Keessoon mootummaa Ayaatolaa Alii Kameenii akkamiin Israa'eliin nyaatame

Ayaatolaa Kameenii

Madda suuraa, EPA

Gaggeessaa olaanaa Iraan kan ta'an Ayaatolaa Alii Kameenii manguddoo ganna 86 yoo ta'an, umurii kanatti qondaalotaa fi gorsitoota itti dhiyoo jiran hedduun torban tokko keessatti of biraa dhabanii jiru.

Israa'eel haleellaa gaafa Waxabajjii 13, 2025 jalqabeen guyyaa jalqabaa qofaatti qondaalota waraanaa 30 ajjeesuu beeksifte.

Qondaalota waraanatiin alatti saayintistoota nikularaa Iraan 9 ta'an haleellaa kanaan ajjeesuu beeksifteetti.

Ayaatolaan qondaalota waraanaa guyyaa rakkoof itti abdataniifi saayintistoota akka ija biyyattiitti ilaalaman yeroo gabaabaa kanatti of biraa dhabuunsaanii, keessoon mootummaa isaanii keessatti harki Israa'el hidda fageeffatee nyaataa akka jiru agarsiistudha.

Maddi oduu Rooyitars qondaalota olaanoo Iraan shan dubbisuun akka gabaasetti, murteen tarsiimawaa Ayaatolaafi namoonni isaan marsanii jiran dabarsan rakkoo kan qabuufi keesson mootummaa isaanii harka dhoksaa Israa'eliin heddu nyaatamee jira.

Rooyitars qondaalota Iraan kana nageenyasaanif jecha eenyummaasaanii hin ibsine.

Namoota shanan Rooyitarsitti dubbatan keessaa tokko qondaala olaanaafi yeroo heddu wal-gahii idilee Ayaatolaa wajjin taa'amu kan hirmaatudha.

Akka inni jedhutti, Iraan dhimma ittisaafi nageenya keessoo tilmaamanii tarsiimoo kaa'uu irratti dogoggora guddaa uumte.

Guyyaa Israa'el haleellaa irratti bantee kaasee ajajaa olaanaa waraana biyyattiifi ajajan Humnoota Eegumsa Warraqsa Iraan, ajaan Humna Qilleensaa Iraanifi gorsitoonni olaanaon Ayaatolaa ajjeeffamaniiru.

Qondaalonni olaanon Israa'el ajjeefte kunneen namoota Ayaatolaatti baay'ee dhiyaataniifi gorsitoota ta'an 15-20 ta'an keessa warra jiraniidha.

Namoonni kunneen, qondaalota waraanaa, namoota siyaasafi gorsitoota yoo ta'an, dhimma tarsiimawaa Iraan irratti warra Ayaatolaa wajjin taa'anii mariyataniifi murtee dabarsaniidha.

Namoonni biroo sadi Rooyitars dubbise kanneen Ayaatolaa wajjin wal-gahii murteessaa taa'an yoo ta'an, qondaalonni olaanon Israa'el ajjeefte kunneen namoota murteessoo Ayaatolaa marsanii jiran ta'uu mirkaneessan.

Namoonni siyaasa Iraan keessatti murteessoo ta'an miseensota 15-20 qaban kunneen yeroo haalli muddamaa dhalateefi waan murteessaa ta'e jiraatetti, waamicha Ayaatolaan magaalaa Tehraan keessatti wal-gahu.

Dhimmoota ijoo irratti Ayaatolaa wajjin mariyachuunis murtee akka dabarsan himan qondaalonni olaanan Iraan shan wal-gahii murteessaa akkasii keessatti Ayaatolaa wajjin hirmaataniifi Rooyitarsitti dubbatan kun.

Miseensonni kunneen Ayaatolaa Kameenifi ilaalcha Rippaabilika Islaamaf amanamummaa hin daddaaqne kan qaban ta'uun beekamu.

Israa'el miseensota gorsitoota Ayaatolaa ta'an kanneen keessayi kan namoota heddu ajjeefte.

'Ayaatolaa Kameenii nama baay'ee rincicaadha'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ayaatolaa Kameenii warraaqsa Iraan bara 1979 sirna gonfoo biyyattii fonqolche dura hidhaa kan turan yoo ta'e, haleellaa boombitiinis miidhaan irra gahee ture.

Bara 1989 gaggeessaa olaanaa biyyattii ta'uun sirna bulchiinsa mootummaa duudhaa Islaamaa hordofetti ciccan kun biyyoota Lixaarraa amantee hin qaban.

Akkaataa sirna sirba bulchiinsa mootummaa Iraanitti, dhimma Iraanirratti murtee dhumaa kan kennu Ayaatolaa Kameeniida- waraana labsuu, ajajaa waraanaa muuduu, aangorraa buusuu, abbootii alangaa muudufi buusu, fi kkf.

Qondaalota Ayaatolaa wajjin wal-gahiiwwan murteessaa ta'an taa'u keessaa kan Rooyitarsitti dubbate tokko akka jedhetti, dhimma Iraanirratti murtee dhumaa kan dabarsan Ayaatolaa ta'us, yeroo heddu yaada gorsitootaa dhaggeeffachuun yaada gamaa gamanaa ni madaalu.

Waashingtanitti kan argamu Middle East Institute keessatti daayirektara Sagantaa Iraan kan ta'e Aleeks Vataankaa Ayaatolaan amala ittiin beekaman lama akka qaban ibsa.

