Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bookee bareedduu garuu hamtuu addunyaa kanaa
Bookee busaan kuni akkuma agartan baay'ee bareeddi. Gosti bookee kanaatis jidduugalaa fi Kibba Ameerikaatti argamti.
Haata'u malee, sanyii bookee tanaatu dhibee hamaa bookeedhaan dhufu - busaadhaaf, madda ta'a. Suuraan kunis Ontaari'oo Kaanaadaa keessatti Giil Wiizeniin kaafame.
''Addunyaarratti gosa bookee 3,300 ol ta'utu argama. Bookee dhaltuun wayita killee buusuutti dhiyaattu dhiiga soorachuuf deemti.
''Yeroo biraa waan biraa sooratti'' jedhan Erikaan Maak Alister, Landaniitti oggeessii olaanaan Godaambaa Seenaa Uumamaa.
Giil suuraa ishee kanaan 'dhiiga dhugduu bareedduu' jedheeni ibsee jira.
Jiil suuraawwan ilbiisotaa, bineensotaafi simbirrootaa ajaa'ibsiisoo ta'an kaaseera.
Sardiidi adamoo irra jirtu tunis Ameerikaatti Joonii Armistiroongiin kaafamte.
Sardiidi tunis Dahoo Biineensotaa Biyyaalessaa Kodi'aak bulchiinsa Alaaskaa keessa waan soorattu adamsaa turte.
Waakkoo bareedaan kun Awustiraaliyaatti ogeessa kaameeraa Ju'ergeen Fire'undiin kaafame.
Waakkoon ajaa'ibaa kunis bosona Quwiinisilaand Awustiraaliyaa argamu keessatti mukarra kan biqiledha.
Daaktota ajaa'ibaa kanneen agartanii? Qeerransooti kunneenis osoo bishaan daakuun qaxxaamuruuf imalanii kaafaman.
Qeerransoota kanneen keessaa eenyutu daaktuu cimaadha laata?
Qeerransooti dhiiraa kunneenis KeeniyaaM, Paarkii Masaayi Maaraatti osoo bishaan laga Taaleek guutee danbali'aa ture daakuun qaxaamuranii kaafaman.
Kormaan simbirroo wucii (ilmaan isaa) gorsaa jiru kanaan wal baraa. Suuraan kunis Gaagaanaa Mendis Wiikaraamaasingeetiin kaafame.
Simbirri kunis nyaata fidee ijoollee isaa muka keessatti daheeffatan sooraa ture.
Suuraan kunis mucaa umuriin waggaa 10, Gaagaanaadhaan barandaa [fuuldura manaa] mana jireenyaa isaa Kolomboo, Sirilaankaa jiru irraa kaafame.