Waliigalteen to'annoo nukilaraa xumuramnaan, US waliigaltee haaraan biyyoota kaan hirmaachise haa mallatteessinu jette

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Waliigalteen hidhannoo meeshaa Niwukilaraa Ameerikaa fi Raashiyaa Kamisa 05, 2026 yeroon isaa dhumate.

Waliigalteen to'annoo nukilaraa START (Strategic Arms Reduction Treaty) jedhamu kun bara Adoolessa 1991 mallattaaye, bara 1994 immoo hojiitti hiikamuu eegale.

Kaayyoon waliigaltee kanaa hidhannoo nukilaraa daangessuufi.

Jimaata immoo Ameerikaan waliigalteen hidhannoo meeshaa waraanaa haaraan biyyoota kaanis hirmaachise akka mallattaawu waamicha goote.

Raashiyaan immoo waliigaltichi waggaa tokkoof dheeressinee waayee waliigaltee itti aanuu haa haasofnu jetti.

Preezidaantiin U.S. Donaald Tiraampi miidiyaa hawaasaa ofiirratti Kamisa waliigaltee haaraan jiraachuu akka qabu yaada dhiyeesse.

Ministeera dhimma alaa Ameerikaatti hogganaan damee to'annoo meeshaa waraanaa fi nageenya idil-adduyaa Toomaas DiNaannoo Korri Jenevaaatti waliigaltee meeshaa waraanaa biyyoota jajjaboo nukilkara hidhatan dheeressuu Ameerikaas addunyaas hin fayyadu jedhan.

Waliigaltichi duraanuu hanqina akka qabuu fi Chaayinaa waan hin hammanneefi jedhu.

"Yeroo ammaa US kanneen nukilarii hidhatanirraa yaaddoo qabdi. Gabaabumatti, waliigalteen gam-lamaa fi qaama nukilarii hidhate waliin tokko faana godhamu bara 2026 kana keessa sirrii fi duratti kan deemsisu miti" jedhu DiNannon.

DiNannon miidiyaaleetti akka himetti Donaald Tiraampi waliigalteen to'annoo niwukilarii haaraan jiraachuu akka qabu ifatti dubbateera.

Tiraamp, Roobii Chaayinaan waliigaltee to'annoo hidhannoo niwukilaraatti akka dabalamtu Pireezdaantii Chaayinaa Shii Jiinpiing waliin dubbachuu himeera.

Jenevaatti ambaasaaddarri Chaayinaa kan dhimmoota to'annoo meeshaa waraanaa, Shen Jiyaan, Chaayinaan waliigaltee haaraa kanarratti Mooskoo fi Waashingtan DC waliin hin hirmaattu jedhan.

Beejingi ofii ishee meeshaalee waraanaa jajjaboo lakkoofsaan xinnoo ta'an - 600 hin caallen qabdi; Raashiyaa fi U. S. mataa mataatti meeshaalee waraanaa jajjaboo jedhaman 4,000 qabu jetti. Hidhannoon kun kan biyyootra lamaanitti yoo bikkamu fardaa lafa ta'uu ibsiti Beejingi.

DiNannon jila Jenevaatiif akka ibsetti Chaayinaan yaaliiwwan dhukaasa niwukilaraa tolchuu ishee Ameerikaan quba qabdi, Chaayinaan dhoksitus jedhan.

"Chaayinaan bara 2030tti hidhannoo niwukilaraa jajjaboo 1,000 horachuuf karaarra jirti" jedhan DiNannon. Raashiyaan immoo tumsa gochaafii akka jirtu dubbatan.

Jenevaatti ambaasaaaddarri Raashiyaa dhimmoota to'annoo meeshaalee, Gennady Gatilov, Ameerikaan waliigaltichi akka dheeratu fedha dhabuu Ameerikaatti gadduu ibsan. Mooskoon garuu mariidhaaf qophii ta'uu himan.

"Waliigaltee ifaan gam -hedduu kan to'annooo fi hir'isa niwukilaraa yoo jiraate Raashiyaan qajeeltoo isaa hordoftee ni hirmaatti, adeemsa kana keessatti UK fi Faransaay yoo hirmaatan kan hirmaatan yoo ta'e" jedhan.

Federeeshiniin Saayintistoota Ameerikaa (FAS) gabasa niiwukulaara addunyaa waggaa waggaan baasu, kan bara 2025 baasen biyyoonni shan meeshaa niwukilaraa akka qaban ibse.

Isaanis Biriiteen, Chaayinaa, Faransaay, Ameerikaa fi Raashiyaadha.

Biyyoonni kunneen niiwkulaara akka hin babal'anne mallatteessuun (NPT) ifatti beekamtii qabu.

Garuu biyyoonni afur ammoo meeshaa waraanaa kana seeraan ala hidhatan. Isaanis Hindii, Paakistaan, Israa'elii fi Kooriyaa Kaabaati.