Kiliyaan Imbaappeen itti aanee kilaba isa kamiif taphata ta'a?

Kiliyaan Imbaappeen waliigaltee PSG waliin qabu bara 2024 achitti akka hin haaressine, garuu ammoo bara dhuftu achuma akka turu beeksiseera.

Kana jechuun Imbaappeen tolaan gara kilaba isa fedhuu deemuu danda'a jechuudha.

Kanatti kan hin gammanne PSG kontiraatni isaa osoo hin xumuramiin kilaba kaanitti dabarsuu yookiin gurgurachuu akka filatu ibseera.

Yoo kan isa gurguratan ta'e, kilabiin taphataa kana barbaadu xiqqaa hin ta'u. Rakkoon isaa garuu kilabootni gatii qaalii dargaggoon ganna 24 kun baasu warri baasan xiqqaachuu danda'uu isaati.

Imbaappeen waggaa jaha dura kilaba Monaakoo irraa jalaqaba ergisaan PSG erga seenee taphoota 260 irratti hirmaatee, goolii 212 lakkoofsisee, kubbaa goolii ta'an 98 ammoo mijeessee kenneera.

Kilaba kana waliin Faransaay keessatti waancaa liig 1 shan dabalatee, waancaa 13 injifateera.

Garee biyyaalessa Faransaay keessattis akkasuma gahee olaanaa qaba. Faransaay waancaa addunyaa bara 2018 yeroo injifattu, gaheen taphataa yeroos ganna 20 callaa ta'e Imbaappee salphaa hin turre.

Biyya isaaf yeroo 68 hiriiree kan taphate Imbaappeen, goolii 38 lakkoofsiseera.

Kanaanis jifattoota Faransaayiif goolii hedduu lakkoofsisan keessaa sadarkaa shanaffaarra taa'eera. Abbaa riikardi kan ta'e Oliiviyee Jiiruu irraa goolii 15'n fagaatee argama.

Onkololeessa darbe Imbaappeen tapha xumuraa waancaa addunyaa irratti biyya isaa bakka bu'ee galchii sadii yookiin haatriikii isa jalqabaa lakkoofsise.

Taphataa addunyaa kubbaa milaa of jalatti ilaala jedhamu kanaaf PSG duuba hegereen isaa garama ta'a?

Riyaal Maadriid

Imbaappeen bara darbe Riyaal Maadriid seenuuf dhiyaatee ture. Garee warra Ispeen akkaan isa dinqisiifatan kana seenuuf dhimmoota maallaqaa irratti Maadriidiifi PSG waliin erga walta'ee booda jijjiirraan kun boodatti deebi'e.

Maadriid Yuuroo miiliyoona 150 baasee mallatteessisuuf dargaggoo kanaaf ammoo miindaa yuuroo miiliyoona 40 kaffaluuf dhiyeessee ture.

Booda PSG'n gatii fi faayidaa adda addaa taphaticha hawwatu dhiyeessee of biratti hambise. Erga arjooma PSG fudhatee booda abjuun Maadriidiif taphachuu ''tasa hin xumuramne'' jedheera.

Jifataan lammii biyya isaatii Ballon d'or injifate, Benzeemaan Maadriid gadhiisee gara Saawdii imaluun, Maadriid jifataa barbaacha gabaa akka bahu isa dirqisiiseera.

Ammattis jifataan Tootenhaam, Harii Keen jalqaba irratti adamsamaa jira.

Tarii barana Maadriid nama barbaadaa ture kanas harka galfachuu danda'aa?

Gareen Kaarloo Anchelooti torbanoota dura taphataa sarara gidduu lammii Ingilaand Juud Beeliingihaam Doortimund irraa yuuroo miiliyoona 103'n harka galfateera.

Dabalee gatii qaalii biraan Imbaappee harka galfachuun gama maallaqaan qormaata itti ta'uu danda'a.

Maanchistar Yunaayitiid

Kilaboota jifataa Faransaay kana adamsan keessaa ammoo Maanchistar Yunaayitiid isa tokko. Kilabni kun Piriimiyeer Liigii keessatti kilaboota gatii qaalii baasanii jifataa kana mallatteessifachuuf gahumsa qabu jedhaman muraasa keessaa tokko.

