Lammiilee Itoophiyaa dabalatee kanneen US ari'atamuun Paanaamaa geeffaman rakkataa jiraachu himan

Ameerikaan godaantota biyyasheetii baasa jirti. Kunneen Venezuweelaa yeroo gahanidha.

Madda suuraa, Getty Images

Lammiilee Itoophiyaa dabalatee godaantonni Eeshiyaa fi Afrikaa hedduun magaalaa Paanaamaa hoteela qananiin guutame keessatti erga itti cufamuun karaa foddaa gargaarsa kadhachuu eegalanii ji'a tokkoon ol ta'eera.

Jarreen kunneenis US irraa gara magaalaa guddoo Paanaamaa, biyya kibba Ameerikaa Giddugaleessaatti argamtutti ari'amuudhaan kan abdii tokko malee ukkaamfamanii argaman.

Isaan keessas dhiirota, dubartootaa fi daa'imman biyyoota kan akka Itoophiyaa, Ertiraa, Somaaliyaa, Iraan, Afgaanistaan, Neepaal, Paakistaan, Kaameeruun, Chaayinaa fi Raashiyaa akka ta'an sochiin amantaa 'Fe y Alegría' ibseera.

Dhaabbatichi yeroo ammaatti godaantota kanneen keessaa 51 magaalaa guddoo biyyattii keessatti keessummeessaa jira.

Akka lakkoofsa dhiheenya kana mootummaa Paanaamaa irraa argameetti, godaantota waraqaa hin qabne 299 US irraa garasitti ari'aman keessaa 192 kan ta'an fedhiisaaniitiin gara biyyoota dhalootaasaanii deebi'uuf waliigalaniiru.

Isaanis hayyamni namoomaa yeroo guyyoota 30'f kan kenname yoo ta'u, kunis guyyoota dabalataa 60'f dheerachuufii danda'a. Yeroo sanaan booda ammoo Paanaamaa keessaa ari'amuu danda'u.

BBC'n namoota ari'aman kanneen keessaa sadii; lammiilee Iraan lamaa fi lammii Afgaan tokko dubbiseera.

Sadan isaaniiyyuu gara biyya isaaniitti deebi'uun filannoo akka hin taane waliigalu.

"Bara 2022tti amantii koo jijjiiree Kiristaana ta'uuf murteesse. Iraan keessatti adabbiin isaa ammoo du'a" jechuun Artemis Ghasemzadeh BBC'tti himteetti.

Mootummaan Paanaamaan godaantonni gara biyya isaaniitti deebi'uu hin dandeenye biyya sadaffaa isaan simachuuf fedhii qabdu argachuu akka qaban ibseera.

Warri BBCn dubbate garuu bakka dhaqan biraa hin arganne.

Artemis Ghasemzadeh
Ibsa waa'ee suuraa, Artemis Ghasemzadeh lammii Iraan amantii Kiristaanaa fudhate, amma US keessaa ari'amtee Paanaamaan jirtuudha

Attamiin gara Paanaamaa adeeman?

Artemis erga mootummaan Iraan waldaa kiristaanaa lafa jalaa arguudhaan hiriyyootashee lama to'annaa jala oolcheen booda Iraan baqatte.

Shamarreen Iraan Maahsaa Amini jedhamtu kan hijaaba sirnaan uffachuu dhabuun erga hidhamtee reebamte ajjeefamtee as ''Iraan keessatti hijaabaan walqabatee rakkoo guddaa akkashee mudate'' BBCtti himte.

Arteemis US ga'uudhaaf jalqaba gara Yunaayitid Arab Emireets, achiis gara Kooriyaa Kibbaatti, dhumarrattis gara Meksikoo balaliite.

Isheenis koolu galtummaa gaafachuuf jecha obboleessa ishee angafaa waliin daangaa Ameerikaa fi Meeksikoo seeraan ala qaxxaamurtee.

Kaalifoorniyaa Saan Diyeegookeessatti sakatta'iinsa gaggeeffameen eegdoota daangaatiin to'annoo jala oolte.

Guyyoota muraasaan booda isheen fi godaantonni biroo hedduun gara Teeksaasitti akka geeffaman itti himame, garuu gara magaalaa Paanaamaan geeffaman.

Paanaamaan qaama waliigaltee bulchiinsa Tiraamp waliin taasifameen godaantota akka Artemis 299 ofiitti fudhatte.

BBCn waliigaltee kanaa ilaalchisuun bal'inasaa argachuuf mootummaa Paanaamaan fi Ameerikaa qunnamus deebii hin arganne.

Godaantonni kunneen jalqabarratti torban tokkoof Hoteela qananiin guutame 'Decápolis' jedhamu keessa kaa'aman turan.

Yeroo sanatti Ministirri Nageenyaa Paanaamaan Firaank Abregoon akka hin hidhamne garuu ''eegumsa isaaniif yeroof to'annaa keenya jala akka jiran'' fi to'annoo dhaabbilee Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii jala akka jiran dubbataniiru.

