Ilma badee ture of fakkeessuun nama sobaan waggaa 41’f maatii waliin jiraate

Manni murti Indiyaa nama sobaan ilma dureessa naannichaa of fakkeesse waggaa 41’f jiraate yakkamaa ta’uu mirkaneesse.

Guraandhala 1977’tti, bulchiinsa Bihaar keessatti dargaggeessi tokko mana barnootaarraa gara manaa utuu galu bade.

Kaanhiyaa Siingi, ilma tokkicha namicha dureessa Nalandaa, qormaata mana barnootaa fixee utuu manatti deebi’uu bade.

Yeroos maatiin isaa ilmi keenya bade jechuun poolisii biratti iyyata galchatani.

Yaaliin Kaanhiyaa barbaachuuf taasifame hin milkoofne.

Abbaan isaa maanguddoo ta’e gadda keessa seenuun raagdota bira deemuu eegale.

Raagaan gandichaa tokko ilmi isaa akka lubbuun jiruu fi dhiyootti deebi’ee akka ‘mul’atu’ itti hime.

Waggaa afur booda Fulbaana 1981 keessa, dargaggeessi umurii ganna 20’n keessa ta’u, ganda bakka Kaanhiyaan jiraatu irraa km15 fagaatee jiru seene.

Dargaggeessi kun daandirra dhaabbatee sirbaa kadhachuun jiraata ture.

Dargaggeessi kun, ‘ani ilma nama beekama’ ganda Murgawaan , bakka Kaanhiyaan keessaa badeedha, jechuun jiraattota naanichaatti hima.

Wanti itti aanuun uumame guutummaatti ifa miti.

Garuu wanti beekamu, oduun ilmi bade deebi’e jedhu Kameshwaar Siing abbaa Kaanhiyaan bira yemmuu ga’u, gara gandichaatti isa arguuf imaluu isaadha.

Ollootnisaa isa waliin imalan tokko tokko, dargageessichi ilmasaa akka ta’e itti himanii, innis fudhateenii manatti deebi’ee.

“Ijikoo fayyaa miti, kanaaf sirritti isa hin argu. Yoo isin ilmakeedha naan jettan, nan fudhadhaani, “ jechuun Siingi akka olloota isaatti hime, ragaan poolisii ni eera.

Guyyaa afur booda, oduun ilmikee deebi’eera jedhu Ransaakii Deevii bira ga’u, isheen intala ishee Vidiyaa waliin magaalaa Paatnaa dawwachaa turte. Aariitiin gara gandichaatti deebitee, yeroo achi geessu, dargaggeessichi ilmashee akka hin taane barte.

Kaanhiyaan ‘mataa isaarra karaa bitaan godaannisa qaba,” dargaggeessi kun hin qabu jette. Siingi garuu dargaggeesichi ilmasaa akka ta’e amaneera.

Guyyoota muraasa booda, Ramsaakiin yakka soban of fakkeessuun himata dhiyeessitee, dargaggeesichi ji’oota muraasaaf hidhamee boodarra mirga wabiin gadhiifame.

Erga hidhaati ba’ee booda dargaggeessichi eenyummaa isaa haaraa qabatee, kollleejii seenee, fuudhee, maatii godhatee akkasumas eenyummaa sobaa adda addaas uummate.

Eenyummaa isaa sobaa kunneeniin, filannoo irratti sagalee kenneera, gibira kenneera, waraqaa eenyummaa argateera, eeyyama meeshaa waranaa argateera, akkasumas qabeenya Siingi keessa lafa heektaara 14 ta’us gurgureera.

Irra daddeebiin eenyummaa isaa fi oboleessaa intaloota dureessichaa ta’uu isaa mirkaneessuuf qorannoo DNA akka gaggeessuuf yeroo gaafatamu dideera. Darbeeyyu haala mana murti ajaa’ibeen, eenyummaa isaa isa sirrii balleessuuf jecha, waraqaa du’aa sobaa qopheessee ture.

Waraqaa mootummaa irratti, maqaan abba fi akakaa jiraachuu qabus, namichi kun maqaa Obbo Kaanhiyaa jedhuun qofa galmaa’ee jira.

Ta’us garuu abbaan seeraa akka argatetti maqaan sirri namicha kanaa Dayanaand Goosiyaan yoo ta’u, ganda bulchiinsa Jamuyii, kan bakka mana Siingi inni seene irraa gara km100 faagatee jiru irraa dhufe.

