Pirezidantiin Taanzaaniyaa dubartoonni daa’imman muraasa akka da’aniif gaafatan

Pirezdaantiin Taanzaaniyaa Saamiyaa Suluuhuu Hassaan, lakkoofsa daa'imman biyya Afrikaa Bahaa kana keessa dhalatan irratti yaaddoo qaban ibsuun, lammiileen tarkaanfii qusannoo maatii akka fudhataniif gaafataniiru.

Pirezdaantiin duraanii Joon Magufuulii, faallaa pirezdaantii ammaa kanaan dubartoonni qoricha qusannoo maatii akka hin fudhanneef jajjabeessaa turaniiru.

Pireezdaant Saamiyaa wa’ee lakkoofsa daa’immanii biyyattii dabaluu irratti komii isaanii kan ibsan yeroo naannoo lixaa Geyitaa daawwatanitti ture.

“Kaleessa akka natti himametti nannoo Geyitaa, Buseleseleetti, wiirtuu fayyaa tokko keessatti ji’atti daa’immaan 1,000’tu dhalata.”

“Waggaa sadii booda kutaalee meeqatu barbaachisa? Wiirtulee fayyawoo- daa’immaan kana hunda tajaajiluuf meeqatu nu barbaachisa? Nyaata toonii meeqatu nu barbaachisa? Ariitii keenya hir’isnee wanta kana haa to’annu,” jechuun pirezdaantiin kun wamiicha dhiyeessaniiru.

Bara 2018tti, pirezdaantiin duraanii Taanzaaniyaa Magufuliin namootni qoricha qusannoo maatii fayyadaman dhibaa’ota jechuun dubbatanii ture.

Bara 2016’tti ammoo, erga barnootni sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa biyyattiitti bilisa taasifamee booda, “dubartoonni qoricha qusannoo maatii isaanii gatuu danda’u. Amma barnooti bilisadha,” jedhanii turani.

Bara 2020’tti Baankiin Addunyaa akka jedhutti giddugalaan Taanzaaniyaatti dubartii tokko daa'imman 4.8 deessi.

Lakkoofsi daa'imman dhalatanii kan akkas dabaleeru sababa gaa’ela ijoolummaa fi fayyadama qoricha qusannoo maatii gadi aanaanii jedhameera.

Waggootii 30 darbaniif lakkoofsi kun hir’achaa deemuus, akka biyyootii ollaa akka Keeniyaa fi Itoophiyaatti haalaa fi ariitiin hin hir’isne jedheera Baankiin Addunyaa.

Taanzaaniyaan lammilee miiliyoona 60 ta’an kan qabdu yoo ta’u, isaan keessaa %49 kan ta’an galiin isaanii guyyaa tokkotti doolara 2 gadidha.