Pirezidantiin Paanaamaan, Joozee Raawul Mulinoo Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa, Maarkoo Ruubiyoo

Madda suuraa, EPA-EFE/REX/Shutterstock

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidantiin Paanaamaan, Joozee Raawul Mulinoo Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa, Maarkoo Ruubiyoo: Paanaamaan waadaa Tiraamp Sulula Paanaamaan "deebisee fudhachuuf" galan hordofuun dhiibbaa irra ga'aa turte
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haata'u malee, godaantota Afgaanistaan ​​BBC waliin dubbate, "hoteela sana keessatti akka hidhamtootaa turre" jedheera.

"Balbala kutaarratti eegdonni tikaa, poolisii fi ergamtoonni immigireeshinii turan."

Suuraaleenis godaantonni kunneen hedduunsaanii karaa foddaa hoteelichaatiin gargaarsa kadhachaa akka turan agarsiisu.

Namoota hotelaan alaa jiran waliin akka wal hin qunnamne dhorkamuu ykn abukaatoo akka hin arganne dhorkamuu isaaniitu himama.

"Namoonni kunneen miidhamtoota hojimaataa akka tasaa raawwatamuun battalumaan gara Paanaamaan kan geeffaman yoo ta'u, koolu galtummaa osoo hin gaafatiin, abukaatota osoo argatiinii fi torban hedduudhaaf guutummaatti wal qunnamtii kan hin qabne ta'uu isaan," jedhan dubbatu Ju'aanitaa Goebertus, Ameerikaatti daayreektarri 'Human Rights Watch (HRW)'.

Torban tokko booda ammoo, mootummaan Paanaamaan namoota US ari'aman kanneen keessaa 171 fedhiisaaniitiin gara biyya isaaniitti deebi'uuf waliigaluu isaanii fi US baasii geejjibaa isaanii akka uwwistu beeksise.

Warri deebi'uuf walii hin galle ammoo gara kaampii Saan Viinsentee kan bulchiinsa Darién bakka yeroodhaaf godaantonni US ga'uuf yaalan keessa tursiifamaa tureetti geeffamu.

Kaampii kun magaalaa guddoo Paanaamaan irraa sa'aatii afur fagaatee qarqara bosona hedduu birratti argama.

Baqataan Afgaan tokko, qajeelfama eegdota tikaa hordofuun Hoteela Decápolis fuulduratti otobusii yoo yaabbatu murtee kana hin beeku ture.

"Hoteela keenya jijjiiruuf akka jiran nutti himuudhaan, otobusii nu yaabsiisan, garuu imala sa'aatii saddeet booda bosona 'Darién' keessa akka jirru hubanne," jedha.

Haalawwan sukkanneessaa

Arsaalaan, baqataa lammii Iraan Paanaamaa keessatti argamu
Ibsa waa'ee suuraa, Arsaalaan dhukkuba sukkaaraa gosa 1 akka qabuu fi qoricha isa barbaachisu argachuu akka hin dandeenye BBC'tti himeera

Namoonni sadan BBCn gaaffii fi deebii taasise haalli gaaddisa Darién keessatti mul'atu suukaneessaa ta'uu, nyaanni gahaan naannoo sanatti naanna'u akka hin jirre waliigalaniiru.

"Dhukkuba sukkaaraa qaba, qoricha koos naaf hin kennine. Sukkaarri dhiiga koo baay'ee olka'aa waan tureef namni na gargaare hin jiru. Akka yakkamaa, nama ajjeesutti na ilaalu," jedha Arsaalaan, lammii Iraanis ta'e.

"Nyaanni isaan nuuf kennan nyaata hin fakkaatu ture. Kaampii xuraa'aa ture, bakka hundatti bocaafi jarmiitu ture," jechuun dabalaniiru. "Walumaagalatti, namummaadhaan nu hin ilaalle."

Godaanaan lammii Afgaan kun akka jedhetti, waardiyyaan tokko yeroo hundasaan hordofaa ture, hanga mana fincaanii illee.

Akka mootummaan Paanaamaan jedhutti, Dhaabbanni Godaantota Idil-addunyaa (IOM) fi UNHCR, lamaan isaanii iyyuu dhaabbileen Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, godaantota giddugalicha keessatti kunuunsaa turan.

Dubbi himaan IOM garuu Guraandhala 20 BBCtti akka himanitti, dhaabbatichi achitti argamu hin qabu.

Artemis BBC'tti akka himtetti, dhaabbileen UN Saan Vsentee kan hin galle guyyoota booda qofa.

Daarektarri HRW Ameerikaa godaantonni kun ''haala gahaa hin taane keessatti, bakka itti imalan osoo hin beekin ykn mirga bu'uuraa isaaniitti fayyadamuu osoo hin dandeenye'' hidhamaniiru.

Rakkachuu

Godaantonni kunneen Bitooteessa 8 buufata konkolaataa Paanaamaan keessatti gataman

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Godaantonni kunneen Bitooteessa 8 buufata konkolaataa Paanaamaan keessatti gataman

Godaantonni kunneen torban lamaaf gaaddisa kana keessa kan turan yoo ta'u, mootummaan Paanaamaan guyyoota 30'f biyyattii keessa turuuf hayyama waliin gadhiisuuf karoora qabaachuusaa beeksise.

