Ministirri Mummee UK haaraan Kiir Istaarmar eenyuudha?

Madda suuraa, Reuters
Kiir Istaarmar Paartii Leebarii dursuudhaan filannoo tibbana gaggeeffameen injifachuun UKtti Ministira Mummee haaraa ta’un hojii eegalan.
Kiir dorgomaa paartii warra Konsarvaativii kan ta’an Jeeremii Korbiin wagga afuriin dura bakka bu’uudhaan dursaa Paartii Leebar ta’an.
Paartichas ilaalcha konsarvaatiivii irraa gara jidduutti fiduudhaan filatamaa taasisuudhaaf hojjataniiru.
Paartiin isaanii Leebar wagga 14’f aangoorraa fagaatee ture.
Kiir hojii abokaatummaa kan maqaa gaarii ittiin horatanii booda wayita umuriinsaanii wagga 50moota keessa jiru ture kan miseensa paarlaamaa ta’an.
Durnaanis yoo ta’e fedhii siyaasaa qabu ture. Dargaggoo wayita turaniitti konsarvaatiivii turan.

Madda suuraa, Keir Starmer/Tom Baldwin
Jireenya siyaasaan duraa
Kiir bara 1962 keessa Landan keessatti dhalatan. Maatiinsaanii ijollee afur qabu turan. Kan guddatan ammoo kibba Ingiliiz keessa bakka Sarii jedhamuutti. Yeroo baayyees maatii hojjattoota ta’an irraa akka argaman dubbatu.
Abbaan saanii warshaa keessa hojjatu turan. Haatiisaanii ammoo narsii turan. Maatiin isaanii deeggartoota paartii Leebar cimoo turan.
Kiir maqaasaanii kan argatan dursaa paartichaa kan jalqbaa kan turan lammii Iskotilaand Kiir Haardii irraayi.
Jireenyi maatiisaanii kan qormaata hedduun guutame ture. Kiir waa’ee abbaasaanii yoo dubbatan ‘‘qabbanaa’aa fi kan namatti hin makamne turan’’ jedhu.
Haatiisaanis waggootaaf dhukkuba istiilsi jedhamu dhukkubsataa turan. Dhukkubichis dhumaratti socho’uu fi dubbachuu dhorkee ture. Kanaanis milliisaanii hanga irra kutamu qaqabee ture.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sar Kiir umurii waggaa 16tti ture kan damee dargaggoota partii Leebariitti makaman. Yeroo murtaa’eef ammoo qopheessaa barruu warra Konsarvaativii sochaalisitii Alternatives ta’anii ture.
Dursaa Paartii Leebar
Sar Kiir bara 2015tti Holbornii fi Seenti Paankiraasiin bakka bu’uudhaan miseensa paarlaamaa ta’an.
Paartiin Konsarvaativii nama siyaasaa Jeeremii Kaarbiin durfama ture. Sar Kiir ministira dhimma biyya keessaa ta’udhaan Jeereemii Kaarbiin muudaman.
Yeroo sanattis Sar Kiir dhimmoota akka immigireeshinii fakkaatan raawwii mootummaa qeequu eegalan. Yunaayitid Kiingidam yoo Gamtaa Awurooppaa keessaa baatuutti Sar Kiir kaabiinee shaadootiin ministira Brexit turan.
Aangoosaaniitti fayyadamunis irra deebiin akka kenniinsi sagalee gaggeeffamuuf dhiibbaa taasisan. Kiir filannoo waligalaa bara 2019 hordofees, carraa dursaa Paartii Leebar ta’u agratan. Bara 1935 asiitti injifatamuun isa cimaadha jedhame paartiicha akka Jeereenii Kaarbiin aangoo gadhiisan dirqisiise.

Madda suuraa, PA Media
Kiir dhaabbileen injinariingiifi bishaanii mootummaa jala akka galan gochuufi barattoota yunivarsitiif galmee kanfaltiirraa bilisaa jajjabeessuun dursaa Leebar injifatan.
Jeeremii Korbii particha bakka lamaatti qoodanii ture. Kiir ammoo paarticha tokkoomsuuf kan barbaadan ta’u dubbatan illeen, ilaalcha Koorbii tursiisuu akka barbaadan ibsan. Garmalee paarticha gara walakkaatti harkiisuunis balaa qabaachuu maluu kaasan.
Boodarras wayita Kaarbiin dursaa turaniitti, sababii walitti bu’insa farra seemiitizimiitin wal qabatee umameetiin, Jeereemii Korbiin akka miseensummaa partii Leebar ta’uun paarlaamaarraa dhorkaman ta’e.
Mieensoonni ilaalcha warra harbeessitootaa ta’an irra caalaanis, Kiir yeroo dheeraadhaaf paarticha keessatti karoora qabachuun kanneen ilaalcha laafaa qaban qofti akka paarlaamaaf kaadhimamtoota ta’anii dhiyaatan gochaa jiru jechuun himatan.

Madda suuraa, PA Media
Eejjannoon Kiir maaliidha?
Sar Kiir tibba duula na filadhaatti kan dubataniin alatti haala addatti paartiichi sagalee akka argatu gochuuf gara wallakkeessaatti harkisaniiru.
Haala faayinaansii dadhabaa Yunaayitid Kingdam kaasuudhaan imaammatawwan qaalii maallaqa olaanaa baasiisan gartokkeetti dhiisuun karoora cimaa muraasa qabataniiru.
- To’annoo mootummaa jala olchuu
Sar Kiir dhaabbilee bishaaniifi injinariingii to’annoo mootummaa jala galchuudhaaf yaada kanaan dura dhiyeessan ni kaasan.
Haata’u malee waggaa shan keessatti tajaajilawwan baabuura imaltootaa hunda kubaaniyaa haaraa ‘Great Britain Railway’ jedhamu jalatti gara abbummaa ummataatti deebiisuuf waadaa seenaniiru.

