Waraana Sudaan: Daarfuuritti daa'imman beelaafi du'a gidduu jiru

Dubartiin ijjishee gaddaan guuteefi sagaleenshee qallate kun namoota miiliyoonaan lakkaa'aman sababa waraana Sudaaniin qe'eesaanirraa buqqa'anii kaampiiwwan keessa jiran keessaa tokko.

Waraanni waliinii humna dafee qaqqabaa(RSF) fi waraana biyyaalessaa gidduutti erga ka'ee waggaa guuteen rakkoo dhalate Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii ''rakkoo beela isa hamaa addunyaati'' ittiin jedheera.

Qiismaa Abdirahmaan deeggarsa namoomaa argachuuf hiriira suuta socho'urra jirti. Garaanshee garuu achi hin jiru.

Akka isheen jettutti ijoolleenshee sadii hanqina nyaataafi dhibeedhaan ji'oota afur keessatti lubbuu dhabaniiru.

Haati kun Kaaba Daarfuur kaampii baqattootaa Zamzam keessatti buqqaatota kaan waliin qubatteetti.

Waraanni gaaga'aan Sudaan kun waggaa lammaffaatti ce'aa jiraachuun yaaddoo fi dararaa hammeesseera.

Dhaabbatni deeggarsa fayyaa, Médecins Sans Frontières (MSF) Amajjii darbe kaampii kanatti garaagartummaa sa'aa lamaan daa'imni tokko du'aa jiraachuu bira gahuu ibse.

Hanqinni nyaataa, bishaan dhugaatii, waldhaansa fayyaa gahaafi dhibeewwan waldhaanamuu danda'aniin ijoolleen dhumaa jiraachuu ibse.

Daarfuur keessa dhaabbatni gargaarsaa takkittiin achitti hafe dhaabbata MSF kana qofa.

Dhaabbatichi daa'immaniifi haadholii saaaxilamoo adda baasuuf qorannoo godhee bu'aasaa BBCf qodeera.

Akka bu'aa qorannoo kanaatti daa'imman umrii shanii gadii 10 keessaa sadii hanqina nyaata madaalawaan miidhamaniiru.Haadholii ulfaafi hoosisan keessaa tokko sadaffaanis rakkoo walfakkaataa keessa jiru.Balaa hammaataatu dhufaa jira jechuun akeekkachiise.

Sudaanitti hoogganaa Oppireeshinii MSF kan ta'an Abdallaa Huseen sadarkaan rakkoon kun irra jiru balaa hanqina nyaata madaalawaa isa hamaadha jedhamee madaallii kaahametti dachaa lama ta'aa jedhu.

''Ijoollee hunda Daarfuuritti qaqqabuu qabnu bira hin geenye, Kaaba Daarfuurille. ammayyuu waayee kaampii tokkoo haasofna'' jedhan.

Gaazexessitoota biyya biraaf Daarfuur keessa galuun akkaan rakkisaadha, dhaabbileen gargaarsaas akkasuma.

Qiismaa Abdirahmaan seenaashee gaddisiisaa abbaa kaameraa naannoosan jirutti himte.

Ijoolleeshee hospitaal geessuuf ykn qoricha bituuf akka hin dandeenye himti.

''Mucaan koo jalqabaa faarmaasiidhaa osoo manatti deebi'aa jirruu du'e, kan lammataa guyyaa jaha booda sababa hanqina nyaataan du'e.''

Kutaa Daarfuur kaampiin Zamzam keessa jiru waraana waggoota 20 darbaniif adeemaa tureen bakka namootni hedduun itti baqaataniidha.

Waraana waliinii erga eegalee waggaa guuteen walqabatee ammoo humni dafee qaqqabaa, RSF, kutaalee Daarfuur baayyee to'achuurraa kan ka'e dhaabbileen gargaarsaa naannichi gadhiisanii bahuuf dirqamaniiru.