Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mucaa badee ture gazexessaa dhimmasaa gabaasuuf dhaqeen argame
Xaaliyaaniitti mucaan waggaa fi ji'a 9 mana warra saatii bahuun bade tokko, gaazexeessaa dhimma badiinsa isaa gabaasuu deemeen mana warra saa irraa fageenya kilomeetira hedduurratti argame.
Daa’imni umuriinsaa waggaa lama hinguunnee kunis Wiixata galgala bakka ciisicha isaa kan rafiifame yoo ta'u, baduunsaa Kibxata ganama ture maatiinsaan kan poolisiitti gabaafame.
Gaazexeessituun Jeezaappee Di Tommaasoo guyyaa Roobii waa'ee dhimichaa gabaasuuf osoo gara mana isaanii deemaa jiruu qarqa daandii bira sagalee dhaga’e.
Daa’imni kun amma hospitaalatti kan geeffamee yoo ta’u, haalli fayyinsaas gaaridha jedhameera.
Daa’imni maqaansaa Nikoolaa Tanturlii jedhamu kun, halkan walakkaa hirriba irraa dammaqee, manaa ba’ee deemuu hinoolle jedhamee yaadama.
Barbaacha daa'ima kanaa irratti miseensoota poolisii, lubbu baraartoota fi garee balaa ibiddaa dabalatee namoonni 1,000 ta'aniif hilikooptarri barbaacha micaa kanaarratti hirmaachaa akka turan kantiibaan magaalaa Filorensi kan dhiheenya Palazzuolo sul Seniotti argamtu himeera.
Gaazexeessaa Jeezaappee Di Tommaasoo kan midiyaa motummaa Xaaliyaanii 'Rai' jedhamuuf hojjatu yoo ta’u, erga qarqara daandiitti sagalee aaduu dhagaheen booda konkolaataa poolisii Karabiniyerii dhaabsiise.
Ajajaan poolisii bakka sanaas waan jiru qorachuuf jecha gara meetira 25 gadi faagatu bakka ta'ee keessa gadi bu'uu eegale.
“Anis sagalee boo’ichaa sirritti dhaga’ee, wayita kanas bineensa wayiitu as ba’a jedheen eege ture” jechuun ture Daniloo Sisareelii miidiyaaletti kan himan.
Haata'u malee mucaa bade Nikolaatu marga keessaa mataa as baafachuun 'harmee' jedhee boo'uu eeegale. ''Innis miira gammachiisaa attamii ture seetan'' jedhan.
Nikoolaan wal’aansaaf yeeroodhuma sana gara hospitaalaatti kan geeffame yoo ta’u, miidhaan xiqqoo qofni akka irra ga’e miidiyaaleen biyya keessaa gabaasan.
Gaazexxeessaan sun "Miirri natti dhagahamee baayyee guddaadha. Ammalleen kirkiraan jira'' jechuusaa midiyaatti dubbachu gabaafame.