Madda suuraa, Labour party/PA
Barnoota
Sar Kiir kanaan dura baratoonni kooleejii kanfaltii galmee barnootaa himbiisuudhaaf waadaa seenanii turan dhiisuudhaan, mootummaan kanfalu akka hin dandeenyee dubbatan.
Turtii BBC walin taasisaniin, ‘‘ofii keenya sababii haala faayinaansii cimaa keessatti agarreef, murtee kanaan itti hin fufnu’’ jedhan.
Sar Kiir kanfaltii manneen barnootaa dhuunfaa Biriteen kanfalachiisan irratti gibara dabalataa kanfalchiisuu akka eegalan beeksiisan.

- Eegumsa Naannoo
Paartiin Leebar pirojaktoota inarjii magariisaatiif waggaatti doolaara biiliyoona 35 baasuudhaaf waadaa seenee jijjireera. Maddeen anniisaa qilleensaa fi konkolaataawwan elektiriikitiif warshaa baatirii ijaaruuf waadaa senee eegeera.
Kun ammo paartii konsarvaatiivitiif imaammata ijoo ta’e ‘‘baasuudhaaf’’ yaalaa jira jedhamuun qeequumsaaf saaxileera.
Sar Kiir dhiheenya kara dhaabbata haaraa Jiib Inajrjii jedhamu tokkootiin paawundii biiliyoona 8 damee anniisaa magariisaa faalama irraa bilisa ta’e irra oolchuuf waadaa seeneera.
Bara 2030tti dameewwan akka dhakkaa cilee fi boba’aa fa’in elektirikii UKn oomishitu guutummaan hambiisuudhaaf waadaa galan. Oggeessoonni hedduun garuu kun ta’uu hin danda’u jechuun ibsu.
- Israa’eliifi Gaazaa
Onkololeessa 7 2023 haleellaa Hamaas israa’el irratti raawwate hordofuun, sochii waraana Teel aviiv Gaazaa keessatti gaggeessituu fi mirga ofiishee ittisuu Sar Kiir deeggaraniiru.
Kun ammoo deeggartoota Filisxeemootaa hedduu irraa deeggarsa dhabsiiseera. Kanarra atattamaan dhukaasa dhaabuun akka taasifamuuf akka gaafataniif miseensoonni paartii Leebar paarlaamaa keessa jiran gaafataniiru.
Waggaa kanatti baatii Guraanadhaalaatti akka ‘‘dhukaasa dhaabuun dhaabbataa’’ ta’uuf waamicha dhiyeessnaiiru. ‘‘Ammatti ta’u kan qabaatu kanadha’’ jedhan.
Haala yaada ummataa Yugoov baatii Bitooteessaa keessaa waliitti qabeetti, Yunaayitid Kingdam keessatti lammiileen parsantaa 52 ta’an dhimmicha haala gaariidhaan akka hin qabne agariisa.
Haleellaa hiidhattoonni Huutii dooniiwwan Isra’eeliin hidhata qaban irratti raawwataniif deebii kennuudhaaf UKn buufataalee Huutii Yeman keessatti argaman irratti haleellaa raawwachu Kiir deeggaraniiru.
- Gamtaa Awuuroopaa
Kiir bara 2019tti Biriteen Gamtaa Awurooppaa keessaa bahu qabdii? dhimma jedhurratti yeroo lammataatiif yaadni ummataa akka kennamu dhiibbaa godhaniiru.
Ammatti gara Birexit’tti deebii’uuf gaaffiin omaa akka hin jirre dubbatan. Haata’u malee Gamtaa Awurooppaa waliin dhimmoota akka nyaataa, eegumsa naannoo fi sadarkaalee hojii fakkaatan irratti waliigaltee walta’insa haaraa ilaalchisuun akka mari’atan dubbatan.

Madda suuraa, Getty Images
‘‘Mo’amuu nan jibba’’
Kiir yeroo baayyee nama nuffisiisuu jedhamuun mormiitoota saaniin itti qoofama. Akka kabajaa seeraa of fakkeessuun agarsiisuu jaalatu. Waahilli hojiisaanii tokkoo, ‘‘miistar Ruulsi’’ nama dambiiwwan baayyiisu jechuun maqaa moggaasaniif ture.
Yeroo tokko qofaadha kan seera cabsan. Yeroo dargaggoo turan hayyama daldalaa malee osoo ayiskireemii gurguranii pooliisiin to’ataman. Ayisikireemichi fudhatamuusaatiin alattis adabbii biraa hin mudannee ture.
Tibbi afii-gaaffiittis muuxannoo waa’ee dhunfaasaaniirratti odeeffannuu kennuu qabu.
Gaazeexaan Gaardiiyaan akka gabaasetti, ‘‘Mo’amuu nan jibba. Tokko tokkoos wanti guddaan hirmaachudha jedhu. Ani garuu akkasiitti hin amanu’’ jedhan.
Sar Kiir bara 2007tti dubartii tajaajila fayyaa biyyaaleessaa (NHS) keessa hojjatan, Viikitooriyaa Aleeksaanda fuudhan. Ijoollee lamas waliin horataniiru.
Sar Kiir deeggaa kilaba Arsenaalidha.












