Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Naannoo Kibbaatti gandi tokko guutuu akkamiin refarandamiif sagalee otoo hin kenniin hafe?
Amajjii 29/2015 A.L.I naannoo Itoophiyaa 12ffaa hundeessuuf Naannoo Kibbaatti godinaalee shaniifi aanaalee addaa jaha keessatti refarandamiin adeemsifameera.
Kanneen sagalee kennan buufataalee kuma 3 fi 771tti filachaa oolaniiru.
Buufata filannoo tokko keessatti garuu waan addaatu tahe.
Buufatichi sa’atii eegamutti banamee, warreen haala mijeessan achitti argamanillee, ganamaa hamma galgalaatti namni sagalee kennu tokkollee hin deemne ture.
Namoonni filannoo kana raawwachiisan hammuma yeroon deeme filattoonni dhufu jedhanii eeganillee otoo hin tahini hafeera.
Jiraattonni sagalee akka kennaniif bulchaan aanichaa akka waliigalan gochuu yaalaniiru.
Jiraattonni garuu tole hin jenne. Korojoon filannoos qullaa deebi‘eera.
Kunis kan tahe aanaa addaa Burjii ganda Daal’oo jedhamutti dha. Daal’oon aanaa addaa kana keessa gandoota jiran 27 keessaa tokko dha.
Kuni akkamiin tahe?
Dhuma Amajji darbe godinaalee Konsoo, Walaayittaa, Kibba Oomoo, Gaamoo, Geedi’oo fi Goofaa akkasumas aanaalee Burjii, Baaskeettoo, Amaaroo, Ba’aalee fi Daraashee keessatti naannoo haaraa hundeessuuf reefarandamiin adeemsifameera.
Reefarandamii kanarratti sagalee kennuuf namoonni miiliyoona sadii ol galmaa’aniiru, kanneen keessaa kuma 36 kan tahan aanaa addaa Burjii keessa kan jiraatani dha.
Kanneen keessaa jiraattoonni ganda Daal’oo 851 tahan duula filannoo geggeefameen booda kaardii filannoo fudhataniiru- namni tokkollee sagalee kennuu baatus.
Sagalee kennuuf jiraattootni galmaa’an, ‘’gaaffiifi rakkoo gandicha keessa jiru ijaa nuu hin hiikamneef reefarandamii irratti hirmaachuu hin feenu,’’ jechuun hafuu isaanii gaafas Arbaamincitti ibsa kan kennan walitti qabduun Boordii Filannooo Itoophiyaa Birtukaan Midhagsaa dubbataniiru.
Jiraattota Daal’oo maaliif filannoo irratti hin hirmaanne jechuun BBC’n gaafateera.
Ganda kana keessatti dhalatanii kan guddataniifi maqaan isaanii akka hin eeramne gaafatan rakkoon keenya waggaa dheeraa dhageettii gatii hin arganneef murtoo kanarra gahuu dandeenye jedhan.
Akka isaan jedhanitti lafti jiraattonni gandichaa itti fayyadamaniifi kan namooti dhuunfaa muraasas bulchiinsa gandaa ollaatiin jalaa fudhatameera.
Kan tahuusaan namoonni lafa qonnaa mataa isaanii hin qabne rakkoof saaxilamaniiru.
‘’Kana dura boqolloofi misingaa facaasna ture. Isaan humnaan maasiin kan keenya jechuun fudhataniiru. Lafti bal’aa dha. Amma lafa kana dhorkamnee, beelarra jirra,’’ jedhaniiru.
Himannaan kuni kan irratti dhiyaatu ganda Bannoo yoo tahu, lameenuu saba Burjiiti.
''Rakkoo kana kan uumu hogganoota dha. Gandi lameenuu afaaniifi sabni keenyi tokkuma. Uummanni lola hin qabu,’’ jedhu.
Jiraataan biraa maqaan isaanii akka hin eeramne fedhan, jiraattonni gandichaa baayyee firooma dhiigaa qabu. ‘’Abbaan as, ilmi achi kan jiru fa’itu jiru. Rakkoon kunis waaggaa 15 ol taheera,’’ jechuun ibsu.
Jalqaba gandi Bannoo, ‘’daangaa darbee lafa keenya yeroo fudhatu dhiisaa yeroo jennu namni hidhamaa ture,’’ kan jedhan jiraataan kuni namoonni mana jireenyaa akka ijaarratan dubbatu.
Jiraataan sadaffaa amma naannicha hongeen akka jiru himuun gandicha keessa lafti qotamu gahaan ijaa hin jirreef rakkoo kana ittuu akka hammeesse dubbata.
Lafti biraa fudhatame jedhamu ‘’bishaan cinaa’’ kan jiru dha. ‘’Baayyee lalisaa dha,’’ kan jedhu jiraataan kuni muduraan kanneen akka habaabaa achitti biqilu.
