Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Nageelleetti namni du’eera jedhamee ijibbaatame waggaa 32 booda argame
Godina Gujii Bahaa magaalaa Nageellee [kanaan dura kan Nageellee Booaranaa jedhamu] ganda Goobichaatti nami du’eera jedhanii ijibbaatame waggaa 32 booda deebi’uun gammachuu guddaa uume.
Diimaa Dooyyoo Boruu bara 1982 Nageellee Booranaarraa mootummaa Dargiitin erga fuudhatamee adda waraanaa geeffamee maatii waliin wal hin argine, hafuura waliis osoo quba wal hin qabaatiin turan.
Guyyaa gaafa inni manaa bahe maatiin achii buuteen isaa dhabanii namoonni isa waliin bahan adda waraanaa irratti waan dhumaniif gadda guddaa keessa turan.
Warra isa waliin turan keessaa akka carraa lubuun hafan ammoo galanii Diimaan waraana keessatti mada’uu maatitti himanii turan.
Namni kun gaa'ela hin ijaarranne, ijoollees horatee waan hin qabneef waggaa hedduun booda du’eera jedhanii abdii kutatanii maatiin horii inni qabu qooddatan.
Turtii waggaa amma kanaa booda garuu lubbuun jiraatee deebiyuun isaa maatiifi qe'ee ajaa'ibeera.
Namoota baayyee biratti akka raajiitti ilaalamaa jira.
Bara sana naannawaa namni kun Dargiin qabamee adda waraanaa geeffame keessaa qofa namoonni 100 ol ta’an akka fudhataman himamama.
Isaan keessaa hedduun isaanii hanga amma du'uufi jiraachuun isaanii hin beekamu.
Amma Diimaan deebi'uu hordofee namoonni hedduun maatii isaanii iyyafachuuf gara ollasaanitti imalaa jiraachuu ilmi obboleessa isaa Taarii Kahanaa Dooyyoo BBCtti himeera.
“Galgalaa ganama namoonni fira isaanii iyyafachuuf isa ilaaluu dhufaa jiru. Tokko obboleessa kiyya waliin deemte argitee jedha, kaan ilmasaa gaafata, nama hedduti dhufe arge.
Yeroo Diiman duula waraanatiif Dargiidhan fudhatamu obboleessi isaa Taarin hin dhalanne. Deebi'iuun isaa maatii isaaniifi uumataa gandasaanii hundaaf gammachuu guddaa ta’uu hima Taarin.
“Kun naaf waan raajiidha. Namni gaafa abboon ganna sadeetii deemee anaa ganna 18 gahu deebi’e waan raajiidha; ani baay’een gammade abba xiqqaa argachukoof.”
'Garaan haadha raagaa' jedha Oromoon; akkasumas haadhii Diimaa waggoota kana hunda deebii ilmashee eegaa turte.
“Diimaan du’ee ijibaadhu yeroo naan jedhan mormaan ture. Isaa du’e garaan koo hin argine, kanaaf akka inni deebi’u abdii qabachaan ture,” jedu haati Diimaa Dooyyoo waggaa 32 booda ilma ishee ijaan arguun raajii itti ta'e.
Haati isaa amma maanguddoo umriin baayyee deemeru taatus wanta gaafa inni deeme ta'e sirritti qaabatu.
Fedhii isaafi kan maatii malee dirqiin fuudhatamuu dubbatu.
“Umriisaa hin qaabadhu garuu gaafasuu nama guddatee hojii guutu. Adoo nu guula yaanuu, humnaan fuudhanii deemanin.”
Eegii fuudhamee osoo oduusaa tokkollee hin argatin waggaa 32n booda dhiheenna kana qe’ee dhalootasaatti deebi’e jedhu.
“Guddoo gammachuu qabna, guyyaa inni deebi’e gammanne of wallaalle, bultii hanga sadii bira ta’aa bulle. Kuni jaalala isaa qabnuuf,” jedhu haatiisaa.
Waggaa dheeraa kana biyya ormaa turus, Aab Diimaan Afaan Oromoo ammallee hin daganne.
“Akkam dagadha, ani maal qaba yoo Afaan Oromoo na jala bade,” jedha.
Eessa ture garuu?
Bara 1982 akkumaa qe’esaanitii fuudhaniin adda waraanatti isa bobbaasuu kan himu Diimaan, guyyaa 18n booda adda waraana Bahir Dariitti geeffamee nammooni hedduun isaa biraa dhumanii kaan baqachuu yaadata.
Waggaa tokkoon booda mootummaan Dargii kufe, Diimaan waraana keessatti mada’uun hospitaala gara naannoo Benishangul Gumuz akka geeffame hima.
“Hospitaalaa yeroon bahe nama tokko hin beekun ture; uummati achii gosa na gaafachuun kun Oromoo galuu dhorkaa jedhanii akka tikseetti natti fayyadamaa turan,” jedha Diimaan.
Isaan booda abbaan qabeenyaa tokko gara Beenchii Maajiitti fudhatee mana isaa keessa hojjechaa turuu ibsa.
Beenchii Maajiin akka yeroo ammaatti Naannoo Sabaa, Sablammootaafi Ummattoota Kibbaa Itoophiyaarra adda bahuun naannoo 11ffa kan ta'e Naannoo kibbaa lixa Itoophiyaa keessatti keessatti argama.
Namni kun achitti odeeffannoo addunyaa kamuu akka hin arganne dhorkamuu ibsa.
“Waan lafti keessa jirtu hin beekun ture; bilbila dhiisii raadiyoos dhageefachuu na dhorkan.”
