Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pirezidaantii Taanzaaniya: Dubartoonni akka bulchuu danda'an mirkaneessuuf as jirra
Pirezidaantiin Taanzaaniyaa Saamiyaa Suluhuu jalqaba wayita isaan filataman dandeettii bulchuu isaanii namoonni hedduun shakkaa akka turan dubbatan.
Namoonni hedduu ''dubartoonni pirezidaantii ta'uu akka danda'an hin amanan. Nuti namoota akkasii hubachiisuuf as jirra,'' jechuun BBC'tti himan.
Qondaalli siyaasaa umrii waggaa 61 kun erga pirezidaantiin duraanii du'anii booda Caamsaa darbe keessa aangoo pirezidaantummaa qabatan.
Yeroo ammaa Afriikaa keessaa namni siyaasaa duree biyyaa isaan qofa, biyyi Afriikaa keessaa pirezidaantii dubartii qabdu kan biraan Itoophiyaa yoo taatu, ga'een siyaasa biyyaa keessatti qaban hagas mara miti.
"Hojjettoonni mootummaa kiyyaallee fudhatama na dhabsiisanii turan, akkuma dubartii kamiittuu na tuffatan, yeroo muraasa booda garuu hooggansa kiyyatti amananii fudhatan,'' jedhan Aadde Saamiyaa Sulhuu.
Biyyoonni kaan dubartoonni bulchitoota biyyaa ta'uu akka danda'an Laayibeeriyaa fi Rippaablika Afriikaa Giddu-galeessaarraa barachuu qabu jedhan.
Saamiyaa Sulhuu Hasan erga pirezidantiin duraanii Joon Magufuulii dhibee onneen du'anii aangoo pirezidaantummaa qabatan.
Lammiilee hacuucuu fi walabummaa uummataa sarbuun kan komatamaa turan Joon Magufuuliin, erga Saamiyaa Suluhuu bakkasaanii bu'anii bulchiinsa biyyattii keessatti jijjiiramni bu'uuraa ni dhufa jedhamee akkaan abdatamee ture.
Tibbana dursaan mormituu gameessi biyyattii, Freeman Mbowe, yakka shorokeessummaan hidhamuun ammoo, Pirezidaant Saamiyaa Suluhuu hojiima pirezidaantii duraanii itti fufsiisaa jiru shakkii jedhu uumeera.
Haata'u malee pirezidaant Saamiyaa Suluhuu himati dursaa mormituu kanaa siyaasaan kan wal hin qabannee fi Fulbaana bara darbee irraa eegalee ilaalamaa jira jechuun ofirraa ittisan.
"Yeroo dheeraaf biyya keessa hin turre. Akkamiin akkanni biyyaa ba'e beekuu baadhus wayita biyyatti deebi'u garuu heera haaraa baafna jechuun hokkara uumaa ture,'' jedhan.
Aab Mbowe erga filannoon darbe shiraan hatameera jechuun dubbatee booda hidhame.
Badiisaa ilaalee kan murtee kennu mana murtii jechuun harka keessaa fudhatan pirezidaant Saamiyaa Suluhuu.
Yeroosaatti miseensota paartii morkattootaa fi qaamolee dhimmi ilaalu hunda waliin dhimma jijjiirama heera mootummaarratti mari'achuuf qophii ta'uusaanii himan.
Mariin yoom ta'uu akka danda'u garuu hin eerre.
Pirezidaant Saamiyaa Suluhuu dhimma Covid-19 irratti ejjennoo pirezidaantii duraanii Joon Magufuuliin adda ta'e qabu.
Joon Magufuuliin waa'ee Covid waan hunda gaafachuu fi shakkuun akkasumas of-eeggannoo godhamuu qabu mormuun maqaansaanii ka'aa ture.
Talaalliin ga'aan nama hundaaf kennamuu akka qabu lammiilee biyyattii biraa gaaffiin ka'aa jiraachuu kan himan qondaalli kun, namoota nageenyummaa talaallii Covid-19 irraa shakkii qabaniif mirkaneessuuf jecha ija hawaasaa duratti talaallii fudhataniiru.
"Yaaddoon koo yeroo ammaa shakkii namootaa osoo hin taane hanqina talaalliiti. US irraa gargaarsa fudhanneerra. Covax irraas hanga tokko arganneera. Garuu yeroo gabaabaa booda dhabuuf hanqinni nu mudachuuf jira,'' jechuun yaaddoo qaban BBC'tti himan.
Pirezidaant Saamiyaa Suluhuu mootummaansaanii seera walabummaa miidiyaa daangessu kan pirezidaantiin duraanii hojiirra oolchaa turan itti fufsiisaniiru komii jedhu soba jechuun ofirraa ittisan.
''Gaazexeessitoonni hanga seera biyyattii hin cabsinetti bilisummaadhaan hojiisaanii hojjechuu danda'u,'' jedhan.