Hiriirri nagaa Finfinneetti hafe Dilbata dhufu Maqaleetti gaggeeffamuufi

Namoonni siyaasaa torban sadii dura magaalaa Finfinneetti hiriira nagaa waamanii garuu hin gaggeeffamiin hafe Dilbata dhufu magaalaa guddoo naannoo Tigraay, Maqaleetti hiriira walfakkaatu gaggeessuuf jirra jechuun BBCtti himan.

Qindeessitoonni kunneen hiriiricha akka gaggeessan bulchiinsa magaalaa Maqaleetti beeksisuu isaanii yoo ibsan, bulchiinsi magaalichaa gamasaatiin, “hiriiri magaalichatti gaggeeffamu hin jiru,” jedheera.

Hiriira Dilbata dhufu A L I Mudde 21, 2016 magaalaa guddoo naannoo Tigraay, Maqaleetti gaggeeffamuuf karoorfame qindeessaa kan jiran, paartilee siyaasaa kudhan A L I Sadaasa 30, 2016 hiriira nagaa Finfinneetti gaggeeffamuuf ture warra waamedha.

Namoota siyaasaa kanneen keessaa aanga’oonni Paartii Warraaqsa Ummata Itoophiyaa (PWUI), akkasumas torban darbe Paartii Siyaasaa ta’ee beekamtii kan argate Paartii Tinsaahee Sabihaa Indartaa keessatti argamu.

Miseensa duraanii IZEMA kan ta’an Obbo Yashiwaas Asaffaa fi Obbo Naatinaa’el Mokonnon dabalatee yeroo ammaa kana namoonni siyaasaa dhuunfaan socho’an miseensa koree qindeessituu hiriira nagaati.

Hiriirrri Finfinneetti waamame yeroo dhiyaatetti namoota siyaasaa kanneen keessaa afur humnoota nagaa mootummaatiin to’atamaniiru. Qindeessitoonni sababa “dhiibbaa mootummaatiin” jedhuun hiriiricha dheeressuu ibsuun isaanii ni yaadatama.

Haata’u malee, koreen kun hiriira walfakkaatu magaalaa Maqaleetti gaggeessuudhaaf “garee giddu-galeessicha [koree] waliin wal dubbisu” naannoo Tigraay keessatti hundeessuu isaa miseensa koree kanaa kan ta’an dura ta’aan PWUI Piroofeesarri gargaaraa Zinaabuu Abarraa BBCtti himaniiru.

Koreen magaala Maqalee jiru gaafa Amajjii 5, 2016 A.L.Itti hiriirri gaggeeffamuuf akka jiru waajjira kantiibaa magaala Maqalee xalayaan beeksisuu Obbo Yisaaq BBCtti himan.

Xalayaa qindeessitoonni hiriirichaa galchan irraa BBCn akka hubatetti, kaayyon hiriira kanaa gaaffilee sadi gaafachuuf akka ta’eedha.

Gaaffin jalqaba xalayicharratti taa’e, “Guutummaa Itoophiyaatti sababa eenyummaasaanin dhalattoonni Tigraayifi saboonni biroo hidhamanii jiran haa hiikaman” kan jedhu yoo ta’u, namoonni buqqa’an qe’eesaanitti haa deebi’an kan jedhus gaaffiisaanii kan biraati.

Waraanni haa dhaabatu kan jedhus hiriira kanarratti gaaffii dhiyaatu keessayi. “Garaa garummaan siyaasaafi rakkoolen naannofi biyyattii keeessa jiran marii siyaasan haa furaman,” kan jedhu xalayaa qindeessitoonni hiriirichaa sadan irratti mallatteessan keesati eeramee jira.

Hiriirri kun ka’uumsifi dhumnisaa adda babahii Roomanat yoo ta’u, namoonni 100,000 irratti hirmaatu jedhamee eegama jedha xalayaan kun.

Kanneen xalayaa kanarratti maqaansaanii eerame keessaa tokko kan ta’an Obbo Amaanu’eel Haduush, “Hiriirri akka gaggeeffamu kantiibaa magaala Maqaleef beeksifneerra. Deebii gaaritu buuf kenname. Deebii gaarii nuuf kenname kana qabannee qophii mataa keenyaa tokko tokko taasisaa jirra,” jedhan.

Xalayaa qindeessitoonni hiriirichaa galchan irratti deebin, “qaamolee nageenyaa waliin walii galuun bakkafi yeroo jedhametti sagantaa qabame mirkaneessun gaafficha fudhachuu keenya ni mirkaneessina,” kan jedhuufi irratti mallataa’ee jira.

Haa ta’u garuu, deebin kun waajjira mootummaatii kennamuufi dhiisuu qaama mootummaarraa waan mirkaneeffate hin qabu.

Kantiibaa magaala Maqalee kan ta’an Obbo Yitbaarak Ammahaa dhimma hiriira gaggeeffamuuf jiruu gaafannee ammatti magaala keessa akka hin jirre himuun deebii kennuu akka hin dandeenye BBCtti himan.

Waajjira Nageenyafi Tasgabbii magaala Maqaleerraa mirkaneeffachuuf yaalin BBCn godhe hin milkoofne.

Biiron Dhimmoota Komunikeeshinii magaalaa Maqalee garuu fuula marsariitii isarratti guyyaa jedhamerra hiriirri gaggeeffamu akka hin jiraanne beeksiseera.

Biiroon kun xalaya aguyyoota lama dura maxxanseen, “magaalaa Maqaleetti hiriirri nagaa gaggeeffamu akka hin jiirre eeruun, qaamoleen nageenyaa hordoffii cimaa akka taasisan ni beeksifna,” jechuun hiriiricha beekamtii bulchiinsa magaalichaa akka hin qabne ibseera.

Qindeessitoonni hiriirichaa Obbo Yisihaaq fi Obbo Amaanu’eel xalayaa kana fuula miidiyaa hawaasaarratti arguu isaanii BBCtti himaniiru. Haata’u malee, xalayichi kan barreeffame dhaabileen sabaa-himaalee naannicha keessa socho’anii ta’uu eeruun, “nuun xalayaan nu qaqqabe hin jiru,” jedhan.

“Eenyurraa akka ta’e [beekuu baadhus] xalayaa barreeffame argeera. Garuu [hiriirichi akka gaggeeffamu] kan gaafate nudha; deebinis kennamuu kan qabu nuufidha. Akka Heera mootummaatti [hiriirichi] dhorkuun hayyamamaa ta’uu baatus ‘dhorkineerra’ kan jedhu yoo ta’e nu warra qindeessitoota barreeffamaan gaaffii kan dhiyeessine Maqalee keessatti argamnuuf deebii kennuu qabu ture,” jedhan.