Masrii keessatti awwaalli Fara'oon jaarraa tokko as kan jalqabaa tahe argame

Madda suuraa, New Kingdom Research Foundation
Qorattoonni awwaala Fara'oon kan erga awwaalli Tutankaamen jaarraa tokko dura argamee as isa jalqabaati jedhame argatan.
Qorattoonni seenaa Masirii durii maqaa Egyptologists jedhamuun beekaman awwaala mootota Fara'oon keessaa kan Mootii Tuutmos II argatan.
Awwaalli Tuutmos II kun awwaala maatii moototaa daayinaastii warra Masirii jaarraa 18 keessaa isa osoo hin argamiin turedha.
Gareen qorattootaa Biriitish-Masirii ta'an kunneen awwaala kana magaalaa Luksooritti dhiyootti Gogeessa Lixaa Tebaan keessatti argan.
Mootiin Tuutankhaamen maqaa Mootii Tuut jedhamuunis kan beekamu yoo ta'u, mootota Farahoon keessaa Masiriin Dhaloota Kiristoota Dura (B.C.) 1332 hanga 1323 bulcheera. Mootiin Tuut kun yeroo daa'ima umuriin isaa wagga 8 ykn 9 ture aangootti dhufe jedhama.
Qorattoonni kunneen dirri awwaalcha maatii mootota Farahoon kan jaarraa 18ffaa Gogeessa Mootootiirraa kiiloomeetira 2 fagaata jedhanii yaadanii ture.
Gareen kun awwaalcha kana bakka awwaalcha dubartoota maatii moototaa ta'an waliin walqabatu keessaa argatan.
Yeroo gara dirra awwaalichaatti seenan haalaan faayamee argan-kan ittiin faayame ammoo mallattoo Farahooniinidha.

Madda suuraa, New Kingdom Research Foundation
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Baaxiin isaa gariin ammallee jabaataadha: Baaxii halluu cuquliisa dibameefi kan urjiiwwan bifa keelloo qaban irra jiranidha. Baaxiin hallii cuquliisa dibamee urjiiwwan keelloo awwaala mootii keessatti qofa argamu," daarektarri dirree ergama kanaa Dr. Piirs Literlaand.
Yeroo kana argatanitti miirri gammachuu addaa tokko akka itti dhaga'ame Sagantaa BBC Newshour'tti hime.
"Wanta kanarra gahuun miira gammachuu addaa keessa nama galcha, sababiin isaa ammoo wanta nan argadha jettee hin yaadnetti baata. [Kana argachuun] akkaan miira namaa eessatti hiika gudaa qaba," jedhe.
"Yeroo gara manaatti deebiyu haati warraa koo na eegaa ture. Yeroon ishee argu wantin gochuu danda'e imimmaan kutee gadhiisuu ture."
Dr. Literlaand akka jedhutti, argannoon kun hibboo awwaalchi mootota daayinaastii jaarraa 18ffaa eessa jira kan jedhuuf fala fidee kan dhufedha.
Qorattoonni awwaalchi Tuutmos II akka hin tortorreef qorichaan eegamee jaarraa lamaaf ture argatan.

Madda suuraa, Alamy
Mootiin Tuutankhaamen maqaa Mootii Tuut jedhamuunis kan beekamu yoo ta'u, mootota Farahoon keessaa Masiriin Dhaloota Kiristoota Dura (B.C.) 1332 hanga 1323 bulcheera. Mootiin Tuut kun yeroo daa'ima umuriin isaa wagga 8 ykn 9 ture aangootti dhufe jedhama.
Tuutmos II akaakayyuu Tutankhaamen yoo ta'u, bulchiinsi isaa naannoo bara 1493 hanga 1479 Dh.K.D.
Awwaalli Tuutankhaamen bara 1922tti arki'ooloojistoota Biriteeniin argame.
Tuutmos II abbaa warraa mootittii Hatshepsut kan Fara'oonota gurguddo oMasirii keessaa tokkoo fi Fara'oonota dubartoota muraasa warra ofiin of danda'anii bulchan keessaa tokko ta'uudhaan beekamti.
Dr Literlaand akka jedhanitti, ''darbiin guddaanifi koridooriin baayyee guddaan [ittii gara awaalichaatti] bu'an guddaa ta'uun isaa '' guddina awwaalichaa agarsiisa.
"Kana hunda keessa darbuuf yeroo baayyee dheeraa nutti fudhate," jechuun, caccabaa lolaadhaan cufamee fi baaxiin isaa akka jige hubachiiseera.
"Daandii 10m (32ft) kan gubbaan isaa qaawwa xiqqaa 40cm qabu keessa erga daa'imneen booda qofa gara kutaa awwaalchaa seenne."
Achittis baaxii bifa cuquliisaa qabuu fi faaya mul'atawwan, barreeffama amantii moototaaf qofa kenname irraa argatan. Sun mallattoo furtuu biraa awwaala mootii argachuu isaanii ture jedhu Dr Liiterlaand.
Caccabaa qulqulleessuuf hojiitti seenan - haftee awwaalchaa caccabee jala ni argatu jedhanii eegaa turan.
Garuu "awwaalli sun guutummaatti duwwaa ta'ee argame" jedhan Dr Liiterlaand. "Saamameef osoo hin taane itti yaadanii duwwaa waan ta'eef."
Sana booda awwaalli kun bishaaniin akka guutame - "bishaan kuufamaa jalatti ijaaramee akka ture" - erga mootichi awwaalamee waggoota muraasa booda qabiyyeen isaa bara durii gara bakka biraatti akka ce'e hojjetan.
Golee sana keessa laayim istoonii toonii hedduu taʼe keessaa caccabaa qodaa okkotee kan argatan siʼa taʼu, isaanis barreeffamni maqaa Tuutamos II fi Hatshepsut jedhu qabate.

Madda suuraa, New Kingdom Research Foundation
Caccabni okkotee kun "yeroo awwaalli kun socho'u caccabuu hin oolu," jedhu Dr Liiterlaand.
"Akkasumas galata Waaqayyoof haata'u dhugumatti waan tokko ykn lama cabsaniiru sababiin isaas akkasitti awwaalli eenyuu akka ta'e hubanne."
Meeshaaleen kanneen jalqabaa awwaalcha Tuutmos II wajjin walqabatanii argamanidha.
Dr Liiterlaand gareen isaanii awwaalli lammaffaan eessa akka jiru yaada garaa garaa akka qaban kan dubbatan yoo ta'u, ammallee qabeenya waliin hin tuqamne ta'uu danda'a.
Awwaalli Fara'oon kun hojii waggoota 12 ol garee waloo Dr Liiterlaand New Kingdom Research Foundation fi Ministeera Tuurizimii fi Wantoota Durii Masrii irraa hojjetan xumura.
Gareen kun kanaan dura awwaalota 54 kutaa dhiha gaara Tebaan Luksor keessatti qotee kan ture yoo ta'u, eenyummaa haadhotii manaa mootii fi dubartoota mana murtii 30 ol ta'anis adda baasee ture.
''Kun erga bara 1922tti gola awwaalchaa mootii Tuutaankhaamen argannoo addaadha jedhame booda awwaala mootii isa jalqabaati,'' jedhan ministirri turizimii fi meeshaalee durii Masrii Sheriif Faati.
"Yeroon kun yeroo addaa Masiriifi hubannoo bal'aa seenaa namaa waliin qabnu irratti qabnudha."