Kilabichi adeemsa gurguramuurra jira. Maatiin Gileezar kan ammatti kilabicha harkaa qabu, gurguruuf beeksisuu hordofee Sheek Jaasim bin Hamad Al Taani kan warra Kaatar fi dureessii Ingiliz Sar Jim Raatikiliif maallaqa ittiin bitan dhiyeessanii ammallee murtee eegaa jiru.

Leenjisaan kilabichaa Eriik Teen Haag kanuma keessa jifataa barbaaduutti jiru. Yoo ni argama ta'e Tootenhaam irraa Keeniin bitachuuf akkuma Maadriid eeggachaa jiru.

Amma jifataan Faransaay kun gabaa baha taanaan, warri Yunaayitiid carraa isaanii yaaluu malu. Keessumaa abbaan qabeenyaa haaraan dafee yoo beeksifame tarii dhimma Imbaappee irratti murtee guddaa isa jalqabaa gochuu danda'a jedhama.

Sa'udii Arabiyaa

Liigiin Saawdii, Saudi Pro League, mana Kiristiyaanoo Ronaaldoo fi amma ammoo Kariim Benzeemaa ta'e tarii Imbaappee qoruu danda'aa?

Ronaaldoon gara Al Nassr imaluun, injifataan Ballon d'or yeroo shanii kun atileetii miindaa qaalii argatu akka ta'u sababa ta'eera.

Barruun Forbiis akka jedhutti namni ganna 38 kun waggaatti miindaa doolaara miiliyoona 136 nyaata.

Kilabni biraan Saawdii Al-Hilaal Liyooneel Mesii mallatteessifachuuf yaaliin godhe fashaluu booda gaaffiin gatii qaalii tarii Imbaappeefis yoo dhiyaate badaa waan nama raaju hin ta'u.

Chelsii

Abbaan qabeenyaa haaraan Chelsii Todd Boehly kilabicha erga bitatanii reefu bara dorgommii tokko. Yeroo jijjiirraa taphattootaa lama gidduuttis bittaa taphattootaaf paawundii miiliyoona 550 baasaniiru.

Cheelsiin akka bara kaanii sana garee isaa jabeessuuf bittaa taphattoota haaraaf muddama hin qabu. Seera liigichaa bu'aa wajjin walqabatu (profit and sustainability rules) eeguunis irra jiraata.

Enzo Fernandeziin yuuroo miiliyoona 121'n, Mykhailo Mudryk paawundii miiliyoona 89'n kontiraata waggaa dheeraa - saddeetiifi walakkaaf mallatteesisuun isaanii tarii baasii isaanii waggoota hamma sanaaf qooduun ammas gabaatti bahanii taphataa gatii qaalii kana (Imbaappee) mallatteesifachuu danda'u ta'a.

Liivarpuul

Imbaappeen Liivarpuuliin akka dinqisiifatu bara 2020 ifatti himee ture.

Leenjisaa Yaargan Kilooppiin ammoo ''leenjisaa baay'ee gaarii'' jechuun ibse. Gareen Liivarpuul duula piriimiiyeer Liigii injifachuuf taasise 'maashinii' jechuun jaje.

Amma dura maqaan Imbaappee warra diddiimolii kana waliin ka'aa ture, leenjisaa Kiloopp garuu taphataan sarara duraa kun dandeettii maallaqaa garee isaanii ol ta'uu dubbatan.

Jijjiirraa Beeliingihaamiinis walqabatee maqaan kilabichaa irra deddeebiin yoo ka'u Kiloop yaaduma walfakkaatu kennan.

Yaadni kun ammallee akkuma jirutti jira jedhamee fudhatamus, abbaan qabeenyaa kilabichaa Joon Henerii shaampiyoonaa baranaa Maanchistar Siitii waliin akkuma bara kaanii dorgomaa ta'uuf maallaqa baasuun irraa eegama.

Liivarpuul carraa Imbaappee kan ofii godhachuu qabaachuun gaaffiidha.