Waldhabdee Darfuuriin namoonni 700 ajjeefaman - UN

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti dhaabatti godaansa akka jedhutti, Sudaan naannoo Daarfuur Lixaa keessatti waldhabdee humna waraanaafi RSF gidduutti gaggeefamaa jiruun namoonni 700 ta’an ajjeefamaniiru.

Kunis kan uumame torban darbe El Jeniina keessatti yoo ta’u, namoonni 300 biroon achi buuteen isaanii dhabameera.

Dhaabbanni mirga namoomaa naannichaa akka tilmaamutti, Jimaata darbee eegalee Daafrue Lixaa keessatti namoonni 1,300 ta’an ajjeefamuu malu, hammeenya kanaafis humna addaa RSF himateera.

Kun kan dhufe yeroo RSF naannichatti to‘annoo isaa babal’isaa jiruttidha.

Namoonni ijaan argan humni addaa RSF’fi michoota isaanii naannolee to’atan keessatti namoota Arabaa hin taanee irratti xiyyeeffachaa jiraachuun himatu.

Gartuun Daarfur Lixaa keessatti mirga namoomaaf falmu, Dhaabbati Mirga namoomaa fi to’annoo sarbamaa The Roots jedhamu, wiirtuulee buqqaatotaa weeraruufi haleellaa gaggeessuun RSF himateera.

Kanaan dura RSF himata walfakkaataa haaleera. Dabaluunis RSF waan “waldhabdee gosaa” jechuun hime keessatti akka hin hirmaanne ibseera.

Akka dhabbileen gargaarsa jedhanitti, guyyootii dhiyoo keessa namootni kumaatamaan lakkaa’aman gara biyya olla Chaaditti baqataniiru.

Erga Ebla keessa RSF fi humna waraanaa mootummaa Sudaan gidduutti lolli eegalee as namootni miiliyoonaa shaniif walakkaa ta’an qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru jedhamee yaadama.

Dhaabbanni Haakimota Daangaa maleeyyii (MSF) akka jedhutti, guyyootii sadan darban keessatti namoonni 7,000 gara daangaa Chaad seenan keessa harki caalaan isaanii dubartootaa fi ijoollee harka qullaa baqatanidha.

Naannichatti dhimma mirga namoomaa kan hordofan Hatiim Alii, erga RSF fi milishoonni isaan deeggaran farda, gaalaa fi doqdoqqee qabatanii seenuun Erdamtaa to’atanii booda gara Chaaditti baqachuusaanii himan.

RSF Daarfur keessa kan ijaarame yoo ta’u, erga waraanni bara kanaa eegalee hawaasaa Arabaa hin taane irratti haleellaa hamaa raawwachuun himatameera.

Jalqaba ji’a kanaa eegalee, gartuun RSF Daarfuur keessatti daangaa hedduu qabachuun, bulchiinsota naannichaa shan keessa afur to’ateera.

Akka Rooyitars gabaasetti, dhukaasa dhaabuuf jecha yaaliin marii nagaa Saawudii Arabiyaan taasifame hin milkaa’iin hafeera.

Dhaabbatni baqattootaa UN akka jedhutti, Sudaan keessatti rakkoon namoomaa uumamaa jiru “kan yaadamuu hin dandeenyedha.”