Dubbii salphaatti hiikamuu danda’u, bulchiinsi gandichaa xiyyeeffannoon kennuu dhabuurraan kan ka’e ‘’hamma walitti dhukaasuurra geenyeerra,’’ jechuun ibsaniiru.
‘’Rakkoon yaaddessaa dha,’’ kan jedhan gandaa hanga naannoo rakkoo kana hiikuuf yaaliin taasifameeras jedhu.
Gandarraaa deebii argachuu baatanillee, manni murtii waliigalaa Naannoo Kibbaa lafti akka deebi’u murteessuus hojiitti garuu hin hiikamne jedhan.
Aanaa Burjiitti itti gaafatamaan waajira Badhaadhinaa Obbo Daanyee Hidoo immoo gaaffiin ka’u, ‘’kan harbeeffameefi kaan immoo soba,’’ jedhan.
Tahus jiraattonni irra deddeebiin komii dhiyeessuu mirkaneessaniiru. ‘’Dhimma kana jiraattoota daangaa gandichaa malee bulchiinsi aanaa hin beeku,’’ kan jedhan ittii gaafatamaan kuni mootummaan irratti hojjechaa jira jedhaniiru.
Manni murtii waliigalaa Naannoo Kibbaas ganda Daal’oodhaaf haa tahu jedhee hin murteessine jedhan.
Tahus jiraattonni komii isaanii ibsachuudhaaf jecha reefarandamiii irratti hin argamiin hafan.
Refarandamii Naannoo Kibbaafi murtoo jiraattota Daal’oo
Jiraattoonni kunneen komiin isaanii akka xiyyeeffannoo argatuuf, yeroo reefarandamiin adeemsifamu irraa hafna yaadni jedhu nama tokkoon dhiyaate.
Dhimmicha irrattii marii’atanii namni tokkollee gara buufata filannoo akka hin deemne tahe.
‘’Dubbiin as nu bira jiru otoo hin hiilkamiin Naannoon yoo hundaa’ee maal nu fayyada,’’ kan jedhurraa madde yaadichi.
Jiraattonni bulchitoonni aanaa, ‘’rakkoon akkasii yeroo jiraatu ni furama jechaama nu gowwamsu malee qabatamaan hojiirra hin oolchan’’ jedhu.
Kanaafi, ‘’uummanni gandaa wal-tumsee, reefarandamii irraa kan hafe,’’ jedhu jiraattonni.
Sababa kanaanis bulchaan godinaa jaarsolii biyyaa otoo hin hafiin ‘’isintu kana qindeessa’’ jechuun doorsisaa turanii. Bulchaa gandaa akka hidhanis sodaachisaa turaniiru jedhu.
Obbo Daanyee Hidoon garuu,’’ kuni soba’’ jedhaniiru. Iddoo sanatti argamuun jiraataan akka filatuu yaaluu himanii. ‘’Doorsisa inni jedhan garuu hamii dha,’’ jedhan.
Akka isaan jedhanitti reefarandamii irratti hirmaachuu dhiisuun, ‘’garaagarummaa guddaa hin fidu,’’ qaamni uummanni mirga demookiraasii isaa akka hin fayyadamne godhe garuu ilaalamuu qaba jedhaniiru.
Rakkoo kana hiikuuf aanicha garee hundeessee hojjechaa kan jiru tahuu himuun, ‘’gaaffii bubbule guyyaa tokkoon haa hiikamu jechuun waan tahu mitii,’’ jedhan.
‘’Reefarandamii booda gareen hundeessine gadi bu’ee murtoo ni kenna jenneenii ture,’’ jedhan.
Lafti madda walitti bu’insaa tahe hojiirra akka hin oolleef dhorkameera. Kuni tahuun rakkoo uume hin qabu kan jedhan Obbo Daanyeen, ‘’naannichatti lafti qotamu dhibeetii?’’ jechuun gaafatu.
Itti gaafatamichi, ‘’dubbii kana keessa dhimmi biraa jira,’’ jechuun maal akka tahe garuu dubbachuurraa of qusataniiru.
Koomishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ogeessota bobbaasuun reefarandamii Naannoo Kibbaa yeroo taajjabetti, ‘’yaaddessaa’’ jechuun kan ibse tokko jiraattonni kunneen reefarandamii irratti hirmaachuu dhabuu isaaniiti.
Rakkoon aanaafi ganda kana gidduu uumame kan hammaate fakkaata. Jiraattonni gandichaa, ‘’lafti baayyee nu barbaachisa. Saffisaan furmaatni nuuf haa kennamu,’’ yoo jedhan, aanaan immoo, ‘’nu harkarraa hojii baayyeetu jira, adeemsaan hiikama,’’ deebii jedhu kenneera.
Reefarandamiin dura rakkoon ture erga filannoon boodas itti fufullee, jiraattonni ganda Daal’oo Itoophiyaa keessa haala hin baramneen komii dhageessisuu itti fufaniiru.