Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waa'ee diroonii addaa Raashiyaa Itoophiyaan tibbana mul'iftee waan beeknu
Itoophiyaan biyya jalqabaa Diroonii haaraa Raashiyaa hidhattee?
Amajjii 2026 torban darbe keessa Itoophiyaan waggaa 90ffaa hundeeffamuu humni qilleensaa ishee sababeeffachuun dandeettii humna waraanaa ishee agarsiisaa turte.
Agarsiisaa kana irratti xiyyarota waraanaan alattis dirooniwwaan biyyoota hedduun oomishaman Itoophiyaa keessatti agarsiisaf dhiyaataniiru.
Kana keessa dirooniin fageenya giddu galeessaa Raashiyaan hojjetame Oriiyoon-E UAV jedhamu isa tokko.
Itoophiyaan Raashiyaan alatti biyya diroonii kana qabaachuun ishee mirkanaa'e ishee jalqabaati.
Agarsiisaa humna qilleensaa (Aviation Expo 2026) Bishooftuutti qophaa'e irratti suuraan dirooniichaa qoodameera.
Inistiyuutiin dhimma Alaa Itoophiyaas Itoophiyaan Dirooni Raashiyaa kana hidhachuun ishee mirkaneessera.
Kana malees maxxansi Waraanaa Yuukireen Diffeensi Ekispirees jedhamu Amajjii 27, bahe Raashiyaan Xiyyaarota waraanaa Yak-130 jedhaman jahaafi Diroonii Waraanaa Oriyoon tokko Itoophiyaaf kenniteerti jechuun gabaase.
Maxxansicha irratti, xiyyaaronni kunneen agarsiisa aviyeeshinii Bishooftuutti taasifame irratti mullachuus ibseera
Humni Qilleensaa Itoophiyaa Oriyooon-E fi dirooniwwaan tajajailaa adda addaa kennani biyyootaa adda addaatti oomishaman agarsiisa irratti dhiyeessera.
Akka gabaasaaleen dhimma waraanaa Itoophiyaa ilaallatan hedduun jedhanitti, Itoophiyaan waggoota dhiyoo keessa hidhannoo dirooniin jijjirama guddaa agarsiisaa jirti.
Dirooniin Raashiya Oriyoon harka Itoophiyaa galuun Itoophiyaan diroonii biyyoota kan Turki, Iraanifi Chaayinaatti dabaluun kuufama diroonii biyyattii kan ol kaasudha.
Itoophiyaan dirooniwwaan biyyoota heddutti oomishaman dabalataanis biyya keessatti oomishuuf bara 2025 warshaa omisha diroonii banteerti.
Waa'ee dirooniwwaan biyyoota adda addaa Itoophiyaan qabdu dura mee waa'ee Diroonii haaraa Raashiyaatti oomishamte Itoophiyaan agarsiifte maaltu akka adda godhu haa ilaallu.
Diroonii kana maaltu adda godha?
Dirooniin kun Raashiyaan alatti biyyi qabaachuun ishee mirkanaa'e Itoophiyaa qofa. Bara 2016tti yaaliin oomisha Diroonii kanaa kan jalqabe yoo ta'u bara 2021 irraa kaasee gurgurtaaf dhiyaate.
Raashiyaan waraana Sooriyaa fi Yukireen keessatti diroonii kana fayyadamteerti.
Gosti diroonii Oriiyoon jedhamu kun olka'iinsa giddu galeessaa, hanga KM 7.5 keessatti saati tokkotti hanga km 120–150 balali'uu dandeessi.
Tajaajila sakatta'iinsa, basaasa, hordoffii fi ergama haleellaa sirrii ta'e rawwaachuun ga'uumsa olaanaa qaba.
Akkasumallee walitti fufiinsan tilmaamaan sa'aatii 24 hanga 30 qilleensarra turuu dandeessi .
Dandeettii fe'umsaa hanga Kilogaraama 200-250 kan baatu yoo ta'u boombii fi misaa'ela baachuun bakka ajajamteetti haleellaa raawwatti.
Hangi baasii diroonii kana Iccitii ta'us paakeejiin bittaan diroonii gosa Orion-E doolara Ameerikaa miliyoona 300- 500 gidduutti akka tilmaamamu ragaaleen dhimma waraanaa kan ibsan.
Itoophiyaan meeshaalee waraanaa Raashiyaa heddu kan fayyadamtu yoo ta'uu dirooni kanas hangamiin akka bitte gabaasni mul'isu hin jiru.
Itoophiyaan Orion-E fi jeettiiwwan waraanaa leenjisaan Yak-130 malees xiyyaarota waraanaa Raashiyaa sadarkaa olaanaa qaban kanneen biroo, akka Su-35, Flanker-E" fi kanneen biroo oomisha Raashiyaa ta'an qabdi
Itoophiyan Diroonii biyyoota kamfaa qabdi?
Itoophiyaan biyyoota Afrikaa michoota isheerraa diroonii gosa hedduu hidhatte yoo taatu, teeknoolojii humna qilleensaa fi ittisaa irratti xiyeeffannoo kennitee hojjataa jiraachuushee sagantaa agarsiisa sana irratti MM Abiy Ahimad dubbatanii ture.
Waggoota muraasa darbanitti Itoophiyaan diroonii Turkii, Iraan, Chaayinaa,UAE fi Raashiyaa irraa argachuun, tarsimoo dhiyeessii meeshalee waraanaa hedduu qabaachuu ishee mul'ifteerti.
