Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa boru irraa kaasee gara Maqaleetti balaliinsa eegaluuf

Waraanaa sukkaneessaa waggoota lamaaf Kaaba biyyattiitti gaggeeffamaa tureen wal qabate adda cite kan ture balaliinsii imala qilleensaa gara magaalaa guddoo Tigraayii- Maqaleetti taasifamu boru Muddee 28, 2022 irraa kaasee hojii isaa idilee akka eegaluu Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa beeksiise.

Ibsa har’a baaseen Hogganaa Olaanaan daandiin qilleensaa Itoophiyaa Obbo Masfiin Xaasawu, ‘‘Balaliinsa keenya Maqaleetti deebiisuutti baayyee gammadneerra. Kunis maatiiwwan akka walitti makaman, sochiileen daldalaa akka deebi'u, turistiin akka dabaluuf carraawwan biraa hedduu hawaasaaf argamsiisa,’’ jedhan.

Daandiin Qilleensaas balaliinsa idilee deebiisuun eegalu kan ibsan erga jilli qondaaltoota mootummaa Itoophiyaa olaanoon dowwannaa taasisuuf gara Maqaleetti imalaniin guyyaa tokkoon booda.

Waliigaltee waldhabdee haala walitti fufiinsa qabuun dhaabuuf mootummaa federaalaafi TPLF jidduutti taasifame hordofuun, daandiin qilleensichaa deebisee balaliiwwan eegalchiisuuf qophii guutuu xumuruu Daandii Qilleensa Itoophiyaatti Hojii Gaggeessaa Olaanaan Damee Daldalaa Obbo Lammaa Yaadeechaa BBC’tti himunsaanii ni yaadatama.

Waliigaltee mootummaa federaalaafi TPLF jidduutti irra gahamee hordofuun hojjattoonni aviyeeshiinii hojiiwwan haala duree hojjachuuf gara magaala Maqaleetti imaluu

Waliigalteewwan Afriikaa Kibbaafi Keeniyaa Naayiroobitti taasifaman hordofee, ‘‘haalli lafarra jiruu fooyyee waan agarsiiseef’’ daandii qilleensichaas haalaa itti naannicha keessatti hojiisaa itti hojjaturratti, ‘‘haala mijeessaa dhufuu’’ eeruudhaan, balaliiwwan eegalchiisuuf hayyama qaamoolee nageenyaafi siivil Aviyeeshinii eeggataa jiraachu himan himan Obbo Lammaan.

Obbo Lamaan akka jedhaniitti, daandiin qilleensichaa waliigaltee nageenyaatii booda buufataalen xiyyaaraa naannichatti argaman balalii keessummeessuuf qophii ta’usaanii ilaaluuf hojjattoota gara naannichaatti bobbaasuu ibsaniiru ture.

Ammatti balaliinsi idilee gara Maqalee taasifamu guyyaatti ala tokkoo kan karoorfame yoo ta’u, haaluma fedhii jiru irratti hundaa’ee kan dabalamu ta’a jedheera ibsichi.

Walumaagalattiis daandii qilleensaa Itoophiyaa balaliinsa biyya keessaa eddoowwan 20 ta’aniitti kennaa kan jiru yoo ta’u, baroota dhufan keessa kana ol guddisuuf karoora qabaachu beeksiise.

Balaliinsii idilee kun eegaluun isaatis naannoo Tigraay kan tajaajilawwan bu’uuraa waggoota lamaaf oliif keessatti adda cite turte keessatti ummanni sababii waraanaatiin adda bahee ture akka wal arguuf carraa ni uma jedhemeera.