Biyya isaatti galuuf yaada inni dhiheessu burjaajessun maatii hin qabdu jechuun galuu dhorkaa akka turanis dubbata Diimaan.
“Warraa hin qabdu, namni keessan hin jiru eessa deemta jedhanii galuu na dhorkan. Ani ammoo yoo warrii keenna dhumes galee achuman jiraadha jedhus nami na jalaa qabu hin jiru.”
“Kun gara tokkoyyu deemuu hin qabu nama sobe maallaqa nyaate taha naan jedhan. Waan garaa kiyyaa ammoo eenuti beekaa?
Beenchii Maajiitti kophummaa, gaddiifi jireenya jaalala hin qabne dabarsuu ibsa. Gaafan deeme maatii hin godhane, achitti garuu gadhachuun ulfaataa ture jedha.
Aadaa hawaasicha keessa jiraatuttis madaquu akka rakkisaa ta'e kan himu Diimaan, isa qoollifachuun waan jiruuf achittis haadha warraa fuudhaa hin dandeenye jedha.
“Durba naan dubbattu yoo argan ni rukutu."
Booda keessa warshaa tokko keessa waardiyyummaan tajaajilus, kaffaltii isa dhowwachuu hima.
“Womma hin argadhuu, akka ani hin duunee nyaata qofa na kennaa turan.”
Akkamiiitti gale?
“Akkuma Waaqaa bilbila maatii tiyya argadhe,” jedha Diimaan yoo akkataa itti deebi’e himu.
Akka maatiisaatti deebi’uuf ka'umsa kan ta'eef haasaa hiriyaasaa wajiin taasise ta'uu dubbata.
Namni waliin mana tokko keessa hojachaa turan hojii biraa qacaramee isa biraa deeme. Namni kun hojii konkolaachisaa waan hojjetuuf carraa Godina Booranaa hanga Yaaballoo yeroo baay’ee deddeebiya ture.
“Guyyaa tokko ati Diimaa nama eessaati jedhe na gaafate. Bakka dhaloota kiyyaafi maatiin koo jiran itti himee jennaan, hiriyaa Yaaballootii qaba isarraan odeeffadha naan jedhe.
“Yeroo hanga sadii bilbilaan odeeffannee achiin boodaa namni Yaaballoo kan maatii tiyya Nageellee Booranatti oduu dabarse,”jechuun akkaataa ittiin maatii isaa argatee galuu danda'e ibsa Diimaan.
Obboleessisaa Diid Dooyyoo gaafa Aab Diimaan deeme daa’ima ture. Garuu akka obboleessisaa waraana deeme achiin bade ni beekaa. Inis ijibbaate ture.
Gaafa bilbilaan qunnamanii Diimaan jiraachuu dhaga’an maatiin rifatanii, isa tahuullee shakkuun gaafii hedduu isa gaafatan.
“Maatii hanga akaakayyoofi gosa isa hanga balbalaa gaafanne; jireenya inni durii asitti dabarse dabalatee miseensoota maatii keenna gaafatanne. Inni deebii kenninaan dhugaa isa ta’uu mirkaneesinee achii baasuuf nama inni bira ture qunnamne,” jedha
Ijjoollen nama inni bira turee sun hanga Finfinneetti isa geessuun maatiinsaa fudhatan.
Diimaan obboleeyyan torba keessa saddaffadha.
“Guyyaa inni dhufe gariin hin bo’aa, gariin hin gammada. Namoonni miseensa maatiisaanii dhabanis akkuma ilma isaanitti fudhachuun itti bo’anii simachaa turan,” jedha Diid Dooyyoo
Isaaf garuu wanti kun hundi haaraa ture. Haala gandiisaanii keessa jiru dabalatee waan hunda ajaa’ibsiffachuu hima Diimaan
“Gaafa ani deemee horiin akka ofii, aadaan akka ofii wanti cufa akka gaarii turte; amma jijjiiramee jira?
“Ijjolumaatti burraaqa malee namoota ani beeku womaa hin jiran. Ani obboleeyyan tiyya malee naman beekuu tokko hin argine.”
Gaafaa innni deemee abbaan lubbuun jira, amma ammoo haadhaa qofa arge.
Aab Diimaan miidhama qaama kamuu qabachuu baatus, ilkan tokkollee hin qabu. “Ilkaan machoolletti dha’ee na keessa jigse,” jedha
Akkumasaa obboleessi isaa guddaa Boruu Dooyyoo jedhamus adda waraanaa Asmaratti bobba’ee dhabamee du’ee jedhanii ijibbaatamee ture.
Gaafa Diimaan waraanaf bobba’e obboleessisaa hin deebine, kanaaf du’eera jedhanii akka bo’aa ture hima.
Garuu obboleessi waggaa muraasan booda adda waraanaa Asmaraatii deebi’ee, Diimaan amma yeroo waggaa 32 booda galu obboleessa isaa lubuun argee miira biraa keessa gale.
“Gaafa ani deeme obboleessi kiyya dhabamee akka malee bo’aan ture, amma kunoo deebi’ee maatii horatee ijjoollee hedduu qaba.”
Diimaan ammaa jaarsa umriin isaa 60 ta'e kan himan maatiin, nama jiru akkanatti dhiisuun hin taatu jechuun gaa’ela akka dhaabbatu karoora qabachuu himan.
Innis hanga lubbuun jiru socho’uun qaba jechuun hojii yoo argate hojachuuf qophiidha jedha.
Oromiyaa hunda keessa namoonni akkana dhabamanii hedduudha.