"Waa'ee Kameenii waa lama waanti jedhamuu danda'u: nama baay'ee rincicaadha, garuummoo baay'ee nama of-eeggannoon dubbii ilaaludha. Waggoota dheeraa hanga kana aangorraa turuunsaas kanumaafi," jedha.

Dabaltaanis Ayaatolaan waan tokko fayidaa qabaachufi dhiisuusaa yeroo fudhachuun akka itti yaadan hima Akeeks.

Ayaatolaa Kameenii ilmi isaa dhaaluu mala

Ayaatolaa Kameenii wantoota isaan itti dhimmanii hojjatan keessaa waan bulchiinsa isaanii jala dhaabbatu maqsuu akka ta'e himu qondaalonni Iraan dhoksaan Rooyotars dubbise kunneen.

Mormiiwwan keessoo yeroo garaa garatti ka'u dhaamsuf jecha Ayaatolaa Kameenii humna Eegdota Warraaqsaa jedhamu hundeessan. Cinaatti ammoo milishoota Baasij jedhaman akka ijaaraman godhan.

Keessummaa mormii cimaa bara 1999, 2009, fi 2022 ka'e humnoonni kun dhaabuu danda'aniiru. Humnoonni biyyattii rakkoo nageenyaa keessofi, mormii irratti ka'u dhaabuu danda'anis, Iraan qoqqobbii biyyoota Lixaa jala waggoota dheeraf turuusheetin diinagdeen garmalee jalaa miidhameera.

Rakkoon diinagdee mudate kun booddee keessodhaa mormii irratti kaasun mootummaa Ayaatolaa Kameenitti dhuma gochuu akka danda'u xinxaaltonni ni himu.

Rakkoo diinagdee egeree mootummaa Iraan yaaddessuun alatti, bulchiinsi Ayaatolaa amma immoo alaa Israa'el waliin lolatti galee jira.

Haleellaa kanaan Israa'el buufataalee nikularaafi waraanaa Iraanirratti yoo xiyyeeffattu, Iraanis misaa'elaan Israa'el haleeluu itti fufteetti.

Qondaalonni Iraan shanan adeemsa murtiiwwan ijoo Iraan kennuurratti Ayaatolaa wajjin wal-gahii taa'anii beekan Rooyitars dubbise kunneen akka jedhanitti, Israa'el qondaalota olaanoo gorsitoota Ayaatolaa ta'an heddu ajjeeftus, ammayyuu namoonni Ayaatolaaf murteessoo ta'an kan Israa'el bira hin geenye jiru.

Namoonni kunneen dhimmoot akka siyaasaa, diinagdeefi dippilomaasii irratti rakkoon yeroo mudatu kanneen waamun ittiin mariyataniifi ergama garaa garaa kennaniifidha.

Namoota bulchiinsa Ayaatolaaf murteessodha jedhaman keessaa tokko ilma isaanii yoo ta'u, gara fuulduraati isaan bakka bu'as jedhamee yaadama.

Ilmi isaanii Mjtaabaa jedhama. Waggoota 20 darban keessatti qondaalota Iraanifi Eegdota Warraaqsaa waliin walitti dhufeenya uummateen keessoo siyaasafi nageenya Iraan bareechee baruurraa kan ka'e abbaasaa dulloome bakka bu'uu akka danda'u maddeen kun himu.

Namoota biroo siyaasa Iraan keessatti ijoo ta'an keessaa tokko biiroo Ayaatolaa Kameenitti ittaanaa itti gaafatamaa dhimmoota siyaasaafi nageenyaa kan ta'e Alii Asgahaar Hejaaziidha.

Alii Asgahaar Iraan keessatti qondaala tikaa baay'ee murteessaa akka ta'e himu maddeen Rooyotars kun.

Gaggeessaa biiroo Ayaatolaa Kameenii kan ta'e Mohaammad Golpaayegaanii, akkasumas ministiiroonni duraanii dhimma alaa Alii Akbaar Velaayitiifi Kamaal Karaazii, akkasumas afayaa'ii duraanii paaralaamaa Iraan Alii Laarijaanii dhimmoota keessoo, dippilomaasiifi kaan irraatti namoota amanamoo Ayaatolaa marsanii jiraniidha.

Qondaalonni waraanaa olaanoo Eegdota Warraaqsa Iraan haleellaa Israa'eliin ajjeefamuunsaanii humna waraanafi nageenyaa biyyattii keessatti qaawwaa yeroo gabaabatti hin duunne uumunsaa waan hin haalamneedha.

Qondaalonni waraanaa olaanon Israa'el ajjeefte kunneen, namoota Ayaatolaa Kameenii erga bara 1989 aangotti dhufanii as waa'ee nageenya biyyattii itti amananuu qofa osoo hin taane ittiin boonaniidha.

Dhimma nageenya keessoo qofa osoo hin taane tarsiimoo nageenya naannawa Baha Giddu Galaa ilaalchisee qondaalota itti amanan dhaban Ayaatolaan.

Humni waraanaa idileen biyyattii karaa ministeera ittisaa itti waamamni isaa pirezidaantii iraanif yoo ta'u, Humni Eegdota Warraaqsa Iraan garuu kallattiin itti waamamni isaa Ayaatolaa Kameenitiifi.

Nageenya biyaafi naannichaa ilaalchisee Ayatolan ergama guddaa humna kanaaf kennan. Hogganoota Humna Eegdota Warraaqsaa kanneen Israa'el ajjeesun Ayaatolaan qophaatti akka hafan isaan taasisa.