'Haleellan dhaabbatu malee marii nikularaa waanti jedhamu hin jiru' -Iraan

Madda suuraa, EPA
Iraan halleellan osoo irratti gaggeeffamuu dhimma sagantaa nikulara isheerratti marii akka hin teenye beeksifte. Kun kan dhagahame ministiirri ittisaa Israa'el Iraan wajjin lola yeroo dheeraa gaggeessuf qophii ta'uu erga beeksisanii booda.
Dippilomaatonni biyyoota Awurooppaa kaleessa, Waxabajjii 20, Jenevatti ministiira dhimma alaa Iraan kan ta'an Abbaas Araagchii wajjin wal-arguun Iraan US wajjin marii dhimma nikularaa deebitee akka eegaltu itti wawwaataa turan.
Haata'u garuu, Iraan mariif qophii ta'uu beeksisuun haal-duree keesse. Innis Israa'el haleellaa irratti bante akka dhaabdudha.
Gama biraan ammoo ajajaan waliigalaa Waraana Israa'el Eyaal Zaamir ergaa dabarsaniin, guyyoonni rakkisoon as deemaa akka jiran ibsuun Israa'el Rippaabilika Iraan wajjin lola yeroo dheeraa gaggeesuf qophii ta'uu beeksisan.
Kaleessa Iraan misaa'elota hedduun Israa'el haleeluu hordofee, Israa'elis haleellaa qilleensarraa mankuusawwan misaa'ela Iraanirratti gaggeessuu beeksifte.
Haleellaa Iraan kaleessa Israa'el irratti gaggeessiteen dhiyeenya magaalaa Teel Aviivitti dhohiinsi dhagahameera.
Ministiirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii Israa'el haleellaa dhaabnan, Iraan dippilomaasii qofaan dubbii furuuf qophii ta'uu beeksisanii turan kaleessa.
Sagantaan nikulaa Iraan kaayyoo waraanaa akka hin qabneefi anniisaa maddisiisuf ta'uu kan himan Abbaas, Israa'el seera idiladdunyaa cabsuun haleella waan gaggeessiteef, Iraan of ittisuu malee filannoo biraa akka hin qabne dubbatan.
UNtti ambasaaddara Israa'el kan ta'an Daanii Daanon, Iraan "kaayyoo sanyii balleessuu" qabdi jechuun yaaddoo nageenyaa keenyaa kan jedhan buufataalee nikularaa Iraan irratti haleellan akka itti fufu himan.
Pirezidaantin US Doonaald Tiraamp, Iraan haleellaa US jalaa miliquuf balbala marii torbee lamaaf banaa ta'e qabdi jechuun akeekkachiisanii ture.
Ministiirri dhimma alaa UK Deevid Laamii garuu US mariidhaf yeroo gabaabaa kennuu dubbatan.
Faransayi ammoo Iraan marii gaggeessuf dhukaasi hanga dhaabatutti eeguu hin qabdu jechuun mariin akka itti fufuuf waamicha goote.
Rakkoo sagantaa nikularaa Iraan waraanan furuuf yaaliin balaa akka qabu kaasun, mootummaa Iraan jijjiiruf yaalunis balaa hamaa kan biraa akka fidu ibsite.
Israa'el buufataalee nikularaa Iraan mancaasuu qofa osoo hin taane, mootummaa Iraanis jijjiiruuf akka karoora qabdu himama.
Haleellaa Iraanifi Israa'el walirratti gaggeessaa jiraniin gama lamaaniyyuu namoonni heddu du'anii qabeenyi manca'eera.
Ministeerri Fayyaa Iraan akka beeksisetti, haleellaa Israa'elin hanga ammaa namoonni 224 du'uu yoo beeksisu, Israa'el ammoo namoonni 25 jalaa du'uu beeksifte.












