MM Abiy fi Daarektarri IMF maal mari'atan?

MM Abiy Ahmad fi Daarektara Dhaabbata Maallaqaa Idiladdunyaa (IMF) Kiristaaliinaa Jorjiyeevaa

Madda suuraa, @Abiy Ahmed Ali

Ibsa waa'ee suuraa, MM Abiy Ahmad fi Daarektara Dhaabbata Maallaqaa Idiladdunyaa (IMF) Kiristaaliinaa Jorjiyeevaa

Dhuma torban darbee kana Itoophiyaa kan daawwatan Daarektarri Dhaabbata Maallaqaa Idiladdunyaa (IMF) Kiristaaliinaa Joorjiyeevaa Ministira Muummee Abiy Ahmad dabalatee qondaalota mootummaa olaanoo Itoophiyaa waliin mari'ataniiru.

Ministirri Muummee Abiy Ahmad daarektara IMF erga simatanii booda jaarmiyaan kun ''sagantaa keenya riifoormii diinagdeef deeggarsa itti fufee gama teeknikaa fi mallaqaan taasisuu isaaf, tattaaffiifi gumaacha keessan dhuunfaatiif gatii olaanaa laanna,'' jechuun galateeffatan.

Qormaata yeroo dheeraa booda riifoormii diinagdee labsuun jijjiirama abdachiisaa fiduu kan eeran MM Abiy, milkaa'ina kana qondaalli jaarmiyaa maallaqaa arguutti gammachuu qaban ibsan.

''Qormaatilee diinagdee gooroo yeroo dheeraaf turan cehuuf hojiilee keenya jijjiiramaa xiyyeeffannoo cimaa fi abbummaan qabachuun, tarkaanfiiwwan ciccimoo, hunda hammataa ta'anii fi seena qabaeessa fudhanneerra,'' jedhan.

Sagantaa riifoormii eegalaniin hamma ammaatti milkaa'inootni argamanis gaarii fi jajjabeessaa ta'uu eeran.

''Raawwiin hojiiwwan keenya gaggeessaa jirruus tasgabbii diinagdee gooroo, guddina saffisaa sadarkaa jireenyaa lammiilee fooyyeessu yommuu ta'u, gama kanaanis Itoophiyaan fakkeenya Badhaadhinaa akka taatu dandeessisuudha.''

Daarektarri IMF Kiristaaliinaa Joorjiyeevaa gamasaaniin, Itoophiyaa daawwachuutti guddoo akka gammadan ibsanii, marii bu'a qabeessa ta'e MM Abiy, Ministira Maallaqaa Ahmad Shide, Bulchaa Baankii Biyyaalessaa Maammoo Miratu fi qooda fudhattoota kaan waliin gaggeessuu himan.

Kiristaaliinaa Joorjiyeevaa ergaa karaa X dabarsaniin, riifoormiin diinagdee yeroo ammaa Itoophiyaa keessatti hojiirra oolaa jiru hojii investimantiif haala mijataa kan uume ta'uu eeran.

''Haala uumame kana cimsaa deemuu, sirna gibiraa idilaawaa fi bu'a qabeessaan deeggaruun murteessaadha. To'annoo fi hordoffii, akkasumas deeggarsa qabaachuu qaba. Haalli mijataan uumame kun guddina damee dhuunfaas kan tumsu ta'uu qaba,'' jedhan.

Hooggantuun IMF kun wayita MM Abiy waliin mari'atanitti ''guddina diinagdee abdachiisaa ta'erratti'' dubbachuu ibsan.

''Magaalaa Finfinnee keessatti guddina diinagdee ajaayibsiisaa kan damee dhuunfaa heddumminaan hirmaachise argeera. IMF mootummaa ajandaa diinagdee biyyasaatti bocatee bu'a qabeessa ta'e waliin hojjechuutti guddoon gammada,'' jedhan.

Daarektarri IMF Ministira Maallaqaa Itoophiyaa fi aanga'oota kaan waliin mar'atan

Madda suuraa, @Ministry of Finance - Ethiopia

Ibsa waa'ee suuraa, Daarektarri IMF Ministira Maallaqaa Itoophiyaa fi aanga'oota kaan waliin mar'atan
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Aadde Kiristaaliinaa Joorjiyeevaa akkaataa dhaabbannisaanii, IMF, riifoormii diinagdee Itoophiyaan ofii bocattee hojiirra oolchaa jirtu deeggaruun danda'amurratti Ministira Maallaqaa Ahmad Shidee fi Bulchaa Baankii Biyyaalessaa Obbo Maammoo Miratuu waliin mari'achuu X irratti ibsaniiru.

Duraan Pirezidantii Baankii Addunyaa kan turan hooggantuun IMF ammaa kun, damee diinagdee fi maallaqaa keessatti muuxannoo gabbataa qabu.