Awtoobisoonni Immigireeshinii Paanaamaan dhuma torban sanaa gara buufata konkolaataa Albrook magaalaa Paanaamaan geejjibanii achitti gadhiifaman.

Arteemis erga achi geessee yeroo muraasa booda BBC'tti akka himtetti, namoonni biyyaa ari'aman bilisa ba'uu isaaniitti gammaduusaanii, garuu maaltu akka isaan mudatu waan hin beekneef yaaddoo keessa turan.

"Biyya keenyatti deebi'uu hin dandeenyu, biyya biraa argachuu hin dandeenyu, maaltu akka ta'u hin beeknu" jechuun walii galeera lammiin Afgaan.

Haallisaanii daran rakkisaa kan ta'u maallaqa dhabuu, namaa quunnamtii dhabuu fi Afaan Ispaanish dubbachuu dadhabuu isaaniiti.

Yeroo BBC waliin dubbatan godaantonni kunneen magaalaa Paanaamaan hoteela keessa turan.

"Eenyu akka nuuf kaffale hin beeku. Halkan kana hoteela kana keessa akka turan qofa nutti himan. Boru, eessa akka deemnu hin beeknu," jedha Lammiin Afgaan Hoh.

''Buufata konkolaataa magaalaa Paanaamaan, hedduun isaanii bakka bultii akka hin qabne arganne,'' jechuun Goebertus BBC'tti himeera.

Godaantota Darién irraa gara Magaalaa Paanaamaatti deebi'an.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Mootummaan Paanaamaan godaantonni kunneen erga gadhiifamanii booda guyyoota 30'f biyyattii keessa akka turaniif hayyama kenneera

Pirezidantiin Paanaamaan Joozee Raawul Mulinoo jalqaba irratti US waliin waliigalaniiru, Paanaamaan biyya keessummeessituu osoo hin taane biyya "riqicha" namoota biyyaa ari'amaniif akka taatu.

Amma, karoorri jijjiirameera, waan ittaanu kan to'atu aanga'oota Paanaamaan.

Goebertus akka jedhutti, amma mootummaan Paanaamaan lammiilee biyyoota sadaffaa garasitti ergamaniif itti gaafatamummaa qaba, "haata'u malee Ameerikaa keessaa ari'amuun isaanii seeraan ala ta'uu danda'a".

BBC Mundo Ministeera Nageenyaa Paanaamaa fi Tajaajila Godaantota Biyyaalessaa qunnamuun mirga godaantota kanaa eeguuf tarkaanfiiwwan maal akka fudhataman gaafate, garuu deebii hin arganne.

Lafa ispoortii keessa buluu

Fe y Alegría Gym in Panama City

Madda suuraa, Fe y Alegría

Ibsa waa'ee suuraa, Jiimni kun godaantota Eeshiyaa fi Afrikaa ammallee Paanaamaan jiraniif akka gaaddisa ofumaan hojjetameetti itti fayyadamaa jira

Erga gara magaalaa Paanaamaan deebi'anii as namoonni biyyaa ari'aman kun Waldaa Kaatolikii irraa deeggarsa argachaa jiru.

Irra caalaan isaanii mana jireenyaa dhaabbata Kaatolikii Fe y Alegría jedhamuun geggeeffamu keessa kan jiraatan yoo ta'u, kaan immoo mana kunuunsaa keessa jiru.

Eliyaas Korneejoo qindeessaa gargaarsa godaantotaa Fe y Alegría'ti. Namoonni 51 dhiira 16 fi dubartoonni 35 ammallee isaan bira akka jiraatan dubbata. Kaan immoo ofuma isaaniitiin jiraachuuf ba'aniiru.

Gariin Paanaamaan baqachuuf murteessaniiru, warri hafan ammallee itti aansee maal akka godhan murteessaa jiru.

Maatiin Afrikaa tokko bakka jireenyaa kana dhiisanii deeman gara US deebi'uuf akka yaalan itti himaniiru jedha Korneejoo.

Godaantonni kun dhuma guyyoota 30 jalqabaa turuu qaban irratti maaltu akka isaan mudatu, ykn hayyama isaanii dheeressuuf maal gochuu akka qaban ifa miti.

Akkasumas godaantonni haaraan US keessaa ari'aman gara biyyaatti dhufuufi dhiisuu isaaniis hin beekamu.

Godaantonni dhibba lama US irraa gara Koostaa Riikaa, kan Paanaamaan daangeffamtutti, baatii Fulbaanaa keessa ari'amaniiru. Hedduun isaanii haala wal fakkaatu keessa of argatu.

Ji'a tokkoofi walakkaa Paanaamaan erga turanii booda, Artemis, Arsaalaan fi Hoh waan tokko gaafatu: "Bilisummaa fi bakka jireenyaa idilee. Sun nuuf gahaadha."

*Eenyummaa isaa eeguuf maqaan isaa akka jijjiiramu gaafateera.