'Namni ulfa uumee baase gumaa lubbuu kanfala'- Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoo

Abbootiin Gadaa wayita walgahii godhataniitti

Madda suuraa, EPA

Gamtaan Abbootii Gadaa Oromoo miidhaan dubartootaa fi daa'imman irra gahu yeroo kamiyyuu caalaa dabaluun duudhaa sabichaa balleessaa waan jiruuf xxiyyeeffannaa argachuu qaba jechuun tumaalee haaraa tumuun lallabbe.

Abbaan Gadaa Maccaa fi Walitti qabaan Gumtaa Abbootii Gadaa Oromoo, Warqinaa Tarreessaa, dhimma kana ilaalchisuun BBC waliin turtii taasisaniin, gaafa Muddee 17 bara 2017 irraa eegaluun tumaaleen haaraan lallabamuu himu.

"Yeroo ammaa kana akka Oromiyaattis ta'e akkuma biyyaatti dubartootaa fi daa'imman irra dhiibbaan adda addaa gahaa jiru. Ajjeechaan, gudeeddiin, umurii malee heerumsiisuun, daa'ima dahanii gatuun fi humna daa'immanii saamuun haalan mul'achaa dhufeera," jedhu.

"Wantoota aadaa Oromoo keessa hin turree fi sirna Oromoo keessatti balaallefatamantu raawwatamaa jira. Kun waan nama qaanessudha. Safuun cabaa jira. Aadaa keenyas gadi buusa. Yeroo akkanaa Oromoon tumaa mataasaa qaba," jechuun waan tumaa haaraa kana tumuun barbaachiseef dubbatan.

Gamtaan Abbootii Gadaa Oromoo dhimma kana irratti Kamisa darbe jechuunis Muddee 26, 2024 Bishooftuutti yaa'ii taa'een, tumaalee gochoota kana dhaabsisuu danda'an jedhe dabarseera.

Tumaalee lallabaman keessaa inni tokko dhimma ulfa baasuu fi daa'ima dahanii gatuuti.

"Daa'ima uumanii garaadhaa baasuun aadmaleedha. Cubbuudhas. Dhaloota balleessudha. Namni kana godhee argame gumaa guutuu akka kanfalu lallabneerra. Kuni akkuma araddaa araddaatiin kan hojiitti hiikamu ta'a," jedhan.

"Inni biraa daa'ima dhalanii gatuunis duudhaa keenya kan cabsu waan ta'eef namni Ilmoo gatee lubbuun yoo darbe Gumaa guutuu, gatamtee yoo lubbuun argamte ammoo gumaa walakkaa akka kanfalamu lallabameera," jechuun gosawwan addabbii murtaa'e ibsan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Seerri maatii Oromiyaa fooyya'ee bahes, ulfa baasuun yakka akka ta'e kan eeru yoo ta'u, haalonni addatti ulfi akka bahu ta'uu danda'u akka jiraatu garuu ni eera.

Isaan keessaas ulfi fira dhihoo irraa kan uumame yookan rakkoo fayyaa daa'ima garaa keessa jiruu yookan fayyaa haadhan walqabatuun ta'uu akka danda'u eera.

Akka Abbaan Gadaa jedhanitti ammoo, akka seera Gadaa fi duudhaa Oromootti firrii fi firri kana godha jedhamee waan hin yaadamneef tumaan ulfa baasuun walqabatee tumame kun haala addaatiin jedhee wanti ibse akka hin jiraanne dubbatan.

Gochoonni akka dirqisiisanii gudeeduu fi humna daa'immanii seeraan ala fayyadamuus akkaatuma badii isaatiin adabbiin loonii akka tumames kaasaniiru.

Kana malees naamuusa ykn haala uffata hojjattoota hoteeloota kaarratti tumaan labsameera.

Hoteelota keessatti akkaataa uffannaa keessummeessitootaa gama ilaaluun, abbaan qabeenyaa uffata sagaagalummaaf affeeru uffachiisee hojjachiise akka adabamuu fi kanneen tumaalee kunneen darbanis hariiroo hawaasummaa irraa akka qollifataman ibsan.

Gumiin Abbootii Gadaa Oromoo tumaalee kunneen korma qalanii erga lallabanii booda hojiirra oolmaan isaas karaa biiroolee mootummaa dhimmichi ilaaluu fi manneen murtii aadaatiin kan raawwataman ta'uus himu.

"Tumaaleen kunneen gama biiroo dhimma dubartootaa fi daa'immanii, karaa biiroo aadaa fi turizimiis hojiirra akka oolan waliigaltee qabna'' jedhan.

Akkasumas ''Waajjiraalee abbaa alangaa fi manneen murtii aadaa sadarkaan jiranis hojii kana guutuutti akka hojiirra oolchan waliigallee jirra," jedhan.

Abbootii Gadaa walitti qabamanii wayita tumaa seeraa tumaniitti

Madda suuraa, EPA

Tumaalee kanaan dura tumanan keessaa

Akkasumas abbootiin Gadaa Godina Arsii Lixaa kanneen butii raawwatanii fi gochoota dubartootaa fi daa'imman miidhan jedhan 24 irratti tumaawwan seeraa bara dabre keessa tumatanii jiru.

Tumaan seeraa kuni aanichatti miidhaan dubartootaafi daa'immanirra gahu kan duriirraa dabalaa waan dhufeef akka tumame qondaalli mootummaa BBC'tti himaniiru.

Namni "fuudha fi heeruma umurii malee raawwatee argame loon torba adabama. Kan butii raawwates loon torba adabama. Namni abbaa yookaan haadha dhahee ajjeese gumaa haadhaa loon 50 kan abbaa 100 baasa," jedhan.

Gama biraatiinis abbootiin gadaa Shawaa Kaabaa gaa'illi akka feetee babal'achaa jira jechuun 'seera qabachiisuuf' jechan tumaalee baasunsaanii ni yaadatama.

Adeemsi fuudhaa fi heerumaa bu'uura aadaa isaa gadhiisaa jira jechuun abbootiin gadaa Godina Shawaa Kaabaa seeroota haaraa daangaa fi adabbiin daangeffame labsan.

Adeemsa fuudhaa fi heerumaa ilaalchisuun abbootiin Gadaa Godinichaa labsan qabxiiilee sagal qabu labsan.

Isaan keessaa, maacaa (Maallaqa maatii dubaraatif kennamu) birri 4,000 akka hin caalle, uwwisaan maatii misirroo abbaa fi akkaakayyuuf bullukkoo, haadhaaf ammoo qamisii qofa akka ta'u murteesse.

Uffata mucaan fuudhu intalaaf bitus lakkoofsaan adda baasee kan ibsu yoo ta'u, maatiin intala heerumsiisus meeshaalee intala heerumtuuf bituu qabu adda baasee kan tarreessedha.

Waa'ila dubaraa godhachuun guutumatti kan dhorkame yoo ta'u misirrichi ammoo waa'ila lama qofa akka godhatus akeeka.

Namni tumaa abbootii Gadaa kana cabsees adabbii qarshii kuma 10 hanga kuma 50 akka isa eeggatus seera bahe kanarratti eerame ture.