Xiyyaara Itoophiyaa Hargeessaatti balali’aa ture mootummaan Somaaliyaa akka deebiyu taase

Xiyyaarri Daandii Qilleensaa Itoophiyaa gara magaalaa guddoo Somaalilaand Hargeessaatti balali'aa ture osoo gara daangaa qilleensaa Somaaliyaa hin seenin duubatti deebi'uu hoji-gaggeessaan Daandii Qilleensaa Itoophiyaa BBC'tti himan.

Akka hoji-gaggeessaan Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa Obbo Mesfiin Xaasaw jedhanitti, xiyyaarri magaalaa Finifinneerra gara Hargeessaatti imalaa ture kun Somaaliyaa irraa hayyama hin arganne waan jedhameef gara Finifinneetti deebi'ee qubachuuf dirqame.

''Xiyyaarri gara Hargeesaatti imalaa ture deebi'eera. Sababni isaas xiyyaarichi balalii erga jalqabee booda, Somaaliyaarraa hayyamni nuuf hin kennamne," jechuun deebi'ee qubachuu ibsan.

Akkuma marsariitii hordoffii balalii Flytradar24 irratti mul’atutti, har’a balaliin xiyyaaraa lama gara Somaaliyaatti gaggeeffameera.

Flightradar akka agarsiisutti, xiyyaarrii Itoophiyaa tokko kan lakkoofsi balalii ET372 qabu guyyaa sa'aatii 5tti Hargeessaa qubateera.

Haata'u malee, xiyyaarri lakkoofsi balalii ET8372 ta’e, ganama sa'aatii 2:30tti Finfinneerraa ka'ee gara Hargeessaatti balali'aa ture Jigjigaatti ofirra deebi’uun buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Boolee sa’aatii 4:30tti qubate.

Siiviil Aviyeeshiniin Somaaliyaa ibsa yeroo muraasa booda baaseen xiyyaarri Itoophiyaa lakkoofsi balalii ET8372 Hargeessaa akka hin qubannee dhorkamuu beeksise.

Hojji gaggeessaan Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Obbo Masfin Xaasaw xiyyaara daandii qilleensaa kamiitu akka deebi’u taasifamuufi waa’ee imaltoota xiyyaara akka deebi’u taasifameen imalaa turanii garuu odeeffannoo dabalataa kennuurraa of qusatan.

Haata’u malee, Ministirri Beeksisaa Somaaliyaa Daawud Aweyisaa xiyyaarri aanga’oota mootummaa Itoophiyaa olaanoo qabate hayyama waan hin qabneef akka gara Hargeessaa hin seenne dhorkame jechuun BBCtti himan.

Haata’u malee, xiyyaara akka gara bakka deemuuf ka’etti balali’uu dhorkame irratti mariyatamuun, balaliin Chaartara kun yeroo biraatti kan dabarafame yoo ta'u, balaliin idilee garuu ittifufu Masfin Xaasaw BBCtti himan.

Torbanoota dura Itoophiyaafi akka biyya walabaatti kan of ilaaltu Somaalilaand, waliigaltee wal hubannoo Itoophiyaaf ulaa galaanaa akka argattu taasisu waliif mallatteessuu hordofee Finfinneefi Moqaadishoo gidduutti muddamni dhalateera.

Sanadiin waliigalteen walhubannoo Itoophiyaan Somaalilaand waliin waliif mallatteessite hojiirra yoo oole Galoo Galaanaa Adeenirratti ulaa galaanaa akka qabaattu kan taasisu yoo ta’u, bakka kanaa ammoo Somaaliyaan akka qaama biyyasheetti kan ilaaltu Somaalilaandiif adeemsa keessa beekamtii biyyummaa kennitiif jedhame.

Itoophiyaafi Somaalilaand waliigaltee kana waliif mallatteessuu Somaaliyaa baayyee kan dheekkamsiise yoo ta’u, gocha birmadummaasheerratti miidhu akka ta’e ibsuun cimsitee mormite.

Taateen kun ammoo Gaanfa Afrikaarra darbee Afrikaa Bahaa keessatti muddama siyaasaa uumeera.

Ministirri muummee Somaaliyaa Hamzaa Abdii Baarree torban darbe gaafa Sambataa Itoophiyaa waliin waraanatti galuudhaaf qophiidha jechuun isaanii dhaga’ameera.

Haasaa ministira muummee kana dursee Pirezidant Hasan Sheek Mohaammad Itoophiyaatiin “diina” Somaaliyaa jechuun ibsanii ture.