Hoolota marga dheeduun hambaa durii kunuunsan wal baraa

Hoolaa marga dheeduun hambaa seenaa tiksan

Madda suuraa, Getty Images

Biyya Xaaliyaaniitti hambaa durii Pompeeyi jedhamu keessa margii fi biqiltuuwwan kaan biqiluun akka hambaa irratti dhiibbaa hin taasifneef hoolonni keessaa dheedaa jiru.

Gareen hoolotaa bakka hambaan seenaa kun akka haala gaariidhaan eegamu gochuuf jecha marga keessa biqile dheedu.

Bakka hambaa durii kana keessa yoo margiifi ashaakiltiin biraa biqilu, caasaa ijaarsichaa irraan miidhaa qaqqabsiisa.

Akka carraa ta'ee ammoo hoolonni kunneen kana eeguun dafanii margaafi ashaakiltoota balleessuun eegumsa taasisu.

Hooloota

Madda suuraa, Reuters

Pompeeyi maaltu mudate?

Pompeeyi qaama bulchiinsa Roomaa durii kan Lixa Awurooppaa fi Kaaba Afrikaa keessatti argamuuti.

Jiddugalli isaa Xaaliyaanii Room keessatti argama.

Volkaanoon gaara Veesuvi'uus irra ture Dhaloota Kiristoos Booda bara 79 dho'ee magaalaa Pompeeyi yeroo sanaa ukkee daaraan haguuge.

Daaraan sunis manneen, wantoota akkasumas namoota achi jiraataa turan of jala dhokse.

Erga baroota 1700'oota as, qorattoonni hambaa bakkicha qotuudhaan kutaalee magaalattii adda addaa baasuudhaan jireenyi magaalattii keessa ture maal akka fakkaatu baruu eegalan.

Dowwattoonnis addunyaa mara irraa hambaa durii kan taate Pompeyii doowwachuuf gara sanatti imalu.

Magaalaa Poompee'iifi gaaraa volkaanoo

Madda suuraa, DBVIRAGO

Ergama hoolotaa

Sababii eddoon kuni bakka seena qabeessa barbaachisaa ta'eef, namoonni gamoowwan haala gaariin akka eegamu barbaadu.

Karaan hooloonni ittiin seenan qophaa'eera.

Kanaa gochuufis nama marga haamu barbaachu irraa hoolonni naannichaa seenuun akka marga dheedan taasifama.

Gabri'eel Zuchitarigeel Daareektara Paarkii Qorannoo Hambaa Pompeeyi yoo ta'an, hoolonni akka paarkicha keessa seenanii margicha dheedan taasisuun ''adeemsa walitti fufiinsa qabuudha'' jedhan.

Hoolonni 150 ta'an kaaba magaalattii, bakka ammatti doowwattoonni akka ilaalaniif hin hayyamamneetti geeffamuun marga akka dheedan taasifama.

Hooloota goodaarratti

Madda suuraa, Reuters