Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Barsiisonni Maqalee miindaan ji'a 17 waan isaaniif hin kaffalamneef hojii dhaabuun mormiitti jiru
Magaalaa guddoo nannoo Tigraay, Maqaleetti barsiisonni manneen-barnootaa mootummaa keessa abrsiisan ji'oota 17f miindaan waan isaaniif hin kaffalamiin jiruuf erga hojii dhaabuun mormii jalqabanii torban sadii guuteera.
Hoogannaan Biiroo BarnootaaNaannichaa Dr. Kiroos Guhuush gama isaatiin barsiisonni hojii dhaabuun mormii gaggeessaa jiran akka hojiitti deebiyaniif akeekkachiiseera.
Mormii barsiisonni itti jiran hordofee manneen-barnootaa 33 keessatti haalli baruufi barsiisuu gufatee jira.
Kutaaleen bulchiinsaa afur magaalattii keessa manneen-barnootaa jira hunda keessatti barumsi guugtummaan guutuutti dhaabbachuu isaa maddeen BBC ibsaniiru.
Barsiisonni BBCn dubbise miindaan ji'oota 17 osoo hin kaffalamiiniif waan jiruuf, "rakkoo finagdee hamaatiif" saaxilamuu ibsu.
Barsiisaan akka maqaan isaa hin eeramne barbaadu tokko baatii Fulbaanaa keessa kaffalataa miindaa kana waliin walqabsiisee aanga'oota nananichaa waliin walga'iin gaggeeffamuu isaa yaadateera.
Barsiisaan kun itti dabaluun, "ji'a Fulbaanaa keessa walga'ii aanga'oota kutaa bulchiinsa magaalaatii hanaga bulchiinsa yeroo waliin taasifameen wantonni abdii namatti hiran turaniiru," jechuun walga'ii Fulbaanaatiin booda miindaan ni kaffalama abdii jedhu akka qabu turan hima.
"Gaaffii keenya karaa seera-qabeessa taheen dhiyeessaa turreerra [haata'u malee] deebiin qabatamaa ta'e hin jiru," kan jedhu barsiisaan kun, "gaaffileen Waldaa Liqaafi Qusannaa Daddabiit, Humna Ibsaarraa dhufu garuu jireenya barsiisaa qoraa jiru," jechuun rakkoo barsiisonni magaalatttii keessa jiran dubbate.
"Filannoon jiru godaanuu waan ta'eef amma mormiitti seenne," jechuun sababa mormii gaggeessaa jiraniif hima.
Barsiisaan biraa barsiisaan miindaa malee akkamiin jiraata jedhe tokko ammoo, "dhumarratti obsi isaa dhumee qaala'insa jireenyaan, kiraa manaafi gabaa yeroo yeroon jijjiiramuu baachuu hin dandeenye. Sadarkaa dhukkubsatee wallaanamuu hin dandeeenye, ijoollee isaa sirnaan guddifachuu hin dandeenyerra waan gaheef gara hojii dhaabuun mormuutti galame," jechuun aarii isaa BBCtti dubbate.
Barsiisonni waggoota darban keessa dhaabbileen mootummaa liqaa dhiyeeessan akka Waldaa Liqaafi Qusannoo Daddabiitirraa liqaa fudhatan kaffaluudhaaf harki isaan gabaabbateera.
Kiraan manaa dachaa meeqa akka isaaniirra ta'e kan kaasan barsiisonni kunneen, miindaan isaanii osoo hin kaffalamiin ture yoo xiqqaate suuta suutaan akka isaaniif kaffalamuuf gaachuurratti argamu
Gaafiin isaa deebii kan dhabe barsiisonni tokko tokko fuula isaanii gara hojii biraatti naanneffataa jiraachuus BBCtti himaniiru.
"Haalii kun rakkisee bariisonni hojii isaa jijjiire, daldala daandiirraa kan jalqabe, hojii humnaa hojjetan jiru," jechuun dubbata barsiisaan tokko. Sababiin isaa ammoo miindaa kanaan jiraachunis waan hin danda'amneef baayyee sadarkaa abdii kutuurra gahaniiru," jechuun waan keessa jiran ibsa.
Barsiisaan biraa tokko gamasaatiin, " liqaa kuusaa midhaaniifi maatiirraa fudhanne kaffaluudhaaf miindaan nu hin gahu. Karaan ittiin akan kaffalu osoo nuuf uumamee dhiibbaan hamilee keenyarra gahaa jiru nuuf hir'ata ture. Amma garuu barsiisaa baayyee gungumu, gaddutu uumamaa jira. Kanaan ammoo barsiisaafi hawaasichatu miidhama," jechuun BBCtti dubbate.
Dhimma kanarratti aanga'oota naannoo Tigraay isaan ilaallatu argachuuf yaaliin taasifne hin milkoofne.
Haata'u malee, Biiroon Maallaqaa Naannichaa mootummaa Federaalaarraa baajati waan hin ergamiiniif hanqina bajataa miliyoona 300 ta'u uumameen kaffaltaa miindaa hojjetootaa kaffalamuu akka hin dandeenye beeksiseera.
Hooganaan Biroo Barnoota Tigraay Dr. Kiroos gamasaatiin, barsiisonni hojii dhaabuun mormaa jiran gara hojiisaaniitti deebiyuu akka qaban hubachiisaniiru.
"Dr, Kiroos, "Gaaffichi sirriidha, gaaffii keessan gaafachuu itti fufaa. Garuu ammoo 'hojii dhaabeen gaafadha' jennaan kan miidhamtu Tigraayidha, miidhaan nurra gahe gahuu dhabee daa'immanirraan badiifi miidhaa biraa raawwachuun hin ta'u," jechuun BBCtti dubbate.
Biiroon Barnoota naannichaa rakkoo kana furuudhaaf mootummaa Federaalaa waliin dubbachaa akka jiru hubatanii barsiisonni gara hojiisaaniitti akka deebiyaniif Dr. Kiroos gaafateera.
Televizhiniin Tigraay hooganaa Biiroo Maallaqaa naannichaa Dr. Mihret Bayyanaa eeruun baajanni yeroo dhumaatiif mootummaa Federaalaa irraa kan ergame waggaa afur dura ta'uu isaa gabaaseera.
Kana hordofees miindaa hojjetootaa kaffaluudhaaf mootummaan Federaalaa liqaa gaafachuu isaas gabaasa televizhinii naannichaa keessatti ka'eera.