Abiy Itoophiyaan bara 2030tti humna qilleensa ishii dachaan guddisuu akka barbaaddu fi meeshaa waraanaa dhaloota shanaffaas hidhachuuf akka hojjattullee eeran.
Omisha meeshaalee waraanaa biyyoota hedduu qabaachuun ishee ammoo dhiyeessii biyyaa tokkoo qofa irratti hirkachuu caalaa tarsiimoo bittaa michoota hedduu qabaachuu ishee kan calaqqisiisudha.
Kana malees dirooniiwwaan biyyoota adda addaa kanarraa bocuun biyya keessattillee oomishuu ykn fooyyessuu jalqabuun ishee dhimma kana irratti xiyyeeffannoo kennuu ishee kan ibsu ta'uu ragaalen kan ibsan..
Turkii
Turkiin Itoophiyaaf dhiyeessituu diroonii waraana ijoodha. Kanaanis Itoophiyaan diroonii waraanaa olka'iinsa giddu galeessaa kan Bayraktar TB2 jedhamu oomisha Turkii qabdi.
TB2'n diroonii naannoo waraanana haleellaa cimaa raawwatamuuffayyaduu ta'uu isaatiin xiyyeeffannoo idil-addunyaa kan argate yoo ta'u, ergama sakatta'iinsaa fi haleellaa sirrii ta'eef kan qophaa'edha.
Itoophiyaan Diroonii kana waraana Kaaba Itoophiyaa, Oromiyaa fi bakkee biraatti itti fayyadamuu gabaasaaleen ba'aa turan. Garuu Itoophiyaan waraana irratti fayyadamuu ishee hin amanne.
Iraan
Iraan Itoophiyaaf diroonii dhiyeessitee beekti. Keessattuu dirooniin Mohajer-6 , jedhamu horddoffiii fi ergama haleellaa fageenya gabaaba rawwachuun kan danda'uudha
Dirooniin Iraanin hojjetame kun biyyoota Baha Giddugaleessaa fi Afrikaa hedduutti ergamaa kan ture yoo ta'u, yeroo baayyee meeshalee waraanaa warra dhihaa waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu baasii salphaan kan argamuudha.
Gosti Diroonii kana adda durummaan hordoffii fi haleellaa fageenya gabaabaaf kan oolu yoo ta'u, sababa gadi dhiyaate balali'uuf haleelamuuf caalaatti saaxilamaadha
Chaayinaa
Chaayinaan Itoophiyaaf dirooniiwwan (Wing Loong) jedhaman , kan dhaabbata mootummaa biyyattiin hojjetame Itoophiyaaf akka dhiyeesite eerama.
Dirooniin kun dandeettii haleeluu fageenya dheeraa kan qabu yoo ta'u, buufata fagoo irraa to'achuun kan danda'amuudha
Irra caalatti hojii sakatta'iinsaa fi halleellaa qiyyaafatame raawwachuuf kan ooltu yoo ta'u, Chaayinaan yeroo dheeraaf diroonii kana biyyoota Afrikaa hedduudhaaf dhiyeessaa turte.
Dirooniwwaan UAE fi kan Raashiyaa dhiyeenya ifoome dabalatee kanneen Itoophiyaan tajaajila hordoffii basaasaa fi haleellaa rawwachuuf itti gargaaramtuudha.
Kana malees oomisha biyya keessaa warshaa diroonii dhaabuun keessumaa diroonii xixiqqaa balleessanii badan dhibbaan lakkaa'aman oomishuu ibsiteerti.
Dirooniwwaan kunnee hojii daldalaaf, hordoffiifi duulaaf kanneen oolaniidha.
Dhiibbaa Naannawaa
Itoophiyaan teknolojiwwaan humna qilleensarraa heddu hidhachuun naannawa gaanfa Afrikaatti olaantummaa argachuuf carraaqqii taasiftu kan mul'isuudha.
Loltootni Itoophiyaa ga'umsa qabaniin ergama adda addaaf kan filataman yoo ta'u biyyoota addaa addaa keessattis ergama nagaa raawwachiisuun maqaa gaarii qabu. Bara kanas ergama nagaa kabachiisuu Gaazaf loltootni Itoophiyaa filatamuun tibana gabaafameera.
Itoophiyaan ga'uumsa waraanaa ishee dabalataan teknolojiwwaan kanneen hidhachuun ammoo dorgommii olaantummaa humnaa biyyootni taasisaa jiran keessatti tarknaafii salphaa mit.
Xiyyaarota waraanaa Raashiyaa, fi dirooniwwan kunneen haala lolaa jijjiruu akka danda'an kan xinxaltootni dubbatan.
Kun ammoo maqaa gaarii Itoophiyaa ol kaasuun michoota akka horattu akkasumas biyyootni dantaa Itoophiyaa akka hin mormine kan akeekkachiisudha.
Keessumaa yeroo biyyattiin gaaffii dhimma Galaana Diimaa fi waldhabdeen Ertiraa waliin qabdu cimeetti Ertiraanis ta'ee masaanun Itoophiyaa waggoota dheeraa akka deebi'anii of ilaalana taasisa. Masrii hidhannoo waraanaan biyya Afrikaa sadarkaa jalqabaarra jirtu taatus adeemsi Itoophiyaa kun dhiibbaa irratti qabaachuu mala.
Itoophiyaan Raashiyaa, Chaayinaa fi Turkii qabachuun, hirkattummaa ishee biyyoota warra dhihaa irraa xiqqeessuuf yaali taasisaa jirti.