Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Naannoon 12ffaa 'Ummatoota Kibba Itoophiyaa' jedhamu hundaa'e
Itoophiyaa keessatti naannoon 12ffaa 'Naannoo Kibba Itoophiyaa' jedhu guyyaa har'aa hundaa'e.
Manni Maree Federeeshinii guyyaa har’aa walgahii idilee gaggeesseen naannoon kuni akka hundaa’u murtesseera.
Kanneen naannoo kana keessa seenan kana dura Naannoo Sabaafi Sab-lammootaafi Ummatoota Kibbaa jedhamu keessa kanneen turanidha.
Kunneenis, godinoota jahaafi aanaalee addaa shanidha.
Naannoon duraanii Sabaaf, Sablammootaafi Ummatoota Itoophiyaa jedhamu garuu itti fufa.
Akka Manni Maree Federeeshinii ibsetti godinoonni Gede’oo, Walaayittaa, Gaamoo, Gofaa, Konsoofi godinni Kibba Omoo naannoo haaraa keessa jiru.
Dabalataanis, aanoleen addaa Burjii, Ammaarroo, Daraashee, Baaskettoo, fi Aalleen Naannoo Ummatoota Kibba Itoophiyaa keessatti makamaniru.
Godinoonni jahaafi aanonni addaa shanan eeraman kunneen kana dura naannoo tokko jalatti hundaa’uuf fedha qabu turan jedhameera.
Boordiin Filannoo Itoophiyaa torban dura Godina Walaayittaatti sagaleen kaan waliin naannoo akka ta'u dandeessisu akka kenname beeksisee ture.
Naannoon har’a ifatti hundaa’uun isaa ibsame Naannoo Saba, Sablammootaafi Ummatoota Itoophiyaa keessaa bahuun naannoo sadaffaa of danda’e ta’eera.
Kana dura erga Ministirri Muummee Abiy Ahimad aangootti bahanii Naannoon Sidaamaafi Naannoon Kibba Lixa Itoophiyaa hundaa’eera.
Waggoota 25 dura sirni federaalizimii yeroo hojiirra oole turetti ture naannoleen of danda'an shan walitti dhufuun Naannoon Saba, Sablammootaafi Ummatoota Itoophiyaa kan hundaa’e.
Haa ta’u malee, saboonni naannicha keessa argamaniifi lakkoofsaan hedduu ta’an naannoo ofii hundeeffachuuf gaaffii dhiheessaa turan.
Gaaffiin kunimmoo erga Ministirri Muummee Abiy Ahimad aangootti bahanii cimeera.
Godinooti naannicha keessa argaman keessaa hedduun naannoo of danda’e ijaaruu gama mana maree isaanii murtee dabarsanii turan.
Waggoota muraasa darban naannoleen haaraa sadii hundaa’uu hordofee yeroo ammaa naannichi afurritti qoodameera.
Akka biyyaattimmoo miseensonni federeeshinii Itoophiyaa gara 12’tti ol guddateera.
Haa ta’u malee, ummatiifi namoonni siyaasaa naannolee haaraa keessa hunda’an ammallee naannoo ofii hundeessuuf gaaffii kan dhiheessaa jiran jiru.