Indiyaan mormii hordofuun manneen hordoftoota Islaamaa bebbeekamoo hedduu diigde

Waa'ee Nabiiyyuu Mohaammad ilaalchisee yaadni sirrii hin taane kennameera jedhamuun mormii umame hordofuun humnootiin nageenyaa Indiyaa manneen hordoftoota Islaamaa bebbekkammoo heduu diigan.

Abbootiin qabeenyaa bulchiinsa Utaar Piraadash duraan dursanii manicha keessaa akka bahaniif itti himamee ture.

Erga hoggantoonni miseensa Paartiilee -BJP Indiyaa biyya bulchuu lama yaada farra islaamaa kennanii booda torban darbe keessa islaamtoonni biyyattii mormii dhageessiisaa turan.

Hokkaricha umamee hordofeet namoonni 300 ol ta'a to'annaa jala olfamaniiru.

Yaadni amma madda wal dhabee ta'e kunis dubbii himtuu Paartii PJB kan taatee Nuupuur Shaarmaatiin kan kenname baatii Caamsaa keessa yeroo marii TV irratti gaggeeffameeti.

Yaadni dubartiin tun jettee kan nama mufachiisu waan ta'eef BBCn irra deebiin hin ibsu.

Yaadni kunis hawaasa Islaamaa Inidiyaa keessatti argamaniifi mootummoota Islaamaa hedduu mufachiiseera.

Paartichatti itti-gaafatamaa kutaa miidiyaa Dalihii kan ta'an, Naaviin Kumaar Jaandaal yaada kana toora Tiiwiitara isaaniirratti waan maxxansaniif hojiirraa hari'atamaniiru.

Yaadni jara lamaanii (keessattuu kan Shaarmaa) bulchiinsoota Indiyaa tokko tokko keessatti mormii kaaseera.

Ministirri Olaanaa Bulchiinsa Utaar Piraadeel, Yoogii Aditiyaanaat namoota torba yeroo darbe keessa manneen namoota hookkara irratti hirmaataniiru jedhamaniifi manneen seeraan alaa akka diigamaniif ajaja kennuu isaanii beeksiiseera.

Gaazeexaan Hindustan Times akka gabaaseetti, namoota manni isaanii jalaa diigame keessaa tokko nama siyaasa mormiituu kan ta'an Jaaviid Ahimad kan jedhamanidha. Intallii isaanii Afiiraan Faatumaa ammoo falmiituu mirga Isalaamaati.

Toraban darbee soolaata Jumaatiin booda dhagaa darbataniiru namoonni jedhaman lamas manni isaanii jalaa diigameera.

Gorsaan Miidiyaa Yoogii Aditiyaanaat, Miriitiyuunjaay Kumaar Tiwiitara isaanii irratti, suuraa wayita manneen diigaman agarsiisu maxxansaniiru.

Manneen kanneen diiguun kunis mormii cimaa kaaseera.

Qeeqxoonnis yaadni Shaarmaa fi Jiindaal kennan kunis garaa garummaa amantaa cimaa waggoota darban muraasa keessatti biyyattii mudate kan agarsiisuudha jedhan.

Paartiin BJP erga bara 2014tti gara aangoo biyya bulchuutti dhufeen boodda haleellaafi haasaan jibbiinsaa hordoftoota Islaamaa irratti xiyyeeffatan dabalaniiru.