Itoophiyaatti gabaan sharafa alaa jijjiiramuun oomishaalee akkamii qaalesse?

Madda suuraa, Getty Images
Mootummaan Itoophiyaa fooyya'insa sirna Maakroo Ikoonomii fooyyessuu hordofee shaqaxoota bu'uuraarraa kaasee hanga galteewwan ijaarsaatti daballii gatii guddaan mul'achuu jiraattootni dubbatan.
Jiraattotni, daldaltootni shaqaxaafi jumlaa akkasumas ogeeyyiin ijaarsaa BBC'n dubbise gatiin shaqaxaa fi galteewwan ijaarsaa dabaluu himaniiru.
Sharafni alaa gabaadhaan akka murtaahu erga labsamee fi hojiitti hiikamuu eegalee booda garaagartummaa guyyoota muraasaan birriin Itoophiyaa dhibbeentaa 58'n humna bituu dhabeera.
Baankileen doolaara tokko naannoo birrii 90'n yoo bitan gabaa gurraachaan ammoo hanga 146'n bitamaa jira.
Mootummaan Itoophiyaa jijjiirama kana hojiirra oolchuun dhaabbilee maallaqaa idila addunyaa gammachiiseera.
Rakkoo walxaxaa jijjiirama kanaan dhufu dandamachuu akka dandeessuufis doolaara biliyoona16 waggoota sadi keessatti bifa liqaa, arjooma fi deeggarsaan kennuufis waadaa galaniiru.
Amma humni waa bituu birrii laafaa dhufuun wayita sharafni maallaqaa gahaa ta'e gabaa biyyattii keessa galu tasgabba'aafi sirraa'aa akka adeemu mootummaan ibse.
jiraataa magaalaa Finfinnee Obbo Tasfaayee Bitaw, wantoota gatiinsaanii dabale yoo gaafannu ''wanti hin daballe hin jiru'' jedhan.
Qullubbiin kg1 duraan 40 fi 50tti gurguramaa ture guuyyoota darban kana 70n gurguramaa jiraachuu himan.
Zayitni liitira shan duraan birrii 1100 ture ammaa 1500 jedhamaa jira jedhu.
Jiraataan kan biraan Kamisa darbe ''xaafiin kuntaalli tokko birrii 16,500 jedhamaa ture'' jedhan. Haati tokko ammoo ''kuma 19 yeroo jedhamu dhagaheera'' jedhu.
Wantoota nyaataaf oolaniin cinaatti sibiila ijaarsaaf ooluufi simiintoorratti daballii olaanaan mula'teera.
Simintoon kuntaalli tokko 1400 gara 2000tti dabaleera. Sibiilli feerroo kiloogiraamni tokko kan 130tti gurguramaa ture, birrii 170 gaheera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Konkolaattota irrattis daballiin kuma dhibbaan lakkaa'amu mul'ateera.
Daldaltootni jumlaafi galteewwan ijaarsaa hariiroon birriifi maallaqa biyyoota alaa biroo gidduu jiru maal akka ta'uu danda'u waan hin beekamneef hojii hojjechuun rakkisaa ta'uu dubbataniiru.
Ogeessi ijaarsaa tokko nama dhuunfaas ta'e mootummaa waliin waliigaltee hojii raawwachuuf baasii maallaqaa tarreessuuf rakkachuu BBCtti himan.
''Boru sharafni doolaaraa meeqa akka gahu waan hin beekamneef'' baasii tilmaamanii caalbaasiif dorgomuun rakkisaa ta'eera jedhan.
Suuqii shaqaxaa xiqqaa namni qaban ammoo shaqaxootarratti gatii dabalanillee daldaltoota jumlaarraa hanga barbaadan shaqaxa argachaa akka hin jirre komatan.
Daldalaan kun hanqinni shaqaxaa gabaa keessa jiraatee osoo hin taane guyyoota dhufan keessatti humni birrii caalatti kufuu waan danda'uuf gatiin ni dabala ilaalcha jedhuun meeshaa dhoksaa jiruu jedhan.
Daldaltoota bira yaaddoon jiru humni bituu birrii akkuma amma mul'achaa jiru dadhabaa deema yoo ta'e gatiin shaqaxaa ni qaala'a yaaddoo jedhu qabu.
Kun haala kanaan osoo jiru, jijjiirame amma dhufe kana sababeeffachuun haala qabatamaa hin taaneen daldaltoota daballi gatii godhan irratti tarkaanfii akka fudhatu mootummaan beeksiseera.
Ministirri Muummee Abiyi Ahimad jijiirama sirna sharafa alaafi kaan ilaalchisee qaamolee dhimmi ilallatu waliin yoo mariyatan daldaltoota sababa qabatamaa malee gatii dabalanirratti tarkaanfiin akka fudhatamu beeksisan.
Finfinnee fi naannoosheetti daldaltooti daballii hin malle raawwatan manni daldalaasaanii saamsamuu eegaleera.












