Erga Taalibaan akka nan miine mirkaneeffadhee boodammoo helikooptaricha kaafadhee bakka duraan boba’aa guuttannutti qajeele,’’ jedhe.

Momaand akka jedhutti maatiin, hiriyoonni fi ollaan murtoo isaa kana deeggaran.

Murtoon murteeffadhe sanatti gaabbii homaa hin qabu jedhe.

Momaand carraa haadha warraa fi ijoollee isaa fudhatee biyyaa baqachuu akka qabu kaasuun garuu Afgaanistaan keessaa bahuu akka hin barbaanne dubbate.

‘’Warri gorsitoota Ameerikaa si’a sadii dhaamsa naaf ergan. Isaan xiyyaarichallee yoo fiduu dadhabde, maatii kee waliin konkolaataan miliqii biyyaa bahi naan jedhan. Ani garuu dhaamsa isaanii kana hin fudhanne,’’ jedhe.

‘’Ammaan lubbuun dachee kanarraa darbutti biyya koon tajaajila,’’ jedhe Momaand.

Momaand Taalibaan akka haleeluuf leenjifame ture, amma garuu heelikoptara Black Hawk jedhaman mootummaa Taaliban to’ateef balaliisisutti jira.

Inni waanti walfalleessu hin jiru jedha.

‘’Mootummaan yeroo hunduma ni geeddarama. Namni akka kootii garuu biyyasaa tajaajiluu qaba.

Waraanni siyaasa keessatti qooda fudhachuu hin qabu. Biyyattiin namoota akka kootiirratti gatii guddaa baaste,’’ jedhe.

Taalibaan gara waggaa tokkootti dhiyaatuuf Afgaanistaan bulchuutti jira, garuu biyyi kamiyyuu akka isaan bulchitoota biyyattii ta’anitti amma yoonaatti karaa seera qabeessaan beekamtii hin kennineef.

Kun otoo haala kanaan jiruu, Momaand kutannoo ajaa’ibaatiin akkas jedhe: ''Amman lubbuun dachee kanarraa darbutti biyya koon tajaajila,'' jedhe Momaand.

Hanga xumura bara 2021tti Humni Qilleensaa Afgaanistaan xiyyaarota 167 qaba ture.

Xiyyaarota kana keessa helikooptaronni haleellaa raawwatan fi xiyyaaronni biroos akka turan dhaabbanii Ameerikaa keessa maadheffate ‘Special Inspector General for Afghanistan Reconstruction’ jedhamu gabaaseera.