''Itoophiyaan hojiilee nama boonsan hedduu hojjetteetti. Guddinni waliigalaa bara darbe biyyattiin galmeessite kan nuti raagne caala. Nuti dhibbeentaa 6.1 jennee turre, guddinni biyyattiin galmeessite garuu dhibbeentaa 8.1,'' jechuun guddina diinagdee Itoophiyaa jajan.

Guddinni diinagdee kun galmaa'uu kan danda'eef dameewwan dhuunfaaf haalli mijataan waan uumameef, akkasumas oomisha damee qonnaa, industirii fi dameewwan misoomaa kaaniirratti xiyyeeffachuun waan hojjetameef jedhan.

Itoophiyaa keessatti, keessattuu erga gatiin sharafa alaa gabaa jirurratti akka hundaa'uu fi mootummaadhaan dhuunfatamuun akka hafu labsamee, qaala'iinsi jireenyaa dhimmoota lammiileen komatan keessaa isa hangafaati.

Hooggantuun IMF kun garuu qaala'iinsi jireenyaa hir'ataa jiraachuu dubbatan.

''Haalli amma jiru lammiilee Itoophiyaa dhiibbaa diinagdeen qoramaa jiraniif waan gaariidha. Qaala'iinsi jireenyaa kan addunyaa maraa ta'us. Qaala'iinsi jireenyaa harka qalleeyyii miidha. Kanaaf, rifoormii diinagdeen qaala'iinsa to'achuu fi dhiibbaa jireenyaa tasgabbeessuu barbaachisa.''

Itoophiyaa keessatti meeshaalee gabaa alaatti ergaman heddummeessuudhaan bu'a qabeessa ta'aa jiraachuu fi kun cimee akka itti fufu dhaaman hooggantuu maallaqaa addunyaa kun.

''Itoophiyaan guddina diinagdee lammiileesheerra darbee biyyoota ollaaf ga'u akka galmeessitu nan abdadha,'' jedhan.

Kanaan dura Itoophiyaan deeggarsa IMF irraa barbaaddu argachuuf gatii Birrii gadi buusuuf akka dirqamtu himamee ture.

Itoophiyaan erga bara 2022 gara dhumaa yeroon liqaaa itti mijeeffachuu qabdu irra jalaa darbee as sagantaa IMF keessaa qooda argachaa hin jirtu.

Dinagdeen biyyattii ammoo sababa qaala'insa jireenyaa, hanqina sharafa alaafi liqaa kaffaluu dhabuutiin rakkoo keessa galeera.

IMF dabalatee dhaabbileen faayinaansii idil-addunyaa biroon Itoophiyaan humna birrii akka laaffistu [devaluation] gorsu.

Kanaan dura marii qondaaltonni IMF aangawoota Itoophiyaa waliin taasisan irratti hamma sharafa birriifi sharafa alaa baankiifi gabaa seeraan ala (black market) gidduu jiru akka sirreessitu gaaffiin dhihaateera.

Itoophiyaan bara 2024 keessa imaammata haaromsa dinagdee taasifteen gatiin sharafa doolaaraa fi birrii gabaa addunyaa irratti akka hundaa'u taasifte.

Garaagarummaan sharafa gabaa gurraachaa fi baankii gidduu jiru dachaan ol darbuun isaa Itoophiyaan gargaarummaa kana dhiphisuu fi hanqina sharafa alaa qabdu furuuf haaromsa dinagdee kana gaggeessuuf dirqamte.

Marii yeroo dheeraaf IMF fi Baankii Addunyaa waliin taasisaniin waliigalteerra gahuun erga hojiirra oolchanii doolaarri tokko amma birrii 126tti sharafamaa jira.

Ergasii GDP (Oomisha Waliigalaa Biyya Keessaa) Itoophiyaa kan bara darbe doolaara biliyoona 205 ture walakkaadhaan akka gadi kufe gabaasaaleen agarsiisu.

Fulbaana 2024 Dhaabbaata Maallaqaa Addunyaa(IMF) fi mootummaan Itoophiyaa dhiyeessii liqii yeroo dheeraa irratti waliigalteen sadarkaa jalqabaarra ga'uu ibsanii turan.

IMF ibsa baaseen waggoota afur keessatti liqaan doolaara biiliyoona 3.4 ta'u dhiyeessii liqii yeroo dheeraa(Extended Credit Facility) gochuu ilaalchisee mootummaa Itoophiyaa waliin waliigaltee jalqabaarra gahamuu beeksiseera.

Waliigalteen kun boordii hooggansa olaanoon erga ilaalamee booda Itoophiyaan liqii doolaara miliyoona 345 akka argattu ibsame.

Daawwannaan Daarektara IMF kan ammaa kun erga Itoophiyaan rifoormii diinagdee haaraa baastee hojiirra oolchuu eegaltee kan jalqabaati.

BBC

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.