Utuu mana Siingi hin seeniin duraa eenyumaa fi jireenyi isaa maal akka ture irratti odeeffannoon jiru muraasaa fi shakkisiisa kan ta’edha.

Ragaaleen mootummaa inni qabullee guyyaa dhaloota adda addaa mul’isu – waraqaan mana barnootaaisaa Amajjii 1966 akka dhalate eera.

Waraaqaan eenyummaa biyyaalessaa isaa Guraandhala 1960, waraqaan ragaa filannoof sagalee kennuu ammoo bara 1965 akka dhalate hima.

Waraqaan raga biraan bara 1964 akka dhalate yoo himu, maatiin Dayanaand ammo bara 1960 akka dhalate himu.

Qorattoonni kan adda baasuun mirkaneessu danda’an, Dayanaand ilma quxisuu qonnaan bulaa Jamuyii akka ta’eefi bara 1981’tti manasaati akka ba’edha.

Siingi nama ilmakoo jedhe yaade Dayanaandiin mana isaatti erga fudhatee waggaa tokko booda fuusiseera. Dayanaand abbaa dhiira lama fi durba sadiidha. Erga Siingi du’ee booda, walakkaa gamoo darbii lamaa Murgawaan keessa jiru dhaaleera.

Ilmi hangafaa Dayanaand, Gawutaam Kumaar maatiin isaani wa’ee dhimma ‘himata sobaan of fakkeessu” abbaasaa waliin hasa’anii akka hin beekne hima.

“Abbaa keenyadha. Yoo akaakayyuun keenya ilmakoodha jedhe fudhateeni, nuti eenyu taaneetu isa mormidha? Akkamiin abbaakee hin amantu?” jedha.

“Amma waggootii kan hunda booda, eenyummaan abbaa keenyaa waan fudhatameef, jireenyii fi eenyummaan keenya rakkoo keessa seeneera. Dhiphuu gudaa keessa jiraanna.”

Mana murtiitti Abbaan Murtii Miishraa, yoo ilma bade Kaanhiyaa ta’e yeroo wagga afuriif badetti eessa akka ture akka himuuf Dayanaandiin gaafatee ture.

Dayanaand garuu deebii kallatti hin kennine. Magaalaa Gorakpuur keessa nama amantaa waliin waldaasaa keessa akka ture himeera garuu isa jedhe kana nama ykn ragaa deeggaru hin dhiyeessine.

Dabaluunis Dayanaand ofiii ilma dureessichaa isa badedha jedhee akka dubbate hin beekne mana murtiitti himeera. Siingi “akka ilma isaatti na simate manatti na fudhate,” jedheera.

“Eenyuniyyu sobaan of fakkeesse hin gowwomsine. Ani Kaanhiyaadha,” jedheera.

Waggaa 16 dura kan bade Kaanhiyaan ganda isaa Murgawaan keessatti dagatameera.

Abbaan isaa Kameshwar Siingi, kana bara 1991‘tti lubbuun isaa darbe, dureessa beekamaa lafa heektaara 24’tti tilmaamu qabu ture.

Siingi ga’eela isaa lama irraa ijoollee durbaa torbaa fi ilma tokkicha (Kaanhiyaa) qaba ture. Ilmi isaa quxisuun kun mucaa isa qananii fi qabeenya abbaa isaa dhaalu ture.

Dhimmi kun gara wagga 40 oliif abbootii murti hedduun ilaalamee ture. Dhuma irratti dhaddachaa boqonnaa malee barana ji’a Guraandhalatii eegale guyyaa 44’f gaggeeffameen, Ebla keessa murteerra ga’ameera.

Abbaan Murtii Mishraa, Dayanaand yakkamaa akka ta’e argateera. Waxabajjii keessa manni murtii olaana argannoo kan simachuun, Dayanaand Gosiyaan irratti hidhaa wagga torbaa murteesseera.

Hanga ammaatti seenaa sobaa fi of fakkeessu kana irratti gaaffileen deebii hin arganne jiru. Lafti Siingi eenyummaa sobaan gurgurame akkam ta’a? Laficha namoota bitan irraa fudhatamee ijoollee isaa dubaraa dhaaltota isaa ta’aniif kennamaa? Eenyummaan sobaa Dayanaand uume akkam ta’e?

Gaffiin inni ijoo ammo, Kaanhiyaan eessa jira?

Akka seera Indiyaatti, namni tokko yoo bade wagga torba oliif hin argamne ta’e, akka du’etti fudhatama.

Poolisiin garuu dhimma baduu Kaanhiyaan maaliif hin cufne? Ammayyuu lubbuun jiraa laata?