Naannoo Amaaraatti guyyoota lamatti aanga'oonni nageenyaa sadii hidhattootaan ajjeefaman

Madda suuraa, SM
Eddoowwan lama naannoo Amaaraa keessatti argamaniitti haleellaa hidhattootaan guyyoota lamaan darban keessatti raawwatameen aanga’oonni nageenyaa sadi ajjeefaman.
Ajjeechaan qondaaltota nageenyaa kunis Wiixataa fi Kibxata naannoo Amaaraa Godina Goojjam Bahaatti Aanaa Dajaniifi Godina Shawaa Kaabaa Magaalaa Shawaa Roobiit keessatti raawwatame.
Magaalaa Shawaa Roobiit keessatti ajjeechaa Itti gaafatama Nageenyaa kan turan Obbo Abduu Huseen irratti raawwate kana hordofuunis, bulchiinsi magaalatii rakkoo nageenyaa jira jedhe to’achuuf magaalattii keessatti dhorkaa sa’aatiifi sochii kaa’eera.
Haleellaawwan garaagaraa lamaan itti gaafatamoo poolisii lamaafi ittigaafatamaa nageenyaa tokko irratti raawwatameen ajjeechaan kun raawwachusaa BBC aanga’oota godinaalee irraa mirkaneeffateera.
Bulchiinsi Aanaa Dajan akka beeksisetti, Itti gaafatamaan Waajjira Polisii aanichaa Inspektara olaanaa Zawuduu Taaddalaa fi waajirichatti Itti Gaafatamaan kutaa Ittisa Yakkaa Ittaanaan Inspektaraa Warquu Shimallis haleellaa Wiixata Adoolessa 3, 2023 irratti raawwatameen ajjeefamaniiru.
Ibsa Manni Maree Aanichaa baase, ajjeechaa qondaaltoota poolisii lamaan irratti raawwatameen alattis, miseensa poolisii konkolaataa isaanii oofaa turan irra miidhaan qaamaa qaqqabeera.
Itti gaafatamaan Waajjira Nageenyaafi Tasgabbii Aanaa Dajan, Obbo Kaasaawu Asfaawu BBCtti akka himanitti, qondaaltota poolisii lamaan irratti ajjeechaa kan raawwate miseensa humna aadda duraaniti.
Haaluma wal fakkaatunis Adoolessa 4, 2023 Naannoo Amaaraa Godina Kaaba Shawaa keesssatti kan argamtu magaala Shawwa Roobiitiitti qondaala olaanoo mootummaa kan ta’an Obbo Abduu Huseen irratti haleellaa raawwatameen ajjeefamuun ibsameera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ittigaafatamaa Damee Bulchiinsa fi Nageenyaa Magaalattii kan ta’an Obbo Abduu Huseen kan ajjeefaman namoota eenyummaansaanii hin beekamneen ta’uu, bulchiinsi magaala Shawaa Roobiiti miidiyaa hawaasaa isaarratti barreesseera.
Bulchaan Magaala Shawaa Roobiiti, Obbo Abduu irratti ajjeechaan raawwatamu himuun alatti odeeffannoo bal’aa omaa hin kenniine.
Ajjeechaa kana hordofuunis, ibsa ariifachiisaa komaandi poostiin yeroo magaalaa Shawaa Roobiiti baaseen, magaalattii keessatti ‘‘rakkoon nageenyaa olaanaan akka umamuuf yaaliiwwan taasisaa jiraachu agarsiiftuuwwan mal’ataa jiru’’ waan ta’ef nageenya jiru cimsuudhaaf dhorkaawwan adda addaa kaa’usaanii beeksiisan.
Kanaanis hanga yeroo hin murtoofneetti, galgala sa’aatii 12 irraa kaasee sochiin konkoolaataa fi namootaa kamuu kan daangeeffame yoo ta’u, dhaabbileen tajaajila kennaniis sa’aatii 12 booda tajaajila akka hin kenniineef dhorkaan kaa’ameera.
Naannoo Amaaraa ajjeechaawwan qondaaltoota nageenyaa eddoowwan garaagaraatti ajjeefaman kana ilaalchisuun hanga ammaatti kan jedhe omtuu hin jiru.
Qondaaltonni poolisii lamaan Aanaa Dajanitti guyyaa Wiixataa ajjeefamanis qormaata kutaa saddeettaffaa kennamaa tureen wal qabatee hojiirra osoo jiranu miseensa humna addaa duraanii meeshaa seeraan ala hidhatee daandiirratti itti dhufaniin ajjeefamuusaanii, Ittigaafatamaan Waajjira Nageenyaafi Tasgabbii aanichaa Obbo Kaasaawu Asfaawu BBCtti himaniiru.
Eenyummaan nama ajjeechaa kana raawwatee adda kan baafame yoo ta’u, garuu hanga ammaatti to’annaa jala akka hin oolfamne dubbatan.
Qaamooleen nageenyaa naannichaas shakkamaa to’achuun seeratti dhiyeessuuf yaalii taasisaa jiraachuu dubbatan itti gaafatamaan kun.
Shawaa Roobiit keessatti ajjeechaan qondaala mootummaa yoo raawwatamu kun kan jalqabaa miti.
Dhuma waggaa darbe irratti qajeelfamni nageenyaafi tasgabbii magaalattii bahu hordofee, kantiibaan magaalattii ajjeefamuunsaa ni yaadatama.
Kantiibaa Wubishati Ayaaleewu, gaafa kamisaa [Fulbaana 1, 2022] halkan keessaa naannoo sa’aatii sadiitti ture dhiheenya manasaaniitti namoota hin beekamneen itti dhokaafamee kan ajjeefaman.
Baatii lamaan dura ammoo miseensi koree hojii raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa fi Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Naannoo Amaaraa, Obbo Girmaa Yeshixilaa hidhattootaan ajjeefamunsaanii ni yaadatama.
Qondaalli mootummaa Olaanaan Obbo Girmaa Yeshixilaa hidhattootaan kan ajjefaman eddoo magaalaa Finfinneerraa kara kaabaatti fageenya km 250 irratti argamuutti Ebla 27, 2023 ture.
Haleellaa Obbo Girmaafi namoota isaan waliin ture irratti raawwatameenis yoo xinnaatee namoonni shanajjeeffamu gabaafanee ture.
Ajjeechaa Obbo Girmaa Yeshixilaa dabalatee, guyyoota darban lamaan keessatti ajjeechaa qondaaltootaa naannoo Amaaraa bakkeewwan garaa garaatti raawwatamaniin wal qabtee, kan to’annaa jala oolfames ta’e, qaamni ifatti itti gaafatamummaa fudhate hin jiru.
Humnootiin addaa naannolee biyyattii keessatti argaman gara humna nageenyaa idileetti akka makamaniifi qaamolee hidhatan kaan to’achuuf tarkaanfii fudhatameen wal qabatee, naannoo Amaaraa keessatti walitti bu’insi umamuu gabaasuun keenya ni yaadatama.












