MM Itti Aanaa Dammaqaa Mokonnin Itti-gaafatamummaa Paartii Badhaadhinaarraa gaggeeffaman

Madda suuraa, AMICO
Paartii biyya bulchaa jiru, paartii badhaaninaatti Itti Aanaa Pirezidantii kan ta'an Ministirri Muummee Itti Aanaa fi Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Obbo Dammaqaa Mokonnin itti gaafatamummaa paartiirraa kaafaman.
Koreen Giddugaleessaa paartichaa akka ibsetti, ''qajeeltoo bakka walbuusuu fi sirna hojimaataa paartichaa hordofuun,'' Obbo Dammaqaan gaggeeffamaniiru.
Bakka Obbo Dammaqaa Daarektara Olaanaa Nageenya Odeeffannoo fi Tika Biyyaalessaa fi miseensa koree hoji raawwachiistuu paartii badhaadhinaa Obbo Tamasgeen Xurunaatu bu'an.
Obbo Dammaqaan aangoo paartichaa gadhiisuun isaanii biyyattii keessatti aangoo mootummaa amma irra jiran- MM Itti Aanaa fi Ministira dhimma alaarraas ka'uu akka danda'an agarsiisa.
Obbo Dammaqaa Mokonnin waggaa dheeraaf Ministira Muummee Itti Aanaa ta'uun hojjetaa erga turanii booda Ministira Dhimma Alaa biyyattii ta'uun Obbo Gadduu Andaargaachoo irraa baallii fudhatan.
Yeroo paartii Adda Dimokiraatawaa Warraaqsa Uummattoota Itoophiyaa fi bara aangoo paartii badhaadhinaas aangoo ijoo qabatanii kan turan Obbo Dammaqaan, Ministira Muummee Abiy Ahmaditti aanuun qondaaltota paarticha hoogganan lama keessaa tokko.
Obbo Dammaqa Mokonnon eenyu?
Bara 1980 A.L.I Yunivarsiiti Finfinneerraa Baayolojiidhaan digrii isaanii jalqabaa argatan. Digrii lammataa wal-dhabdee hiikuutiin fudhataniiru.
Obbo Dammaqaan bara 1980 keessa ADWUI’tti kan makaman yoo tahu waggoota muraasaan booda mana maree naannoo Amaaraatti miseensa tahan.
Bara 1997 A.L.I Mootummaa Naannoo Amaaraatti pireezidantii itti aanaa tahuun filataman, waggaa itti aanutti koree hojii raawwachiistuu paartii Warraaqsa Demookirsawaa Saba Amaaraa keessatti miseensa tahuun filataman
Obbo Dammaqa Mokonnoon bara 2005tti ittigaafatamaa ittaanaa paartii ADWUI tahuun erga filatamanii jalqabee minister mummee ittaanaa tahuun tajaajilaa turaniiru.
Qondaalli mootummaa duraan barsiisaa turan gara aangootti dhufuun dura ministara barnootaa tahuun hojjetaniiru.
Yeroo ammaa miseensa paarlaamaa kan tahan Obbo Dammaqaan Paartii Badhaadhinaa keessaa akka bahan gaafa himan, ministara hajaa alaa biyyattiifi ministira mummee ittaanaa tahuun tajaajilaniiru.












